Hariiroo (Intimacy) Keessan Fooyyessuuf maal gochuu barbaachisa?
Hiriyoonni gaa’elaa kan wal fuudhaniif jireenya isaanii nama jaallatan waliin haala baay’ee walitti dhiyeenya qabuun hariiroo uumuu waan barbaadaniifidha. Akka namaatti haalduree tokko malee jaallatamuun yeroo hunda hiriyoota keenyatti dhihoo ta’uu ni hawwina. Namni tokko waa’ee walitti dhiyeenyaa yeroo yaadu, sammuun battaluma sanatti gara walitti dhiyeenya saalqunnamtiitti hiika. Dhugaadha, gaa’ela keessatti walitti dhufeenyi saalqunnamtii garmalee barbaachisaa dha. Hanqinni isaas gaa’ela sana balleessuu danda’a. Garuu yeroo booda, hiriyoonni gaaʼelaa hundinuu, walitti dhufeenyi saalqunnamtii karaalee hedduu hariiroo walitti dhiyeenya qabaachuu dandaʼan keessaa tokko qofa akka taʼe hubatu. Walitti dhiyeenyi miiraa, sammuu & hafuuraa waliin marii onnee gara garaa taasifamuunis malawwan hiriyaa gaa’elaa isaanii wajjin walitti dhihaachuuf gargaaran gurguddoodha. Hiriyoonni jaalalaa arkiteektoota dhugaa yoo ta’an, gaa’ela isaanii keessatti warraaqsa fiduu kan danda’an, walitti dhiyeenya dhuunfaa fi adda ta’e isaaniif gochuudhaan.

Hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin hariiroo fooyyaʼaa qabaachuu yoo barbaadde, jireenya jaalalaa kee caalaatti kaayyoo fi miira gaarii akka qabaatu akkamitti akka gootu ifatti isa waliin mariʼadhu. Haala jaalalaa fi walitti dhiyeenyaa uumuun gaa’ela keessan keessatti fedhiin, kunuunsi, jaalalli bilisaan akka dhangala’u taasisa. Dubartoonni, irra caalaa, sadarkaa miiraa gadi fagoo ta’een wal qunnamsiisuu jaallatu. Dhiirotaaf immoo faallaa kanaa ta’uu danda’a. Guyyaa guyyaan fedhii walii yaada keessa galchuun hiriyummaa addaa fi dhugaa irratti hundaa’e, hariiroo (intimacy) gaarii qabu uumuun ni danda’ama. Iddoo bashannanaa waliin deemuu, faaruu yookiin muuziqaa jaalatan waliin dhaggeeffachuu, harka wal qabachuu, miira waliif qooduun, deemsa dheeraa fudhachuu fi nyaata waliin nyaachuun hundi isaanii gaa’ela keessatti jaalala waliif qaban dabaluu fi hariiroo jaalalaa dhugaa uumuuf gumaacha olaanaa godhu.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
One thought on “Hariiroo”