Fiigicha Karaatti Nama Hambisu

fiigicha

Seensa

❏ Dubbisa kana keessatti fiigicha karaatti nama hambisu adda baafachuu fi kaayyoo fi mul’ata sirriidhaaf/-dhaan fiiguun maalidhaaf akka nama qopheessu ilaalla!

Yeroo tokko tokko Waaqayyo irraa dhageenyee deemsa jalqabuun keenya akka of hin gowwoomsinetti itti yaaduu danda’uutu nutti jiraata. Akkamitti yoo jenne Waaqayyo irraa dhageenyee adeemsa jalqabuun gaarii ta’ee, garuu waanuma Waaqayyo waan goonu hundumaatti gammadu nutti fakkaata. Fiigicha karaatti nama hambisu yommuu jennu maal jechuu keenya?

Akkuman kutaalee darban keessatti ilaallee turre, ayyaanaa fi dibata Waaqayyoo irraa argachuun keenya karuma sirrii irra waan jirru nutti fakkeessa. Mitii? [Mucaan kun barsiisa akkamii keessa gale? hin jedhinaa!]

Mee fakkeenya haadha manaa Loox haa fudhannu. Ergamoota isaa mana isheetti ergee biyya balleeffamuuf jedhu keessaa kan maatii ishee wajjin ishee baase eenyu? Yoo ergamoonni Waaqayyoo dadhabbii ishee gargaaranii biyya baduuf jedhu jalaa ishee baasan ta’e illee, inni qalbii ishee keessatti moo’ee jiru garuu karaatti ishee hambiseera. (Um. 19:15-26).

Saa’oliin kan waame eenyu? Dibata mootummaa kan irratti dhangalaasisee, Israa’el keessatti mootii isa jalqabaa akka inni ta’u kan godhe eenyu? Akka inni dhaqee warra Amaaleqiin fixuuf kan erge eenyu? Waaqayyo mitii? Garuu maal godha ree, gola qalbii Saa’ol keessa inni jiru ammayyuu ayyaanichaa fi waamichichaaf hin jilbeenfatin jira. Kanaafuu fiigichi isaa inni guddaan waamichichaaf utuu hin ta’in isa qalbii isaa keessa dhokatee jiru, dheebuu barootaaf qabu sana guuttachuuf. Kaayyoon jireenya keenyaa kaayyoo waamicha keenyaaf jilbeenfateeraa? Akka Phaawuloos, “Maal akkan siif godhu feeta yaa Gooftaa?” jedhe.

Phaawuloos waa’ee warra dorgee dorgomanii yeroo dubbatu, “Isaan isa coolliguuf fiigu jedha. NUTI GARUU isa hin badneef fiigna.” jedha. (1Qor. 9:24-27)

²⁴ Warri wal dorgoman hundinuu yoo fiigan iyyuu, kan dura darbee kennaa argatu garuu, tokkicha akka ta’e hin beektanii ree? Isinis akkasuma kennaa sana akka argattaniif fiigaa! ²⁵ Namni dorgeedhaaf qophaa’u, waan eeggachuu isa barbaachisu hundumaa irraa of in eeggata. Warri wal dorgoman gonfoo baala irraa hojjetame, isa coollagee badu argachuudhaaf kana godhu; nuyi garuu isa hin badne argachuudhaaf in dhamaana. ²⁶ Anis akkuma kanatti akeeka koo bira ga’uudhaaf nan fiiga; abootuun koos akka nama akeeka isaa dhabee qilleensa rukutuu hin ta’u. ²⁷ Ani warra kaan dorgomeetti waamee ofii kootii akkan keessaa hin hambifaneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda’u haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta’a.

Jireenya Namootaa keessa, akka Sagaleen Waaqayyo ibsutti:

  1. Kaayyoo malee fiiguun jira!
    Kanan Ergamaan Phaawuloos “qilleensa habootuu” ittiin jedha.
  2. Kaayyoo sirrii qabatanii karaa sirrii malee adeemuun jira!
    Kunimmoo hundee irraa kaachuu jedhama.
  3. Karaa sirrii qabatanii garuu kaayyoo dogongoraaf adeemuu!
    Fakkeessuutti hiikama.
  4. Karaa sirrii irra kaayyoo sirriif adeemuu.
    Adeemsi kuni Gonfoo Ulfinaa nama argachiisa. Fiigicha qajeelaa yeroo hundumaa dhimminee taasifnudha.

Itti fufa,…


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

3 thoughts on “Fiigicha Karaatti Nama Hambisu

  1. Ebbifama nama Waaqayyoo barnoota isiin yeroo, yeroon gadi dhiftan irraa barnoota guddaan argadhe. Gara fulduraaf jabaadha, Ayyaanni isiniif ha baay’atu 🙏🙏

  2. Dhugaadha! Yaada isiin nuf dhiyyeessa jirtani bayyee kan hubanna namaf keenuu, fi kan qajeelche nam dhabu. Itti fufi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading