Jaalala Dhugaa
Nama Haala Kamiyyuu Keessatti si Jaallatu Filadhu
Jaalalli dhugaan yeroo hundumaa si bira dhaabbata; yeroo ati milkooftu qofa osoo hin taane, yeroo ati kufte, dadhabdeefi gargaarsa barbaadduttis si wajjin jiraata.
Jireenya keessatti wantoota baay’ee barbaanna. Maallaqa, milkaa’ina, beekumsa, kabajaa fi gammachuu argachuuf halkaniif guyyaa ni carraaqna. Garuu wanti jireenya namaa keessatti gatii guddaa qabu keessaa tokko jaalala dhugaati. Jaalalli dhugaan kennaa guddaa jireenya keessatti argannu keessaa isa tokko.
Namoota jireenya keenya keessatti argaman hundi garuu nu jaallatu jechuu miti. Namoonni tokko tokko yeroo nuti milkaa’ina keessa jirru, maallaqa qabnu, waan isaan barbaachisu isaaniif gochuu dandeenyu ykn yeroo isaan gammachiisuu dandeenyu qofa nu bira dhaabbatu. Garuu yeroo rakkoon nu mudatu, yeroo kufnu, yeroo dadhabnu ykn waan isaan barbaadan isaaniif gochuu dadhabnu, suuta suutaan nu irraa fagaatu.
Kanaafuu, nama si jaallatuu fi nama si fayyadamu adda baafachuun baay’ee barbaachisaadha.
1. Nama haala kamiiyyuu keessatti si jaallatu waliin yeroo dabarsi
Nama dhugumaan si jaallatu argachuun carraa guddaadha. Namni akkasii yeroo ati gammaddus si wajjin gammada; yeroo ati gaddus si wajjin gadda. Yeroo ati milkooftu si jajjabeessa, yeroo ati kufte immoo harka siif kenna.
Namni si jaallatu tokko mudaa kee hunda osoo hin beekin si jaallata jechuu miti. Mudaa kee beekee, akka fooyya’uuf si gorsaa, si jajjabeessaa fi si deeggaruun si bira dhaabbata jechuudha.
Nama akkasii jireenya kee keessatti qabaachuun kee qabeenya guddaadha. Kanaaf yeroo kee, xiyyeeffannoo kee fi jaalala kee namoota akkasii waliin qoodi.
2. Namoota yeroo isaan barbaadan qofa si yaadatan irraa of eegi
Namoonni tokko tokko yeroo rakkoon isaan mudatu, yeroo gargaarsa barbaadan ykn yeroo waan tokko si irraa argachuu barbaadan qofa si qunnamu. Garuu yeroo ati isaan barbaaddu, isaan bira ga’uun salphaa miti.
Yeroo hundumaa ati bilbila bilbilta, ati ergaa ergita, ati hariiroo eeggatta. Isaan garuu hariiroo sana tiksuuf carraaqqii walqixa hin godhan.
Hariiroon gaariin gama tokkoon qofa ijaaramee hin turu. Namni tokko qofa yoo carraaqe, yeroo dheeraaf hariiroon sun madaallii isaa eeggachuu hin danda’u.
Kanaaf nama yeroo si barbaadu qofa si yaadatuuf jireenya kee guutuu hin kennin.
Dabalataan dubbisi: Hiriyaa Gaarii Filachuu
3. Gatii ofii kee beekuu baradhu
Namni si jaallachuu diduun kee gatii kee hin hir’isu. Namni tokko si dhiisee deemuun kee nama gatii hin qabne si hin godhu.
Ati kabaja, jaalala, amanamummaa fi xiyyeeffannoo argachuuf malu qabda. Garuu wantoota kana argachuuf nama kamiyyuu kadhachuu hin qabdu.
Namoota si kabajan kabaji. Kanneen si dhaggeeffatan dhaggeeffadhu. Kan si deeggaran deeggaruu hin dagatin.
Of jaallachuun of tuulummaa miti. Gatii kee beekuu fi daangaa hariiroo kee eeguu jechuudha.
Dabalataan dubbisi: Ofitti Amanamummaa Uumamaa Ijaaruuf Wantoota barbaachisan
4. Jaalalli dhugaan hojii keessatti mul’ata
Jaalalli jechoota mi’aawaa dubbachuu qofaan hin madaalamu. Namni tokko, “Ani si jaalladha” jechuu danda’a. Garuu yeroo gochaan jaalala isaa agarsiisuu qabu, achitti dhabamuu danda’a.
Jaalalli dhugaan gocha keessatti mul’ata:
- Yeroo ati dubbattu si dhaggeeffata.
- Yeroo ati dadhabdu si jajjabeessa.
- Yeroo ati dogoggortu si gorsa, si hin tuffatu.
- Milkaa’ina kee irratti hinaaffaa hin qabu.
- Yeroo rakkoon dhufu si bira dhaabbata.
- Waan ati itti amantu kabaja.
- Amanamummaa fi dhugaa irratti hundaa’a.
Nama jecha qofaan osoo hin taane gochaan si jaallatu gatii guddaa kenniif.
5. Yeroo kee namoota sirrii waliin dabarsi
Yeroon jireenya keessatti qabeenya deebifamee hin argamneedha. Maallaqa dhabde deebiftee argachuu dandeessa; carraa tokko dhabde carraa biraa argachuu dandeessa. Garuu yeroo kaleessaa darbe deebiftee argachuu hin dandeessu.
Kanaaf yeroo kee namoota si dadhabsiisan, si tuffatan, si fayyadaman ykn gammachuu kee si irraa fudhatan irratti hin gubin.
Namoota waliin yeroo dabarsuun kee gammachuu, tasgabbii, abdii fi guddina siif fidu filadhu.
Namoota muraasa si jaallatan qabaachuun, namoota baay’ee si hin kabajne qabaachuu caalaa wayya.
6. Atis nama akkasii ta’i
Jaalala dhugaa argachuu qofa hin barbaadin; nama jaalala dhugaa kennus ta’i.
Nama si jaallatu kabaji. Yeroo inni
si barbaadu isaaf jiraadhu. Yeroo inni dogoggoru obsaan gorsi. Yeroo inni milkaa’u gammachuu isaa waliin qoodi.
Namoota siif amanamoo ta’anitti amanamaa ta’i. Namoota si deeggaran deeggaruu hin dagatin.
Sababni isaas, hariiroon gaariin namoota wal kabajan, wal dhaggeeffatan, wal deeggaraniifi walitti amanaman irraa ijaarama.
Walumaagalatti:
Namoota si jaallatan filadhu, yeroo kee hin qisaasessin! Jireenya kee keessatti namoota hundumaa gammachiisuu hin dandeessu. Namni hundi si hin hubatu; namni hundis si hin jaallatu. Kun waan jireenya keessatti mudatuudha.
Garuu namoota haala kamiiyyuu keessatti si jaallatan, yeroo rakkoo si bira dhaabbatan, milkaa’ina kee irratti si wajjin gammadan, akkasumas eenyummaa kee kabajan hin dagatin.
Nama yeroo ati waan qabu qabdu qofa si jaallatu osoo hin taane, yeroo ati homaa hin qabne illee gatii kee beeku filadhu.
Yeroo kee nama si jaallatuuf kenni; jaalala kee nama si kabajuuf qoodi; jireenya kee immoo namoota guddina kee deeggaraniif banaa godhi.
Jaalalli dhugaan faayidaa irratti hin hundaa’u; amanamummaa, kabaja, dhugaa fi wal hubachuu irratti hundaa’a.
Yaadadhu:
“Warra haalduree tokko malee si jaallatan waliin yeroo kee dabarsi malee, warra haalli yommuu isaaniif mijatu qofa si jaallatan waliin yeroo hin gubin!”
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
One thought on “Nama Haala Kamiyyuu Keessatti si Jaallatu Filadhu”