Mammaaksa Oromoo

Mammaaksa Oromoo baay’ee namatti tolanii fi ergaalee adda addaa dabarsan kanneen irraa waan hedduu barattu. Mammaaksi dubbii fida. Dubbii fixa. Gorsa xinsammuu cimaa of keessaa qaba. Mammaaksa Oromoo kanneen baay’ee natti tolan keessaa muraasa isiniif dhiheesseera.

 

• “Namni Dubbii barbaadu, “gaaddidduu koo irra ejjette” jedha.

• “Kuttuun sa’aa fi marga addaan kutti.”

• “Haatee si qabdee, abbee sidhaanee, eennutti boottee himatta” jedhe.”

 

• Dhagayeen dhageettii hin taatu Gurraan caqasi, argeen argaa hin taatuu ijaan laali.

• Jarjaraan waraabessaa, gaafa ciniina.

• Abbaan of hin argu, dhagaan of hin darbu.

• “Waan dhufu hin beekanii, saree tana akaayi barsiisaa” jedhe jaarsi.

• Manguddoo fi eeboo, dura hin dhaabbatan.

• Harkaan kennaniiti, miilaan barbaada deemu.

 

• Abbaan loonii, dhoqqee hin xireeffatu.

• Tiruun bulte, lafee taati.

• Cubbuu sodaachuun, booruuf.

• Maal baasuuf, dhama raasu.

• Roopiin garbaa keessaa baayee, fiixeensa arraaba.

• Kofoo nama ergisanii “irra hin taa’in” namaan hin jedhan.

 

• ”Duraanuu foon kee hin mi’aayu, deemi” jedheen waraabessi kuruphee ari’ee dadhabnaan.

•Kuttuun sa’aafi marga addaan kutti.

• “Haati tee jalatti si qabdee, abbee sidhaanee eennutti boottee himatta” jedhe.

• Garaacha dheedhii, garaatti beeki.

• Midhaan warra raatuu, bona bona nyaatu.

• “Osoo gubadhuun kolfa” jette akaayiin.

• Keessummaa qamalee, raafuu keessati argu.

• Akka cabanitti hokkolan.

• Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan.

• “Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna,” jedhe waraabessi.

• Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du’a gannaa rabbiitu namaan dida.

• Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.

• Dhulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba.

• ”Situ diriiree of qochisiise,” jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee.

• Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

Mammaaksa Oromoo Hiika isaa waliin

➊. Dubartiin beektuun ganama dhalatti.

• Midhaan tolu biqila irratti tola.

• Buddeenni nama quubsu eelee irratti beekama.

 

➋. Dubartiin qalbii hin qabne tuullaa xaafii gufatti.

• Dubartiin waa of jalatti hin ilaalle waanuma ofii balleessiti jechuudha.

 

➌. Dubartii fi agadaan qalloo wayya.

• Furdina qaamaa irra jabina wayya jechuudha.

 

➍. Dubartii jennaan harka, saree jennaan sagaleedha.

• Dubartiin gaariin kan beekumsa qabdu, waan ishiin hojjettu bareedaa yoo ta’e jechuudha. Wanti ishiin hojjettu mi’aadha. Beekumsa ishee ibsuuf mammaakama.

 

➎. Dubartiin guyyaatti kudhan balleessiti; shan dhoksu, shan immoo ni obsu.

• Danda’uu agarsiisa!

 

➏. Dubbachuuf jabanni isaa dalga, dhiisuuf yeroo kootu darba jette dubarri!

• Yeroon utuu itti hin fayyadamin darbaa jira. Hojjechuufis dhiisuufis rakkadhe jechuudha.

Mammaaksa Oromoo

• Akka hin cabne beekaaf  bishaan dhagaatti bu’a.

• “Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka,” jette xaddeen.

• “Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne.”

• Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate.

• “Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte,” jedhe namichi tafkiidhan.

• Anatu farda se’ee harreetti okaa haame.

• Baay’attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu.

• Bofti qal’ateef eegee hin qaban.

• “Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay’eedha,” jette qurxummiin.

• Barcuma irra taa’anii muka hin hamatan.

• Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata.

• “Cilee ta’uuf gubanne cilee taanees gubanne,” jedhe mukti.

• Daa’imni hin boonye dugda haadhaa irratti du’a.

• “Deemi teenya okkoteen raafuu barte,” jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan.

• Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati.

• Dhoksaan fanxoo hin fayyisu.

• Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan.

• Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte.

• Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe’atan.

• Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se’a.

• Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu.

• Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta’u.

• Ijaa fi saree ganda hin lagan.

• Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe.

• Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu.

 

❏ “Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan” jette adurreen

❏ “Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen

 

▣ Gamna gowwoomsuun jibba dabalachuu dha.

▣ Nama beekaa du’e osoo dhaga’uu awwaalu.

▣ Osuma beeknuu huuba wajjin jettee sareen.

 

▣ Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.

▣ Qe’ee abbaan hin jirretti titiisni wal horti.

▣ Re’een baala argatte qeerransa hin sodaattu.

 

• Sanyii ibiddaa 🔥daaratuu nama guba.

• Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya.

• Mucaa boo’uuf jedhu jabbiin irra ejjate.

• Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhe namichi hatticha dhama’een.

 

• Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbisuu dha.

• Namni daara baasan daaraa dhaan nama qaba.

• “Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.

 

• Jarjaraan karaa hin fixu.

• Gadi deemuun marii hin qabu.

• Lookoo gaangeen sakaalan harkatti hin maran.

• Irreen laafe biddeen hin kutatu.

 

❏ “Situ diriiree of qochisiise” jedhe gaarri lafa diriiraa gad ilaalee.

❏ Sareen abbuma biraa nyaattuuf dutti.

❏ Sabbata jedhee hidhannaan bofa ta’ee na ciniine.

❏ Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe.

❏ Ulee bofa ittiin ajjeesan alumatti gatu.

➊. Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan.

➋. Waraabessi guyyaa yuuse yeroo dhan beekkachiise.

➌. Waan lafatti falan gaalati fe’an.

➍. “Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe” jedhe jaldeessi.

➎. Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan.

1. Beekumsi bishaan miti lagaa hin waraabani!

2. Nama fardaan barbaadan lafoo argatu.

3. Raachii fi naachi bishaan keessaatti walbeekti.

4. Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin caban.

5. Afaan gaariin afaa gaarii caala.

• Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti.

• Bishaan mataa ga’e miila hin hanqatu.

• Miila lama qabaataniif muka lama hin yaabatani!

⇛Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada.

⇛Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin Amaniin!

⇛Nama garaan ga’aatti garaan lafa nama ga’a.

1. Yaadni hamaan nama huuqqisa.

2. Namni namaaf qoricha.

3. Nama jechi hin madeessine waraanniyyuu hin madeessu.

4. Namni kokkolfaa nama miidhuu fi bokkaan aduu baasaa roobu tokko.

5. Bareedina gurraachatiif dubbii gamnaa; nama bira gahetu hubata.

6. Bakka Rabbii itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju.

Mammaaksa Oromoo

▷ Tunis dhukkuba taateef teessuma nama dhoowwitii jedhe namichi dhullaan qabde.

▷ Muka koruun nama hin dhibu bu’uutu nama dhiba.

▷ Namni dhama’iif uumame abjuun dhagaa guura.

Mammaaksa Oromoo

➊. Yoo akka maleetti baatan tafkiinuu dugda nama kutti.

➋. “Yaa harree kaan dhiittee, kaan ciniintee eenyu wajjin araddaa irra ooluufi.”

➌. Kan Karaa jiruu fi kan garaa jiru Rabbitu beeka.

➍. Maal haa baasuuf dhama raasuu

 

• “Wajjiin bulla yoo jette qeensa qaradhu, addaan baana yoo jette cooma qaladhu” jette cittoon.

• Namni ilkaan bareedu hidhii walitti hin qabatu

• Maraatafi sooressi akka argetti haasawa.

• Gadi deemuun marii hin qabu.

• Anuu gowwaadha kan odoo hin nyaatin quufu jedhe fardi okaa ba’aa tokko fixe.

 

彡 Hiriyyaan wal hin amanne, malkaa ceetutti wal kakti.

彡 Amalli bare nama hin dhiisu.

彡 Himata wallaalanii gabaa abaaran.

彡 Haati hattuun intala hin Amantu.

彡 Maqaan baduu manaa, mataan baduu wayya,” jette gondaan ciniintee haftee.

 

1. Bara barri toleef buqqeetu dhagaa cabsa.

2. Bishaan mixiin lagaa waraabdeen; jadeessi qaama dhiqata.

3. Oftuuluun nama si jibbu ofirratti tuuluudha.

4. Kan haati boo’aa guddiftte: haati biddeenaa boo’aa biddeena kennitiif.

5. Qe’ee Abbaan hin jirreti tisiisni walgeessi.

 

➊. Niitiin Afaan kaa’aa barte; kabaluuf jennaan afaan bante.

➋. Sababa ibiddi na gubeef bishaan narratti naquun na qabbaneessa malee na hin fayyisu.

➌. Na gargaarin hattuu na jalaa fudhuu badiidha.

➍. Harka mirgaa kutuun; harka bitaa darbannaa barsiisudha.

➎. Kan akka fardaa nyaatu, gaafa akka namaatti nyaatu du’a.

 

 

• “Nama fardaan barbaadan lafoo argatu”

• “Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata”

• “Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami”

 

• “Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan”

• “Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.

• “Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.

 

彡 Ulfi ulfina jennaan, gowwaan garaa dhiibe!

彡 Argaa toleef goromsi hin ottoomu!

彡 Kan kunootii hin argine, kuunnotii hin argu!

彡 Niitiin gabaa keessaa fuudhan, gabaa keessa baddi.

彡 Namni dhugaa hin quufne, dhugullee hin quufu.

彡 Murataan marqa baalarratti nyaata.

 

彡 Oduuf na qalani, jette lukkuun.

彡 Cubbuun bishaanii, harka buleen nama nyaachisa.

彡 Keessa marqaa, boojjitootu beeka.

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

One thought on “Mammaaksa Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading