Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa?

 

GARGAARSA DARGAGGOOTAAF TAʼU (GAAʼELA GAARII)

Gaa’ela dura waliin jiraachuu qabnaa? Macaafni qulqulluun maal jedha?

📖 “Waaqayyo halalummaa irraa fagaattanii qulqullummaatti jiraachuu isin irraa in fedha. Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa’ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku!” (1Tas. 4:3-4)

Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa?

Namoonni hedduun gaaʼela utuu hin dhaabbatin waliin jiraatu. Gaa’ela dura waliin jiraachuu qabnaa? Tokko tokko akkas kan godhan kan waliif taʼan taʼuu isaanii qoruu waan barbaadanii fi carraa gaaʼela milkaaʼina qabu hundeeffachuuf qaban guddisa jedhanii waan abdataniifidha. Maarree gaaʼela dura waliin jiraachuun yaada gaariidhaa laata?

Mata duree kana keessatti

  1. Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
  2. Waliin jiraachuun gaaʼelaaf si qopheessaa?
  3. Waliin jiraachuun gama maallaqaatiin si fayyadaa?
  4. Waliin jiraachuun nama siif hin taanee wajjin gaaʼela dhaabbachuu irraa si oolchaa?
  5. Filannoon hundarra wayyu jiraa?
  6. Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa? Gaaffii jedhu waliin ilaalaa jirra. Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii gaaʼelaan ala raawwatamu ni balaaleffata. Fakkeenyaaf, “Halalummaa irraa fagaadhaa” jedha. (1Tasalonqee 4:3; 1 Qorontos 6:18) Kunimmoo gara fuulduraatti gaaʼela godhachuuf kan yaadan taʼullee, saalqunnamtii dhiiraaf dubartii utuu gaaʼela hin dhaabbatin waliin jiraatan dabalata.

Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu ulfa utuu gaaʼela hin dhaabbatin uumamuu fi miidhaawwan kan biroo gaaʼela dura waliin jiraachuudhaan uumaman irraa isaan eeguuf gargaara. Kanaafiyyuu gorsa macaafa qulqulluu salphaatti ilaalanii irra darbuun itti gaafatamummaa abbichaaf kenna.

Qophiin gaaʼelaa Waaqayyo biraa kan argamedha. Waaqayyo gaaʼela yeroo hundeessetti akka kana jedheera:

“…dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u.” (Uma. 2:24) Waadaan gaaʼelaa maatii jaalala qabuu fi dhaabbataa taʼe hundeessuuf gumaacha guddaa godha.

Waliin jiraachuun gaaʼelaaf si qopheessaa?

Namoonni tokko tokko “Eeyyee” jedhanii deebisu. Hojii mana keessaa yeroo waliin hojjetanii fi guyyaa guyyaadhaan amala walii yommuu hubatanitti, muuxannoo faayidaa guddaa qabu akka argatan isaanitti dhagaʼama. Gaaʼela milkaaʼina qabuuf garuu waadaa gaaʼelaa galuun murteessaadha.

Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo gaarii taʼettis taʼe, yeroo gaarii hin taanetti walitti maxxanuu kan dandaʼan akkamitti? Gaaʼela gaarii qabaachuuf wanti murteessaa taʼe, gaaʼela dura waliin jiraachuu, jechuunis yeroo dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko hariiroo isaanii yeroo taʼe tokkotti dhaabuu akka dandaʼanitti ilaalan taʼuu isaa miti. Kanaa mannaa, hariiroon lamaan isaanii gidduu jiru kan cimu, waadaa gaaʼelaa galanitti cichanii yommuu jiraatanii fi rakkoo isaan mudate furuuf yommuu waliin hojjetanittidha.

Hubadhu: Dhiirrii fi dubartiin waliin jiraatan gaaʼelaaf of qopheessuu irra utuu gaaʼela hin godhatin waliin jiraachuu filatan gargar baʼuuf qophaaʼaa jiru taʼa.

“Namni waanuma facaase sana haammata.” (Galaatiyaa 6:7)

Waliin jiraachuun gama maallaqaatiin si fayyadaa?

Namoonni tokko tokko “Eeyyee” jedhanii deebisu. Wiirtuun Qorannaa Piiyuu jedhamu akka ibsetti, Yuunaayitid Isteetis keessatti gaʼeessota kudhan keessaa gara afurii kan taʼan, gaaʼela utuu hin dhaabbatin kan waliin jiraatan gama maallaqaatiin akka isaan fayyadu waan amananiifidha. Haa taʼu malee, yeroo muraasaaf erga waliin jiraatanii booda, namoota qorannaan irratti gaggeeffame keessaa hedduun isaanii sababii guddaan gaaʼela godhachuuf akka hin qophoofne isaanitti dhagaʼamu rakkina maallaqaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Gaaʼela dura waliin jiraachuun, keessumaa dubartoota irratti miidhaalee kan biroos geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, hariiroo isaanii erga dhaabanii booda yeroo baayʼee itti gaafatamummaa ijoollee guddisuu kan fudhatu dubartootadha.

Hubadhu: Miidhaan utuu gaaʼela hin dhaabbatin waliin jiraachuun geessisu, faayidaa ni argamsiisa jedhamee yaadamu kam irrayyuu baayʼee kan caaludha.

“Ani Waaqa kee isa wanta si fayyadu si barsiisu dha.” (Isa. 48:17)

Waliin jiraachuun nama siif hin taanee wajjin gaaʼela dhaabbachuu irraa si oolchaa?

Namoonni tokko tokko “Eeyyee” jedhanii deebisu. Haa taʼu malee, kitaabni Fighting for Your Marriage jedhamu “namoonni gaaʼela godhachuu isaanii dura waliin jiraatan, yeroo baayʼee gargar baʼuun baayʼee ulfaataa akka isaanitti taʼu hin hubatan” jechuudhaan ibseera. Maaliif? Namoonni gaaʼela godhachuu isaanii dura waliin jiraatan tokko tokko, matumaa walii galuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Taʼus itti gaafatamummaa kanneen akka, qabeenya waliin qaban kunuunsuu, kiraa mana keessa jiraatan kaffaluu yookiin ulfa utuu hin eegamin dhufuu jiran ilaalchisee, wanta qorattoonni “hariiroo jijjiiramuu hin dandeenye” jedhanii waaman gidduu isaanitti uumama. Karaa biraatiin, kitaabni Fighting for Your Marriage jedhamu itti fufuudhaan, “namoonni gaaʼela godhachuu isaanii dura gargar baʼuuf yaadan tokko tokko, caalaatti salphaa waan isaaniif taʼuuf waliin jiraachuu isaanii itti fufuuf dirqamu” jedha.

Hubadhu: Waliin jiraachuun murtoo gaarii akka gootu si gargaaruu irra, hariiroo gaarii hin taane addaan kutuun baayʼee akka sitti ulfaatu gochuu dandaʼa.

“Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata, namni wallaalaan garuu itti in adeema, in adabamas.” (Fakkeenya 22:3)

Filannoon hundarra wayyu jiraa?

Miidhaa gaaʼela utuu hin godhatin waliin jiraachuun geessisu hambisuu fi carraa gaaʼela gaarii hundeessuuf qabdu guddisuu ni dandeessa. Akkamitti? Qajeelfama Kitaabni Qulqulluu gaaʼela ilaalchisee kenne sirriitti hordofuudhaani. Akka abbaa manaa fi haadha manaatti nama tokkoo wajjin jiraachuu jalqabuu kee dura, nama hiriyaa gaaʼelaa godhachuuf yaadaa jirtu sana beekuuf yeroo gaʼaa ramadi. Nama hiriyaa gaaʼelaa godhattu miira saalqunnamtii irratti utuu hin taʼin, amala naamusaa fi amantii walfakkaataa qabdan irratti hundooftee taʼuun isaa baayʼee barbaachisaadha. Kitaabni Qulqulluun gorsa gaaʼela gammachiisaa fi dhaabbataa taʼe hundeeffachuuf si gargaaruu dandaʼu qabateera. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun qajeelfama wantoota armaan gadii gochuuf si gargaaruu dandaʼu qabateera:

  • Amanamummaa kee akka hin hirʼisne si gargaaran
  • Amaloota hiriyaa gaaʼelaa gaarii taʼuuf si gargaaran
  • Yeroo gaaʼelaaf wal qorattanitti sirriitti wal beekuuf si gargaaran

Waaʼee dhimmoota kanaa caalaatti beekuuf, Channel telegram keenya Gaaela Gaarii irraa kutaa kutaadhaan jiru akka dubbiftan isin nan jajjabeessa.

“Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.” (2 Ximotewos 3:16)

Hariiroo Waaqayyo Wajjin

 

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

One thought on “Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading