Seven ‘C’s That Can Assist You In Success

Seven ‘C’s That Can Assist You In Success

Jechoota ‘C’ Torba Kan Jaarmiyaa Keessan Keessatti Garee Milkaa’aa Ijaaruu Keessatti Si Gargaaruu Danda’an.

(Seven ‘C’s That Can Assist You In Building A Successful Team In Your Organization:

Garee tokkoof ka’uumsa milkaa’inaa kan ta’an jechoota ‘C’ torba hubachuun garee bu’a qabeessa ta’uu fi milkaa’ina garee keetii fi dhaabbatichaa waliigalaa keessatti bu’aa gahaa qabaachuuf gargaaru. Jechoota ‘C’ torba kanneen garee milkaa’aa dhaabbata keessan keessatti ijaaruuf isin gargaaruu danda’an kanatti fufee kan jirudha:

1. CLEAR GOALS (GALMOOTA IFAA):

Galmoota ifa ta’anii fi galma ga’uu danda’an kan mul’ataa fi ergama daldalaa keessanii wajjin walsimu diriirsuu. Galmoota ifa ta’an kanneen galmaan ga’uuf si gargaaruu danda’u. Iccitiin milkaa’inaaf galma ifa ta’e kaa’uudha.

2. COMMUNICATION (WALQUNNAMTII):

Miseensota garee gidduutti qunnamtiin banaa, amanamaa fi iftoomina qabu jajjabeeffamuun bu’aa guddaa kan qabaatudha.

3. COLLABORATION (TUMSA):

Haala walta’iinsaa miseensonni garee yaada, dandeettii fi beekumsa itti qooddatan guddisuu.

4. COMMITMENT (WAADAA):

Miseensonni garee galma garee galmaan ga’uuf kutannoo akka qabaniifi milkaa’uuf carraaqqii barbaachisu gochuuf fedhii akka qaban mirkaneessuu.

5. GAHUMNA (COMPETENCE):

Miseensonni garee gahee hojii isaanii bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf dandeettii, beekumsaa fi muuxannoo barbaachisaa ta’e akka qabaatan gochuu.

6. KALAQA (CREATIVITY):

Gareen qormaata mudachuu danda’u kamiyyuu yaada haaraa fi furmaata fooyya’aa akka maddisiisu gargaaruuf kalaqaa fi argannoo jajjabeeffamuu qaba.

 7. MILKAA’INA KABAJUU (CELEBRATE SUCCESS):

Milkaa’ina garee kabajuu fi gumaacha miseensota garee dhuunfaaf beekamtii kennuudhaan hamilee ol’aanaa taasisuu fi namni hundi galma garee sanaa akka itti fufu kakaasuu.

Jechoota ‘C’ torban kana irratti dandeettii qabaachuun garee hin mo’amne, milkaa’aa ta’eef sagantaa cimaadha!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading