Seensa
Yaada ofii haareffachuu jechuun yaada garaa isa akeeka uumamaniif bira gahuu irraa nama ittisu, milkaa’ina jiraachuu qaban irraa duubatti nama hambisuu fi hanqina kan ta’e ofirraa gatuudhaan eenyummaa haaraa simachuu jechuudha. Yaada garaa ofii geeddachuun qulqullummaan Waaqayyo waliin Jiraachuu nama dandeessisa.
Mee gaaffilee salphaa garuu barbaachisaa ta’an muraasan si gaafadha. Waggaa kana keessatti kaayyoo fi galma ofii kee kaa’attee jirtaa? Kan ati fiixaan bahumsa barbaaddu kallattii kamiin? Karoora kee bira gahuuf hojii hojjechuun siif ta’u karoorfattee jirtaa? Bara karoora garagaraa keessatti kaa’atte kana keessa immoo karoora jiraachuu baafattee jirtaa?
Yaada ofii haareffachuu namni barbaadu yoo jiraate gabaabinaan barruun kuni isa ni fayyada. Bara gaarii arguu ni feetaa? Dubbiin Waaqaa inni si uume karaa hafuura isaa sitti dubbatu isa kana, “Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf, Yesuus Masihicha isa duraan dursee isiniif qopheessee tures, akka isiniif erguuf gara isaatti of deebisaa!” (HoE. 3:20) “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesuus Kristoositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattuu!” (HoE. 2:38) “Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru. Cubbuu keenya yoo himanne, inni [Waaqayyo] amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa. Nuyi cubbuu hin hojjenne yoo jenne immoo isa [Waaqayyoon] sobduu in goona, dubbiin Isaas nu keessa hin jiru.” (1Yoh. 1:8-10)
Yaada ofii hubachuu fi of jijjiiruuf dhimmuun barbaachisaadha
Yaa michuu ko, yoo sagalee amma dubbisaa jirtu kanaaf deebiin kee walii galaa hin taane ta’eef Waaqayyo ammayyuu waa si yaadachiisuu barbaada. Akkas siin jedha, “yookiis baay’ina gaarummaa isaa, obsa isaa siif danda’uu isaa salphinatti ilaaltaa ree? Gaarummaan Waaqayyoo gara yaada geeddarannaatti akka si geessu hin hubattuu ree? Mata-jabina keetii fi yaada garaa keetii geeddarachuu diduu keetiin garuu, guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo inni qajeelaan itti mul’atuuf dheekkamsa of irratti walitti in qabda.” (Rom. 2:4-5)
“Kanaaf akkuma hafuurri qulqulluun jedhu, ‘Har’a, sagalee Waaqayyoo yeroo dhageessan, akkuma warra guyyaa qoramsaa lafa onaatti, Waaqayyo irratti ka’an sanaa, isin mata-jabeeyyii hin ta’inaa!” (Ibr. 3:7-8) “Maaliif duutuu! irra-daddarbaa ittiin yakkitan hundumaa of irraa gataa, garaa hafuuraa fi hafuura haaraa godhadhaa! Ani du’a namaatti hin gammadu, kanaaf yaada garaa keessanii geddaaradhaatii jiraachaa!’ Jedha [Waaqayyo]!” (Izq. 18:29-31) “Waaqayyo, ‘deebi’uu yoo barbaadde, gara kootti deebi’i! Waaqolii kee warra ciigga’amoo ija koo duraa yoo balleessiteef hin sochootu'” jedha.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.