TAATEE AJAA’IBAA 😱
Ganama tokko guyyaa hojiitiin taatee ajaa’ibaa tokko ture. Guyyaa sana biiroon akkuma banameen hojjettoonni hojii seenuuf gara hojii deemuu eegalan. Akkuma seenaniin garuu haala kana dura hin baratamneen barreeffamni gurguddifamee barreeffame tokko seensa biiroo lafa hojii sanaarratti barreeffamee maxxanfamee kaa’amee argan. Yommuu barreeffama Sana dubbisan “hojii kee keessatti gufuu sitti ta’ee, namichi akka ati guddina sadarkaa hojii fi guddina mindaa hin arganne gochaa ture boqoteera (du’eera)” jedha barreeffamichi.
Itti aansee immoo “namichi eenyu akka ta’e ilaaluu barbaannaan kutaa kanatti koottuu ilaali” jedhee lakkoofsa kutaa gamoo mana hojii sanaa irratti argaman keessaa tokko barreesse.
Yeroo kana hojjettoonni tokko tokkoon barreeffama kana ilaalanii “raajiidha” jechuu eegalan. Akkuma waraqaa sana dubbisaniinis kutaa namichi gufuu guddina isaanii kun jiru deeman. Garuu wanti argan raajii itti ta’e. Baay’ee rifatan.
𝓪𝓳𝓪𝓫…..
Baay’ee rifatanii jecha tokko utuu hin dubbatin bakkuma jiranitti rifatanii dhaabbatan.
Kutaa sana keessa namuu hin turre. Daawwitii (mirror) qofatu ture. Daawwitii sana keessa hundumtuu fuula ofii of arge. Yeroo kana baay’ee rifatan. Daawwitii sana gara cinaadhaan barreeffamni tokko Akkas jedha.. “Siin gufuu kan sitti ta’es, akka garaa kee akka hin hojjenne kan si godhes, suma mataa keeti malee, nama biraa miti. Ati jijjiiramnaan guddinni kees ni dabala. Kanaafuu eenyummaa kee duubatti si harkisu, guddina keef gufuu ta’u kana asumatti daawwitii kana keessatti dhiisiitii eenyummaa kee isa murataa fi jabaa guddina kee tumsuu fi hawwu qabadhuu hojii keetti jabaadhu” jedha.
Taatee ajaa’ibaa kun dhaamsi isaa warra biiroo keessa hojjetaniif qofa miti. Kaaniifis ergaa qaba jedheen abdadha. Kanaafuu jabaadhaa! Wal jabeessaa.
Ergaalee biroo walqabatan dubbisaa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.