Seenaa Namicha David Baerten

Seenaa Namicha David Baerten

Yeroo tokko, Namicha David Baerten jedhamu lammii biyya Belgium kan ta’e, tokko, Firoonni isaa isa gatan. Hiriyyoonni isaa iyyaafachuu didan. Hawaasa keessa jiraatu gidduutti dagatame. Ijoollee isaa waliin qofaatti gatame. Nama isa iyyaafatu dhabuun, waamichaafi cidha naannoo keessatti gaggeefamu irratti affeeramuu hanqachuun, walumaa galatti nama jiruu isaaf dhimmamu of biraa dhabuun baay’ee isa aarse.




Kanaaf murtoo wayii murteesse. Akka waan du’eetti qindeessee miira namaa ilaaluu! Utuun jiruu fira dhabe, mee sobee du’een firan argadhun ilaala jedhe. Waa’ee du’a isaa intalli isaa social media irratti akka maxxansitu taasise.

Deeviid Baerten, ganna 45 fi haati warraa fi ijoolleen isaa maatii fi hiriyyoota isaa gurguddootti waa’ee isaa maal akka yaadan ilaaluuf akka du’e itti himuuf murteessan. Ijoollee isaa keessaa tokko abbaa isheef ‘kabaja kennuudhaan’ barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti barreessite.

“Nagaan boqodhu abbaa koo! Tasumaa waa’ee kee yaaduu hin dhaabu. Jiruun biyya lafaa hamtuudha. Maaliif garuu maaliif yeroo kanatti na biraa godaante? Da’ee akaakayyuu si gochuufan qophaa’aa ture bar! Baay’een si jaalladha, si hin dagadhu” jettee maxxansite. Guyyaafi bakka awwaalaas beeksifte.




Uummanni lafarratti hin hafne. Xiqqaafi guddaan yaa’ee boohichaan iji diimate. Awwaala isaaf maal si gargaarru jedhanii intala isaa busy godhan. Guyyaan awwaalchaa yommuu ga’u, hunduu uffata gurraacha uffatee bakka jedhametti argame. Konkolaataa reeffa baatee dhufu utuu eeganii helicopter tokko dhuftee qubatte. Namichi helicopter keessaa bu’ee uummata nagaa gaafate. Uummanni achitti walga’e naasuudhaan dubbiin bitaa itti gale. “Jaalala isin naaf qabdan ilaaluufan akkas godhe. Maal ta’a jaalala kana utuun lubbuudhaan jiruu yoo natti agarsiiftan? Maal ta’a fayyaa kootti akkasuma yoo naaf dhimmamtan? Jiraa koo dagattanii du’aa koo yaadattuu?…” jedheen.

Gariin isaanii ifa guddaa kana hordofuun Mr. Baerten hammachuudhaaf kan fiigan yoo ta’u, kaan immoo bakka konkolaataa dhaabutti burjaaja’anii hafan.

Sababa Kana Godheef

Sababni qoosaa kanaaf sababa ta’e maatii isaa bal’aan ‘isa dagatanii’ waan itti dhaga’ameef akka ta’e ibseera.

‘Maatii koo keessatti wanti ani arge yeroo baay’ee na miidha, gonkumaa waan tokkoof hin afeeramu. Namni na argu hin jiru,’ jechuun Mr Baerten The Times’ tti himaniiru. ‘Hundi keenya addaan guddanne. Dinqisiifannaa akkan hin arganne natti dhagaʼame’ jedheera.




‘Kanaafidha barumsa jireenyaa isaaniif kennuu kanan barbaade, akkasumas isaan waliin wal arguuf hanga namni tokko du’utti eeguu akka hin qabne itti agarsiisuu barbaade.’

Prank kana hordofuun, Mr Baerten namoonni jaallatan tokko tokko akka isa bira ga’aa turan dubbataniiru.

Jiraatti wal haa jaallannu, jiraatti waliif haa birmannu!

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading