Sagalee koo anaaf dhaga’i

Kadhannaa koo anaaf dhaga’i (ጸሎቴን ስማኝ)

📖 “አቤቱ፥ ወደ አንተ በለመንሁ ጊዜ ጸሎቴን ስማኝ፥ ከጠላትም ፍርሃት ነፍሴን አድን።”

— መዝሙር 64፥1

📕 “Yaa Waaqayyo, rakkina koo kana keessatti sagalee koo anaaf dhaga’i; jireenya koos sodaachisa diinaattii anaaf eegi!” — Far. 64:1

Mata duree kutaa kanaa “Sagalee koo anaaf dhaga’i” kan jedhu fudhannee yaadaa fi ergaa isaa waliin haa qooddannu.

Waaqayyo uumama uumee qofa akkasumaan akka hin dhiifne na ajaa’ibsiisa. Hojii jireenya keenyaa hunda keessatti yeroo hunda nu waliin ta’uudhaan abbaa ta’uu isaa, gaachanaa fi hirkoo amanamaa ta’uu isaa mul’isee uumama gargaaruun isaa raajidha. Namni Waaqayyoon barbaaddachuuf fedha qabu kamiyyuu waan barbaade irratti argama humna Waaqayyoo ni arga waan ta’eef nama fedheef jaalala isaa kenna.

Tarii maatii fi hiriyoonni keenya lafa kana irratti nutti dabalaman dagatanii nu dhiisu ta’a. “Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree? Utuma isheen isa irraanfattee iyyuu, ani matumaa si hin irraanfadhu!” — Isa. 49:15

Waaqayyo garuu yeroo muraasaaf illee nu hin dagatu. Eeyyee, Abbaa gaarii yeroo hundumaa nuuf yaadu, nu dhabuu irra of dhabuu filatee fannoo irratti fannifame, maqaa keenya dhiiga isaatiin barreesse, hamma dhuma bara keenyaatti dadhabbiin nu baatu qabna. “Yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata, dur anatu hojjete, anatu baates, ammas anatu baata, anatu fayyisas.” (Isa. 46:4) Ulfinni isaaf haa ta’u!

Kanaafuu akkamitti waaqa kana dhiista? Gaddas ta’ee gammachuu, kisaaraas ta’ee bu’aan, kufaatiis ta’ee milkaa’inas ta’ee yeroo hunda hammachuu qabna. Akkuma inni nutti dhiyaatu itti haa dhiyaannu. Daawit Waaqayyoo wajjin walitti dhiyeenya uumuuf karaa tokko dubbata. Kadhannaa! Kanaafidha, yeroo rakkina isaa keessatti, “Gooftaa, yeroon si kadhadhu kadhannaa koo dhaga’i, lubbuu koos sodaa diinaa jalaa oolchi.” kan jedhe. (Far. 64:1)

Kadhannaan walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu ni cimsa. Kadhannaan meeshaa yaada Waaqayyoo jijjiiruuf gargaaru utuu hin taane, karaa fedha isaa beeknuu fi hubannudha. Qajeelfamni isaa yeroo hunda nu barbaachisa, kanaaf yeroo hunda kadhachuu amala godhachuu qabna. Namni kadhatu qorumsa dandamachuu fi diina injifachuu ni danda’a. Humni Waaqayyoo kadhannaa keessatti kan mul’atu yoo ta’u, namni cimee kadhate humna argata.

🛐 Kadhannaa: Waaqayyo ati abbaa gaarii yeroo hundumaa nu wajjin jirtuu fi nu jaallattudha. Galanni siif haa ta’u! Akeekaa fi yaada keetti qabamee akkan jiraadhu na gargaari. Ameen.


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

2 thoughts on “Sagalee koo anaaf dhaga’i

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading