Qayyabannaa Jalqabi!
Kutaalee Caaffata Qulqullaa’aa armaan gaditti Tarreeffamaniin Qayyabannaa Jalqabi!
- Iyo. 31:1 — “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?”
- 1Phe. 5:8 — “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a.”
- 1Phe. 5:9 — “Dhiphinni sanyiin isa kan keessanii kun, obboloota keessan warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu beekaatii, warra amantiitti jabaattan ta’aa, Seexanaan mormaas!”
- Filp. 4:8 — “Ammas yaa obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’e, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta’e, waanuma galata qabu yaadaa!”
- Filp. 3:13 — “Obboloota ko, ani akka nama harka isaa keessa isa galfateetti of hin lakkaa’u. Haa ta’u iyyuu malee, waan tokko nan godha; wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha.”
- Filp. 3:14 — “Akeeka sana bira ga’ee gonfoo warra mo’anii argachuudhaaf nan kaadha; gonfoon warra mo’anii kunis waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol nu waamee dha.”
- Rom. 13:14 — “Gooftaa Yesus Kristosin akka uffata sibiilaatti uffadhaa malee, hawwa namummaa foonii raawwattanii isas gammachiisuudhaaf garaa hin kenninaa!”
- 2Xim. 2:22 — “Ati immoo kajeellaa yeroo dargaggummaatti hammaatu irraa baqadhu, warra garaa qullaa’aadhaan maqaa gooftaa waammatanii wajjin qajeelina, amantii, jaalala, nagaa duukaas bu’i!”
- Yaq. 1:13 — “Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.”
- Yaq. 1:14 — “Garuu tokkon tokkon namaa kajeellaa ofii isaatii isa hamaadhaan harkifamee yommuu qabamu in qorama.”
- Yaq. 1:15 — “Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala.”
- Ibr. 12:1 — “Egaa nuyi dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis kottaa wanta ba’aa nutti ta’u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee, dorgomee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiignaa!”
- Ibr. 12:2 — “Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du’uu isaatiif yeelloo isa irra ga’e homaatti utuu hin lakkaa’in, obsaan fannoo irratti du’uu in danda’e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa’e.”
- Ibr. 12:3 — “Isin dadhabdanii yaadni keessan akka hin laafnetti ittiin mormuu cubbamootaa isa obsaan danda’e sana yaadatti qabadhaa!”
- 1Yoh. 1:9 — “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.”
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.