Eebba Torban Kanaa

🖐 Eebba Torban Kanaa Fudhadhaa!

Maqaa Yesus Kristoosin isinan eebbisa eebba torban kanaa fudhadhaa. Abjuu keessaniif jiraachuudhaan Waaqayyo isin haa eebbisu. Mul’ataa fi kaayyoo keessaniif jiraachuudhaan Waaqayyo isin haa eebbisu. Ba’aa keessan baachudhaan Waaqayyo isin haa eebbisu. Ba’aa keessaniif gargaarsa, mul’ataa fi kaayyoo keessaniif gargaarsa dabalataa isiniif haa kennu. Maqaa Yesuusin gargaaramaa. Siifan jira, isiniifan jira, isin waliinan jira isiniin haa jedhu.

  • Waaqayyo mul’ata keessaniif isin haa jiraachisu. Utuu hin xumurin, fiixan utuu hin bahin, gara isaa akka hin deemne, akka hin kufne, dadhabdanii akka hin qabamne, Waaqayyo kanaaf hiikee isin haa gadhiisu. Abjuu keessaniif isin haa gadhiisu. Mul’ataa fi kaayyoo keessaniif hiikee gadi isin haa dhiisu. Waan yaaddaniif karoorsitan utuu hin hanqatin bira gahaa. Isin qabuudhaaf kan bahan irraa isin haa eegu. Hidhee isin kuffisuuf, isin dhaabuuf, isin burjaajjessuuf kan barbaadan hundumaa irraa isin haa eegu.
  • Waaqayyo seexana irraa; gorsaa fi kiyyoo namoota hamoo jalaa, araadaa fi dadhabina irraa dabalee isin haa eegu, Dhiiga kantare kan ho’isu, garaa namaa kan kakaasu, hafuura kan dadammaksu, mul’anni Waaqayyoo irra deebi’ee isinirratti haa gadhiifamu.
  • Akka kanatti isinan eebbisa, “Maqaa Yesuusin guyyoonni isin jalaa hin gubatin, guyyaan itti nyaatamtan, guyyoonni itti gadi qabamtan hin jiraatin! Mul’ata keessan jiraachudhaan, gargaarsa isarraa argattanii fiixan bahuumsa akka argattan Waaqayyo guyyoota keessan hundumaa haa eebbisu.
  • Torban kana isiniif haa eebbisu. Tokkoon tokkoon guyyoota keessanii isiniif haa eebbisu. Maqaa Yesus Kiristoosin gadhiifamaa! Qabaan isin hin danda’in! Babal’adhaa! Mul’ata keessaniin fagaadhaa adeemaa. Waaqayyo mul’ata keessaniif kan ta’u, fayyummaa qaamaa, fayyummaa hafuuraa, akkaataa jireenyaa, umurii, ayyaana, ddinaagdee, humna namaa dabalee isiniif haa kennu. Fagaattanii akka deemtan Waaqayyo isin haa gargaaru. Waaqayyo dhiibbaa akka uumtan isin haa gargaaru. Daangaa keessan haa bal’isu. Mul’ata keessan isiniif haa dhugoomsu. Nama isin hin eegne isiniif haa kaasu Waaqayyo. Lafa karoorsitanii hin beekne irra isin haa dhaabbachiisu. Umurii mul’ata keessan itti jiraattan dabalee isiniif haa kennu. Mul’anni keessan qabeenyaan eebbifamuu, fayyummaadhaan eebbifamuu, namaan eebbifamuu isiniif haa kennu. Wanta barbaachisaa kamiyyuu dabalee isiniif haa kennu. Itti jiraachuudhaan Waaqayyo isin haa eebbisu.

🖐 Torban eebbifamaa, guyyaa eebbifamaa, yeroo eebbifamaa isiniif haa ta’u! Waaqayyo lafa hundumaa haa eebbisu. Waaqayyo isinii fi maatii keessan, warra hin amanne, hiriyoota dhiyoo fi fagoo irra jiran, fira foonii hundumaa dabalee haa eebbisu. Wanta nama sodaachisuu fi balaa tasaa jalaa isin haa eegu. Gargaarsi Waaqayyo isinii fi maatii keessan hundumaaf haa ta’u

Efe. 6:10-15
¹⁰ Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa.
¹¹ Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!
¹² Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aasoo wal qabna.
¹³ Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi’a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa!
¹⁴ Egaa akka nama sabbataan hidbatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa!
¹⁵ Akka nama kophee kaa’ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa’aa!

Bara baraan eebbifamaa jiraadhaa! 🖐


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

2 thoughts on “Eebba Torban Kanaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading