Kakuu (Waadaa)

1

Premarital Relationship (HARIIROO GAA’ELA DURAA)

❏ Kakuu (waadaa) galuun gocha hawaasa keessatti beekamaa ta’ee fi yeroo addaa addaa gaggeeffamuu dha. Namni ogummaa fayyaa baratee yeroo eebbifamu saba isaa tajaajiluuf kakuu seena. Kana qofa miti, namoota qaroomina irraa fagoo jiru jedhaman biras shaakalli kakuu jira. Kakuu (waadaa)’n aadaa fi amantii kam keessa iyyuu jira.

Addumaan immoo kakuun sirna gaa’elaa keessa ni jira. Kakuun gaa’elaa guduunfaa yookiin chaappaa jaalala mirkaneessutti fakkeefamuu ni danda’a. Kakuu (waadaa)’n dubbii gati jabeessa waan ta’eef kabajuun, of eeggachuufin, utuu hin ariifatin kakachuun ba’eessa. Sababni isaas kakuun yoo eegame eebba qaba. Yoo cabe, abaarsa fida waan taheef dha.

✦ Kakuu Eenyutu Jalqabe?
✦ Eessatti Jalqabame?

⁃ Kakuu Waaqayyootu jalqabe. Kakuun jalqabaas Nohii fi sanyii dhala namaa hunda wajjin dhaabe. Kakuun isaas bishaan badiisaatiin ilmaan namootaa akka hin balleessine dha. Kakuu isaafis akka mallattootti sabbata waaqaa duumeessa keessa kaa’udhaan jabeessee, bara baraan akka yaadatamu godhe. (Uma. 9: 10-17 ilaali)

Kakuu haaraa keessatti immoo Waaqayyo abbaan kakuu dhiigaa ilma isaa Yesus Kristosin nuuf seene. Maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu! Kakuu moofaa keessatti dhiiga xobbaallaa hoolaa michichila manaa irratti dibamuun ergamaan du’aa akka bira darbu waadaa galee ture. (Ba’u. 12:21-27 ilaali).

Kakuun haaraa dhiiga Yesus irratti kan hundaa’e dha. (Ibroota. 9:11-15 ilaali). Dhiigni kun seexanaaf doorsisa dha. Nuuf immoo eegumsa dha. Namoota baay’eetu hojii kanatti baaca ta’a. Kun garuu gatii kan nama baasisu dha. Dhiigni Yesus dhiiga gidiraa keessa coccobe, miixuu keessaa kan lola’e dha. Itti hin qoosamu. Gama biraatiin Yesus kan dhufe kakuu Waaqayyo Abrahaam wajjin gale raawwachuufi dha.

“Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifamu” jedhe. (Uma. 12:3)

🛑 Maaliif Waaqayyo Kakuutti Iddoo Guddaa Laata?

▣ Kakachuun Amala Waaqayyoo dha.

“Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume…” Uma. 5:1
Kakuu cabsuun Sagalee Waaqayyoo cabsuu dha.

“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture…” Yohaanis. 1:1

Akka Yoh. 1:1 tti Sagalichi Waaqayyoo dha. Sagalee Waaqayyo cabsuun immoo Waaqayyo waliin walitti nu buusa. Fakkeenyaf har’a kakuun gaa’elaa sirna do’ii waldaa keessatti gaggeefamu godhamee in ilaalama. Waaqayyo wal hiikuu nan ciigga’a. (Miilkiyaas. 2:16) erga jedhee abboommiin isaa kabajamuu qaba.

“Garuu seerichi kan ittiin caafame keessaa gar tokkoon fidalaa illee hir’achuu irra, waaqnii fi lafti ija duraa baduutu salphata.” Luqaas. 16:17

🛑 Kakuu (Waadaa) Cabsuun Maal Fida?

⁃ Kadhannaan keenya Waaqayyo bira akka hin geenye godha:

“…Wanti lammaffaan isin gootan immoo, isa isin imimmaaniin iddoo aarsaa Waaqayyoo dhiqxanii dha; sababii Waaqayyo gara aara aarsaa keessanii ilaaluu didee, gammachuudhaan isin harkaa fudhachuu dhiiseef isin in iyyitu, in wawwaattus. Isin, “Kun maaliif ta’e?” jettanii in gaafattu; Waaqayyo isiniif haadha manaa isin qeerrummaadhaan fuutan gidduutti dhuga-baatuu dha; isheen hidhata keessan, haadha manaa kakuu keessanii taatee utuma jirtuu, isin isheedhaaf amanamuu dhiiftanii ishee in gowwoomsitan. Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin goonee ree? Maaliifis tokko isaan godhe? Sanyii ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis jireenya keessan eeggadhaa! Haadha manaa qeerrummaa keessan irraas amanamummaa hin dhabinaa!” Milkiyaas. 2:13-14

⁃ Hojii Harka Namaa Balleessa:

“Isa wareegdu raawwachuu dhiisuu irra, wareeguu dhiisuu siif wayya; Waaqayyoof wareega yommuu wareegdu dafii raawwadhu! Inni warra gowwootatti hin gammadu waan ta’eef, ati immoo akka warra gowwootaa utuu hin ta’in wanta wareegde raawwadhu! Arrabni kee wanta cubbuutti si geessu akka hin dubbanneef of eeggadhu! Ergamaa durattis, “Wanta kana utuun hin beekinan godhe” hin jedhin! Maaliif dubbii keetiin Waaqayyoon dheekkamsiiftee hojii harka keetii akka inni balleessu goota? Abjuu baay’ee fi dubbii baay’ee keessa wanta waa’ee hin baafne baay’eetu jira, ati garuu Waaqayyoon sodaadhu!” Lallaba. 5:5-7

⁃ Abaarsa fida:

Sabni Israa’el kakuu diige waan waaqayyolii tolfamoo duukaa bu’eef wal waraansa hamaatu dhufe hamma gosni Beeniyaamin muraasutti ga’e. (Abboota Firdii 19, 20, 21), Saa’ol sababii kakuu abboota isaa kan Iyaasun saba Giibe’on akka hin balleessineef waadaa gale cabsee isaan fiixeef waggaa sadiif beela jabaatu dhufe. (2Saamu’el. 21, Iyaasuu. 9).

⁃ Hubannaa malee kakachuu irraa kan ka’e rakkoon gurguddaa dhufeera:

Fakkeenyaf Mat. 14:6-12 yoo ilaalle, Herodis waan mucaan isaa sirbitee isa gammachiisteef miiraan waadaa guddaa seenefii utuu hin jaallatin mormi Yohaannis cuuphaa akka kuchisiifamu ta’e. Kan biraa immoo Abo. 11:30-40 yeroo dubbifannu Yiiftaan waraana dura koo jiru yoon mo’adheef waan jalqaba anatti bahu aarsaan godha jedhee hubannaa malee kakateef mucaa isaa aarsaa dhiyeessuf dirqamuusaa ilaalla. Kanaaf waan ati dubbattu futtaasaa sitti ta’ee kiyyootti akka si hin galchineef of eeggadhu! (Fak. 6:2-4).
“Yoo wareeguu dhabaatte garuu cubbuu sitti hin ta’u. Wanta jaalala keetiin Waaqayyo gooftaa keetiif kennuudhaaf afaan keetiin wareegde, jaalala keetiin waan ta’eef, isa afaan keetiin wareegde kana eegii of irraa baasi!” Keessa deebii 23:22-23

▣ Xumura

Kakuun dhuunfaattis, nama tokko yookiin gartuu wajjin raawwatamuu mala. Yommuu raawwatamu yeroo kakuun galamu, ragaaleen foonii jiraachuus dhiisuus danda’u, garuu ragaleen hafuuraa yeroo hunda ni argamu. Kakuu kana Waaqayyos, seexannis ni arga. Gareen seexanaa kakuu diiguu irratti hojjeta. Gareen Waaqayyoo immoo kakuu ijaaruu irratti hojjeta. Egaa, ati garee eenyuu taphatta? Waaqayyoo ogummaa nuuf haa laatu.

Baafata | Mata-duree walqabatu | Ergaa Ganamaa


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Geetuu

Getu Abera is graduated with Computer Science BSc Degree at 2012 and now works as volunteer and online advertisement.

One thought on “Kakuu (Waadaa)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Next Post

Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Dubbateeraa?

Tue Jan 21 , 2025
Waa’ee Pornogiraafii Macaafni Qulqulluun Maal Jedha? Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Dubbateeraa? – Kutaa Macaafa Qulqulluu Mat. 5:27-29 irratti hundaa’udhaan gabaabinaan Waa’ee pornogiraafii yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin haa ilaallu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Mat. 5:27-29) Kanuma irraa ka’uudhaan yaadolee kanaan walqabatan ni ilaalla. Pornogiraafiin […]
macaafni-qulqulluun

You May Like

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading