Ganama Yommuu Kaatu Wantoota Gochuu Qabdu (3)

1. Karooraa fi yaada gaariidhaan ka’i!

Galgala karoorfadhuu buli, ganama yommuu hirriiba irraa kaatu immoo karoora sana hojiitti hiikuu jalqabi. Ganama yeroodhaan akka kaatuuf galgala yeroodhaan rafuun gaarii ta’a. Namootni hojii isaaniitti milkaa’an baay’een ganama sa’aatii 11:00 booda ka’uudhaan guyyaa isaanii jalqabu waan ta’eef ganama sardama hin taane keessa hin galani. Galgala galaniimmoo karoora sana madaalu. Atis ganama yeroon kaatee akkaataa karoora keetiin yoo jalqabde, galgala immoo galtee yoo of madaalte guddinaaf baay’ee sigargaara.

2. Sochii qaamaa taasisi!

Ganama yommuu hirriiba irraa kaatu sochii jabeenya qaamaa taasisuun dhiphina sammuu hir’isuuf, humna dabalataa siif kennuuf, kaka’uumsa hojiidhaaf qabdu siif dabaluuf akkasumas oolmaa guyyaa kee si’aayinaan akka xumurtu si gargaara.

3. Waan gaarii yaaduudhaan, ilaalcha ‘positive’ ta’een lafaa ka’i!

Ani nan milkaa’a, guddachuu nan danda’a, hojii harka kiyyaas Waaqayyo naaf eebbisa jedhanii jalqabuun guyyaa keenya irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yaada booyichaatiin jalqabuurra yaada moo’ichaatiin jalqabuun guyyaa keenya nuuf bareecha. Isa kanaaf immoo faarfannaa, lallabaa fi barsiisa onnachiisaa gara garaa dhaggeeffachuudhaan, kitaabotaa fi barreeffamoota akkasii dubbisuudhaan jalqabuun nama fayyada.

Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo siif kennedha, itti gammadi, gammachuu kees dhageessisi!

Kana hundumaa caalaa, qabxiilee kanneen wajjiin lakkoofsa keessa seenuu kan hin qabne, hundumaarra kan caalu Gooftaa kee waliin haasa’uudhaan kadhannaadhaan guyyaa kee jalqabi. Kadhannaadhaan guyyaan jalqabame mooyichaan xumurama! Kadhannaadhaan guyyaa kee jalqabuu wanti gahu hin jiru. Akkuma Daawit jedhe sana, ‘Yaa Waaqayyo, ganama sagaleen koo si biratti in dhaga’ama, ganama ofii koo siif nan qopheessa, gara kees nan ilaala’ (Faarf. 5:5) jettee yoo guyyaa kee jalqabde, karaa kee, oolmaa kee Waaqatti yoo kennatte, Inni oolmaa kee siif bareecha, karoora diinaa si duraa kaasa, eebbaa fi gammachuu addaa keessa si oolcha! Guyyaa kee booyichaan osoo hin taane moo’ichaan si xumursiisa!

Guyyaa eebbifamaa milkiin guutuu siif haa ta’u!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

3 thoughts on “Ganama Yommuu Kaatu Wantoota Gochuu Qabdu (3)

  1. Pingback: Eebba Torban Kanaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading