Wiirtuuleen nukilaaraa sadeen Iraan ‘miidhaa hamaatu irra gahe’ – US

Haleellaa Ameerikaan wiirtuulee nukilaaraa Iraan irratti raawwatte hordofee Peentaagan ibsa kennaa jira.
Daan Kaayen miidhaa wiirtuulee kunneen irra gahe ‘akkas’ jedhanii himuuf yeroo fudhata jedhan.
”Miidhaa hangam akka gahe sakatta’insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta’insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,” jedhan.
Iraan beekumsa nukilaaraa biyyattiin qabdu ‘balleessuu hin danda’u’ jette

Dubbi-himaan Dhaabbata Humna Atoomikaa Iraan (AEOI), beekumsa biyyattiin anniisaa nukilaaraa irratti qabdu ”balleessuu hin danda’u” jechusaanii dhaabbanni oduu ofiisaa Iraan IRNA’tti gabaase.
Behrouz Kaamaalvaandiin, indaastiriin nukilaaraa Iraan keessatti hundee kan qabu yoo ta’u, ”hundee kunas balleessuun hin danda’amu,” jedhan.
“Miidhaan nurra gaheera, haata’u malee indaastirichi yoo miidhaan irra gahu kun kan yeroo jalqabaa miti,” jechuun dabalanii dubbatan.
Haaluma walfakkaatuunis, ministirri dhimma alaa Iraan Abbaa Araaghchiin sagantaa nukilaaraa Iraan kan ”beekumsa nukilaaraa biyya keessaa” irratti hundaa’e yoo ta’u, “boombii darbachuudhaan balleessuun” hin danda’amu” jedhan.
Iraan yoo kan haaloo baatu ta’e ‘humna baay’ee caaluutu’ ishee eeggata – Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, yaada haaloo ba’uu Iraan kamiyyuu cimsanii akeekkachiisaniiru.
Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti maxxansaniin, erga Waayit Hawusitti haasaa taasisaniin booda, akkas jechuun barreessan:
“TARKAANFIIN HAALOO BAHUMSAA IRAANIIN YUNAAYITID ISTEET OF AMEERIKAA IRRATTI AGGAAMAMU KAMUU, HUNMA HALKAN HAR’A MUL’ATE CAALU HUMNA GUDDAAN KAN DEEBIIN KENNAMUUF TA’A.”
Faransaay fi Jarman Iraan tarkaanfii dabalataa akka hin fudhanne gaafatan

UK, Faransaay fi Jarmaniin, tarkaanfii dabalataa Baha Giddu Galeessaa ”tasgabbii dhabsiisuu” danda’u akka hin fudhanne Iraan gaafatan.
Ministirri Muummee UK Kiir Istarmar, Pirezidantiin Faransaay Imaanu’eel Maakrooniifi Chaansilarri Jarman Firiidrich Meerz ibsa waloo kennaniin, ”Iraan gonkumaa meeshaa nukilaaraa qabaachuu akka hin qabaanneerratti yeroo hunda ifa ta’uusaaniifi nageenya Israa’el akka deeggaran himaniiru.
Ibsichi haleellaa Ameerikaa ilaalchisee kan kaase yoo ta’u, itti dabaluudhaanis: “Kaayyoon keenya Iraan meeshaa nukilaaraa akka hin qabaanne ittisuu ta’ee itti fufa” jedhan.
Hoggantoonni kunneenis Iraan waliigaltee, ”yaaddoo sagantaa nukilaaraa ishee waliin walqabatee jiru hunda ilaalu” mirkaneessuuf ”marii irratti akka hirmaattu” gaafatu.
“Qaamolee hunda waliin qindoominaan galma sanaaf gumaacha keenya gochuuf qophiidha,” jedhu.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
The president of america acted in this regards acts of religion