Israa’el qondaala olaanaa biraa humnoota Iraan ajjeesuu beeksifte

Israa’el qondaala olaanaa biraa humnoota Iraan ajjeesuu beeksifte

Waraanni Israa’el qondaala olaanaa biraa humnoota Iraan ajjeesuu beeksifte

Waraanni Israa’el, qondaala waraanaa olaanaa humnoota Iraan, Behnaam Shaahriyaari halkan darbe osoo inni konkolaataadhaan gara lixa Iraan keessa deemaa jiruu irratti xiyyeeffatachuun ajjeesuu hime.

Qondaalli waraanaa Iraan kun damee waraana Iraan kan Humnoota Quds jedhamaniifi hidhattoota Iraan naannoo Baha Giddu Galaatti deeggartu to’atu keessatti itti gaafatamaa daddabarsa meeshaalee waraanaa ta’uun nama tajaajiluudha.

Itti dabaluudhaanis, Gaazaatti Hamaas fi Libaanos keessatti garee Hezbolaa dabalatee, gareewwan bakka bu’oota guutuu naannichaaf misaa’elaa fi rookkeettii Iraan geejjibuuf itti gaafatamummaa akka ta’e himeera waraanni Israa’el.

Iraan erga Israa’el haleellaa bantee as lammiilenshee 430 ajjeefamuu himte

Erga Israa’eli fi Iraan gidduutti walitti bu’iinsi eegalee Waxabajjii 13, 2025 eegalee as yoo xiqqaate namoonni 430 Iraan jalaa ajjeefamu maddi oduu biyyattii Nour jedhamu gabaase.

Kanneen du’aniin alatti namoonni 3,500 ammoo madaa’uu misiteera fayyaa Iraan waabeffachuun maddi oduu kun gabaaseera.

Dilbata darbe namoonni 224 du’uu ministeerri fayyaa Iraan beeksisee ture. Ergasii mootummaan Iraan lakkoofsa namoota du’aniifi miidhamanii guyyootaf osoo hin ibsin ture.

Gama Israa’eliin lakkoosi namoota du’anii hanga ammaa 25 ta’uu ibsameera.

Gorsaan Ayaatolaa Kameenii haleellaa Israa’eliin ajjeefame jedhamu lubbuun hafuun himame

Gorsaan Ayaatolaa Kameenii haleellaa Israa’eliin ajjeefame jedhamu lubbuun hafuun himame

Guyyaa jalqaba Israa’el Iraanirratti haleellaa bante namoota ajjeefaman keessaa tokko qondaala siyaasaafi gorsaa olaanaa Ayaatolaa Kameenii kan ta’e Alii Shamkaaniiti jedhamee ture.

Haata’u malee, miidiyaan biyyattii IRNA akka gabaasetti, gorsaa olaanan mootummaa biyyattii kun haleellaa Israa’el irraa lubbuun hafeera.

Akka gabaasa miidiyaa Iraanitti, Alii Shamkaanii haleellaa irratti gaggeeffamerraa hospitaalatti yaalamaafi fayyaansaa haala tasgabbaa’aa irra jira.

Miidiyaa hawaasaa X gubbaatti haleellaa irratti gaggeeffame irraa lubbuun oolee bayyanataa jiraachuu barreesse.

“Madaa’ee lubbuun hafeera…Iraanif jecha si’a dhibba tokko ofan wareega,” jedha barreeffamni gorsaan Ayaatolaa fuula X gubbaatti barreesse kun.

Qondaalli Waraanaa Olaanaa Iraan tokko ajjeeffamuu Himame

Ministeera Ittisaa Israa’el kan ta’an Israa’el Kaatz qondaalli waraanaa olaanan Iraan tokko mana jireenyaa keessatti ajjeeffamuu kaleessa ibsanii ture.

Qondaala waraanaa olaanaa Iraan ajjeefame

Qondaalli waraanaa Iraan ajjeefame jedhame Saa’iid Izaadii yoo jedhamu kun kan ajjeefame magaalaa Qoom jedhamtu keessatti.

Israa’el Kaatz akka jedhanitti, qondaalli waraanaa Iraan kun garee Hamaas maallaqaan deeggaruufi hidhachuusuu keessatti gahee guddaa akka qabu himan.

“Kun tika Israa’elifi Humna Qilleensaaf milkaa’ina guddaadha. Namoota ajjeefamaniifi butaman [Gaazaa jiraniif] haqa isaanitu bahe. Harki Israa’el inni dheeran bakka diinnishee jiru hunda ni qaqqaba,” jedhan.

Saa’id Izaadii qaama Humna Eegumsa Warraaqsaa Iraan (IRGC) kan ta’eefi humnoota Iraan alatti deeggartu kan hogganu miseensa Humna Quds jedhamuuti.

Iraan gonkumaa meeshaa nikulaaraa qabaachuu hin qabdu – Maakroon

Iraan gonkumaa meeshaa nikulaaraa qabaachuu hin qabdu – Maakroon

Pirezidantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon, Iraan gonkumaa meeshaa nikulaaraa qabaachuu hin qabdu jedhu erga pirezidantii Iraan waliin bilbilaaan dubbataniin booda.

Maakroon kan gita isaanii Iraan, Maasuud Pezeshkiyaaan irraa bilbilli akka isaaniif bilbilame dubbatan irraa amma odeeffannoon kun kan argame.

Maakroon, pirezidantichi sagantaa nikulaaaraa falmisiisaa ta’e isaanii irratti humnoota Awurooppaa fi Iraan gidduutti marii saffisiisuuf waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Pirezidantiin Faransaay, Imaanu’eel Maakroon barreeffaman toora X isaanii irratti baasaniin itti dabaluudhaan: “Ani gaafachaa jira: Iraan gonkumaa meeshaa nikulaaraa hidhachuu hin qabdu, akeekni ishee nagaaf ta’uu isaa mirkaneessuuf ragaa hunda kennuun gahee isaati.”

Xumura irrattis, “karaan waraana keessaa ba’amuu fi balaa guddaa irraa ittiin fagaachuu danda’u akka jiru nan amana” jechuun xumura.

Kana galmaan ga’uuf ammoo, “marii Faransaayii fi michoota Awurooppaa Iraan waliin geggeeffamu ni saffisiifna” jedhan.

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading