Kooluu Sitti Galeera

kooluu

🙏 Kooluu Sitti Galeera

“Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi! (አቤቱ፥ በአንተ ታምኛለሁና ጠብቀኝ። መዝሙር 16፥1)
— Far. 16:1

Ijoolleen warra isaanii irratti amantii hammam akka qaban nama ajaa’ibsiisa. Keessumaa ijoolleen guutummaatti warra isaanii irratti hirkatanii jiraatu.

Mucaa tokkoof warri (abbaan isaa) akka ilaalcha mucichaatti wanti hin danda’amne akka hin jirreetti yaada. Abbaan utuu jiruu eenyullee ija jabaatee dhufee kan isa miidhu akka hin jirreetti mirkanaa’aadha. Barreeffama “Abbaan tokko dura bu’oota mana barnootaa kuma irra caala” jedhu kanan dubbise nan yaadadha.

Ijoollummaa kootti abbaan koo harka lamaan na qabee samiitti ol na kaasuu isaa nan yaadadha. Yeroon ol bahee gadi deebi’u kufuun danda’a jedhee sodaadhee hin beeku. Harka abbaa koo isa jabeessee na qabate ilaalaa qilleensaa fi harka abbaa koo irratti of arga. Kun yaadannoo baay’ee keenyaa ta’a jedheen amana.

Daawit nama lubbuu isaa eeguu danda’u Waaqayyo malee namni biraa fi wanti biraa akka hin jirre hubatee ture. Kanaafidha Waaqa isaatiin “Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!” Kan jedhuuf. (Far. 16:1)

Har’a wanti nuti itti amantii dhabne maalidha laata? Wanta foonii har’a mul’atee boru akka fixeensaa badu irratti moo Waaqayyo isa bara baraa irratti?

Obbolootaa, imaanaa keessan nama irra kaa’uun dhuma irratti qisaasa’ummaa (kisaaraadha). Deeggarsi keenya nama irratti kan hundaa’e yoo ta’e, namni akka ulee shanbooqqoo waan ta’eef guyyaa tokko cabuun isaa hin oolu. Gaafa cabus nama waraana. Nu miidha. Waaqayyo garuu abbaa gaarii kooluu itti galuu qabnu dha. “Inni amanamummaadhaan firdii qajeelaa in kenna.” (Isa. 42:3). Inni dhagaa jabaa itti of amanuu qabnudha. Gaafa obomboleettiin ka’uu fi taatee hamaan uumamu, yoomiyyuu nu hin dhiisu. Harka nu qabee nu oolcha.

Ati Gooftaa kooti

“Ani Waaqayyoon, ”Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha.”
— Far. 16:2

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos duuka buutota isaa waliin gara gandoota Filiphoos Qeesariyaa jedhaman erga dhaqee booda “namoonni anaan eenyu jedhu?” jedhee duuka buutota isaa gaafate. Isaan immoo: “Yohaannis cuuphaa, kaan Eliyaas, kaan immoo raajota keessaa tokko” jedhaniin.” ( Mar. 8:28) Gaaffiin kun kanumaan hin xumuramne. Yesus ammas: “Isin hoo eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate.

Seenaa kana yeroof asitti yoo kaa’u, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos gaaffii wal fakkaatu duuka buutota isaa gaafate kana yoo nu gaafate, deebiin keenya maal ta’a laata? Waa’ee Yesus hubannoo ifa hin taane yookiin ifa ta’e qabnaa? Dhageettii qofaan isa duukaa buunee jirra moo dhugumaan beeknee hubanneeti?

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos baay’ee keenyaaf furtuu keenya. Inni fayyisaa keenya kan fedhiidhaan du’a keenya fudhatee jireenya bara baraa nuuf kennedha. Akkasumas Angafa lubaa keenya kan Abbaatti nu araarsudha. Inni furii keenya, inni gatii keenya hundumaa fannoo irratti kaffale. Gaafa dadhabnu humna kan nuuf kennudha. Bareedina keenya. Asxaa keenyadha. Inni deebi’ee dhufee gara ofiitti kan nu fudhatuudha.

Daawit Waaqayyoon akkas jedhee waama. “Ati gooftaa koo ti, ati anaaf wanta gaarii hundumaa dha” (Far. 16:2) Inni ulaagaa gaarummaati. Kanaaf Waaqayyo kana garaa keenya keessaa akka barbaaddannu isin jajjabeessa. Yeroo nu barbaachisu hundumaatti nutti dhihoo ta’uun isaa hamilee nuuf kenna. Akkasumas Waaqayyoon wiirtuu jireenya keenyaa gochuudhaan, “Ati Gooftaa kooti; “Ati anaaf waan hundumaa kooti” haa jennu.

Gara Baafata Jalqabaatti deebi’uuf As tuqaa


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading