Akkoo Manooyyee

Akkoo Manooyyee (YOODIT GUDIT)

Seenaan Akkoo Manooyyee (Gudditti) dheeradha. Gabaabsinee ilaaludhaaf yaalla. Dubartii “Akkoo Manooyyee” jedhamtu kana, Afoola keessatti yeroo baay’ee maqaa ishee ni dhageenya. Oromooniis abbaa irree jachuudhaan isii yaama. Habashoonni ammoo, “Weerartuu Yoodiit Gudiiti” jedhaniiti yaamu.

Seenaan addunyaa faallaa kanaatiin, “Leenca giiftii Afrikaa” jechuudhaan leellisa. Akkoo Manooyyee gosti isii Azaboo dha. Moggaasni maqaa “Azaboon yookiin Asaboo” jedhuu kun, Maqaa Ashaboo jedhurraa akka dhufe barruuleen tokko tokko ni ibsu.

Akkoo Manooyyeen jaarraa 9ffaa keessa uummata ijaartee, Waraana qopheessitee mootummaa Aksum waraantee barbadeessite. Eerga aangoo qabattee booda, waggaa 40 kaaba Itoophiyaa, Habashaa fi Oromoos dabalatee akka bulchitetu himama.

Haa ta’u malee eega isiin duutee booda mootummaan hidda Z-aguwee aangoo ishii dhaaluudhaan waggoota 333f kaaba Itophiyaa bulchaa akka ture barruudhaan taa’eeti jira.

Maqaan Zaguwee Z-Agaw yookiin Z-Hagahu irraa dhufe. Hagahu jechuun “haa-gahu” jechudha. Hagahu gosa Oromooti. Hortee kushi jedhameet waamama.

Mootummaan Za-agwee waggoota 333een biyya bulche keessatti, Nugusoota 11 qaba. Magaalaa guddittiin isaanii “Rohaa” jedhamti. Tura keessa Roohaan “Eddeessaatti jijjiiramte. Habashoonni immoo “Adeefaa” jechuudhan yaamu. Adeefaaniis booda “laalibalaa” tti jijjiiramte. “Laalibalaa’ jechi jedhu, jecha afaan Oromoo yoo tahu, Hiiknisaa “balaa ilaali!” jechuudha.

Oromoon Jaarraa 9 keessa siidaa Akkoo Manooyyee gubbaatti Afaan Amaariffaatiin “አሸመ አዛቦ” jechuudhaan akka barreessan seenaan ni dubbatti. Gama biraatiin ummanni 80% ta’u, Kan Afaan Amaariffaatii fi Geizi dubbachaa ture Oromoodha. Ragaan barruu kan ibsu, Jaarraa 12 duraa kaasee, Agawu fi Amaara dabalatee ummanni Oromoo kibba Goojjamii fi kibba Shawaa amantii Kiristaanaa barsiisaati turan. Afaan isaan itti barsiisaa turanis kan asiin olitti ibsamedha.

“The Zagwe dynasty power came from its large army. Which helped it spread CHRISTIANITY in the Southern region of Gojjam and Shoa populations that included of Amhara received Christianity instructions. “

Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 248

Yoodit Gudittiin Maalin Beekamti?

Mee gara qabxiilee gabaabaa, Akkoo Manooyyeen itti beekkamtuutti haa deebinu:

  1. Akkoo manooyyee (Guddittiini) hidda Agawu gosa Azabooti.
  2. Akkoon maqaa kabajaati. Maqaan isii “Guddittii Gaadiaa falasaa” jedhama.
  3. Abasiiniyaan maqaa Guddiittii dhoksiteet “Yoodit Gudiit’ jettiin!
  4. Gudditiin Tigraayi magaala “Kubar” jedhamtutti giiftii taate. Bakkeen mooraan waraana isii “Gooba dheeraa” jedhama. Tigraayi keessatti argama.
  5. Masaraan Oromoo naannoo Aksumitti argamu “Sado” jedhama. Giiftiin Oromoo Makiddaa Agabaas, karaa baha Aksuum irra, Kiiloo meetira 15 fagaatee bakka dunguruu Adee Qilxuutti awwaalamte. (Source Ethiopia the unknown land, page 244, 293, 289 by Stuart Munro-Hay)
  6. Guddittiin uummata dirqisiifteetti! “Dhagaa hamma tulluu dhedheeratu baadhaa fidaa siidaa awwaalaa koo dhaabaa” jette.
  7. Uummanni dhagaa gurguddaa kana gammoojjii irraa baatee fideeti, siidaa 7 dhaabe. Giddiittiin siidaa kana jidduutti magaalaa Aksuum irraa karaa dhiyaatti awwaalamte. Maddi Odeeffannoo: Ancient history of oromoo

Tarkaanfilee Akkoo Manooyyeen Fudhataa Turte

Jalqaba namoota gabaabaa lafarraa fixaa jettee murtii labsite. Akka yaada Akkoo Manooyyeetti namoonni gabaaboon qaroodha. Yeroo adda addaatti yeroo isiin ajaja adda addaa ummatni akka raawwatan barbaaddu, namoonni gaggabaaboon ni mormuun. Dubbiin isaan injifachuu hin dandeenne. Kanaaf dubbiin isii akka namoota qaroo kanaan akka jalaa hin fashalleefidha. Walumaagalatti nama isii mormu waan hin barbaanneef murtii kana fudhatte jechuun ni danda’ama. Battaluma sanatti jaarsi gabaabaan tokko “Mee waan isinii toluuf qabaa boolla keessatti nadhoksaa na hambisaa!” jedhee namoota ajaja Akkoo Manooyyee hojii irra oolchutti jiran gaafate. Isaanis tole jedhanii jaarsicha kana utuu hin ajjeesin hambisan!

Erga namoota na morman yookiin yaada kiyya afoo dhaabbachuu danda’an — namoota gaggabaaboo — jettee amantu ajjeesisiiftee booda ajaja jajjaboo eenyullee yeroo sanatti fala itti argachuu hin dandeenne dabarsuu eegalte.

Ajajni isa duraa:

Lafaa fi Samii jidduutti mana naaf ijaaraa jettee ajajje. Namoonnis dubbiin kun waan isaan rakkiseef fala dhabanii jennaan jaarsa gabaabaa na awwaalaa jedhe san bira dhaqanii furmaata gaafatan. Jaarsichi dubbiin geette itti yaadee fala gabaabaa namoota isa gaafatanitti hime. “Akka jettaniin, nuti mana siif ijaarraa garuu dhoqqee abbaatu buufataa, ati buufadhu!” jedhaa itti himaa jedhe. Namootni Akkoo manooyyeetti deebi’anii akkuma jaarsi gabaabaan jedhe jedhanii itti himanii jennaan “Namni gabaabaan hafee jira!” jette.

Ajajni isa lammaffaa:

Mana ani keessa galu kana utuu asii hin sochoosin balbala isaa kana gara gaaraatti laalchisaa naa baasaa jette. Isaanis akkuma duraa san jaarsa gabaabaa bira deemanii furmaata gaafatan. Jaarsi akkana jedhee deebiseef, “Yoo isiin rafte balbala mana isii kan duraa cufaatii kan biraa gara gaaraa laalchisaa banaafii” jedhe. Kana booda ifattee jennaan akkana jette “wanta fardaa gadii kan harree olii naa fidaa na yaabbachiisaa!” jettee ajaja dabarsite. Tolekaa jedhanii harree-diidoo fidaniifii yaabbachiisanii irratti hidhanii gad dhiisan, sana booda harreen fuutee hallayyaa irraa gattee Akkoo Manooyyee achitti hambifte jedhama.


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading