GAA’ELA GAARII IJAARUUF

1

GORSA GABAABAA GAA’ELA GAARII IJAARUUF GARGAARAN

“NAMOOTA GAA’ELA IJAARRACHUUF DEEMTANIIF”

Gorsa gabaabaa gaa’ela gaarii ijaaruuf kanneen gaa’elatti seenuuf jirtaniif:

1. Namni akka alaa ilaalan hin ta’u

Gaa’ela gaarii ijaaruuf yeroo bultiitti seentan, nama alagaa wajjiin mana tokko keessa galuuf qophaa’uu keessan hin dagatinaa! Kana jechuunis amalaan, dandeettiin akkasumas hubannaadhaan. Nama guddaa tokko jijjiiruu hin dandeessan. Amala isaa qabatee dhufa. Atis kan kee qabattee dhufta. Nama amala isiniif hin taane qabu, nan jijjiira yookiin anaaf jecha ni dhiisa/dhiifti jettanii of hin gowwoomsinaa. Namni sigaaraa aarsu, yookiin kan oduu odeessu, yookiin kan TikTokii irra oolu tokko yoo fedhii isaatin dhiise malee siif hin dhiisu. Nama amala isiniif hin taane qabu, dursumaan ofirraa dhiisaa.

2. Gaa’elli jaalala haalduree hin qabne qofa irratti ijaaramuu qaba

Jaalalli haala irratti hundaa’amee ijaaramu haalichaan raafama. Dabalataanis isin lamaaniyyuu jaalalaaf qophii ta’uu yookiin gama lamaanirraa jaalalli madduu qaba. Bareedina keetin jaaladhe, diimina keetin jaaladhe, dheerina keetin jaaladhee fi wantoonni akkanaa sinsinnii dha malee jaalala miti. Jaalalli dhugaan diimaa fi gurraacha waliin wal hin ilaallattu. Deegaa fi dureessa hin ilaallatu. Dheeraa fi gabaabaa hin jedhu. Haalduree tokkollee hin qabu.

3. Jaalalli sobaan hin ta’u

Nama dhugaan isin jaalatu tokko yoo sobaan si jaaladhe jettaniin sirrii miti. Dantaa yerootif wal hin sobinaa. Horiin ni dhufa. Ni dhumas. Bultiin qabeenyaaf jecha ijaarame, gaafa qabeenyi dhume ni diigama. Kan jaalala irratti ijaarame immoo hin diigamu. Namni wal jaalatu wajjin hojjetee horata. Yoo dhabe immoo waan qabu qooddatee jiraata. Qabeenya dhabus gammachuu hin dhabu. Qabeenyi gammachuu hin fidu jedhu warri adiin yeroo mammaakan. “Money can’t buy you happiness” jedhu.

4. Yoo jaalalli dhugaa isin keessa jiraachuu baate, hin fuudhinaa/hin heeruminaas. Of jaaladhaa. Fira jaaladhaa. Jiruu keessan jiraadhaa.

Fuudhuu fi heerumuu yoo barbaaddan garuu jaalala dhugaadhaaf bitamaa. Gatii baasuu qabdan hundumaa gadi of qabuudhaan baasaatii eebba argadhaa! Yeroodhaaf gadi of qabuun milkaa’ina barbaaddu biraan si gaha.

Utuma jaalala ofkeessaa hin qabaatin namatti dabalamtanii yeroo keessan hin balleessinaa, tasgabbii horadhaa! Waaqni isin haa gargaaru!

5. Nama dhugaan jaalattan tokko, Miira isaa/ishee gadi fageenyaan hubadhaa

Kana gochuuf obsa waliif qabaachuu, waliif danda’uu, ba’aa walii baachuu, irra waliif darbuu fi ogeessa ta’uu dabalata. Nama jaalatan hin miidhan. Hamtuu isaa/isheellee dhaga’uu hin fedhan. Utuma qalbiin nama cabduu, utuma garaan nama laalatuu obsanii irra waliif darbu. Gaarummaa waliif yaadu. Akka kanatti kallattii qajeelaa fi nama gammachiisu irra waliin imalu. Gaa’ela gaarii ijaaruuf jabaadhaa, Waaqayyo isin haa gargaaru!

Gaa’ela gaarii horadhaa


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Geetuu

Getu Abera is graduated with Computer Science BSc Degree at 2012 and now works as volunteer and online advertisement.

One thought on “GAA’ELA GAARII IJAARUUF

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Next Post

Wantoota Namoonni Barachuuf Barfatan

Sun Dec 8 , 2024
Wantoota namoonni barachuuf barfatan keessaa gurguddoo kudhan maal akka ta’an akka armaan gadiitti waliin ilaaluu dandeenya. 1. Wanti hundinuu yeroodhaaf Addunyaa irra jiraannu kana irra wanti yeroon hin dabarsine hin jiru. Yeroon isaa yommuu gahutti wanti hundinuu in darba. 2. Jireenyi sodaa miti Namoonni baay’een hiika jireenyaaf yommuu laatan “jireenyi […]

You May Like

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading