Rifeensa Wiigiidhaan Dhahachuu
Waa’ee rifeensa wiigiidhaan dhahachuu hangam beektu? Riifensa wiigiidhaan dhahachuun miidhaa akka qabaatu tilmaamtanii beektuu?
Yeroo baayyee ijoolleen shamarranii umurii xiqquummaarraa kaasuun rifeensa isaanii shurrubbaa dhahatu. Darbee darbees dhiironnis daabee yoo dhahatan mul’ata.
Rifeensa wiigiidhaan dhahachuun kunis keessattuu Itoophiyaa dabalatee dubartoota gurraachoota baay’ee biratti baramaa fi jaalatamaadha. Haa ta’u malee, dhiibbaa inni fayyaa keenya irratti qabu irratti gaaffiin ka’aa jira.

Aadaadhaan dubartoonnii fi shamarreen rifensa umamaa isaanii kan dhahatan yoo ta’u, kaan ammoo wiigii dheeraa itti dabaluun dhahatu. Adeemsi rifeensa wiigiidhaan dhahachuu kun yeroo tokko tokko hanga sa’aatii shanii fudhachuu akka danda’u himama.
Hanga fe’e sa’aatii dheeraa kan fudhatu ta’us, yeroo hundumaa shurrubbaan dhahachuun mijataa ta’uu wajjin hidhata guddaa qaba jedhu.
Miidhaa Rifeensa Wiigiidhaan Dhahachuu
Qorannoo haaraan tokko rifeensi wiigii dubartoonni gurraachi hedduun fayyadaman fayyaa isaaniif miidhaa hamaa qabaachuu agarsiisa.
Dhaabbanni miti mootummaa Ameerikaa ‘Consumer Reports‘ jedhamu saamuda rifeensa sinteetikii biraandii baay’ee beekamaa ta’e kudhan irraa fuudhee qorateen, hundi isaanii kaansarii kan fidan, yeroo tokko tokko immoo liidiin akka of keessaa qaban argateera.
Qorannoon kunis waa’ee balaa rifeensa keenya keessatti dhokateera jedhame akeekkachiiseera.
Namoonni nyaata fayyaaleessa hin taanee nyaachaa jiran yookiin tamboo xuuxan, wanti isaan hojjetan qaama isaanii miidhuu akka danda’u ni beeku. Garuu, yoo rifeensa keessan keessa ‘wiigii sentetikii’ kaa’aa jirtan garuu akka isin miidhu hin yaaddan.”
Keemikaalota Miidhaa Geessisan
Hogganaan qorannoo nageenya oomishaa dhaabbata ‘Consumer Reports’, Jeems Roojars, dubartoonni rifeensi isaanii yeroo tokko tokkoo ji’aaf oliif kan wiigii sentetikii godhatan ta’e, keemikaalota miidhaa geessisan waliin ”yeroo hunda tuttuqaa” kanneen qabaataniif bu’aan qorannoo kanaa yaaddoo ta’uu dubbata.

“Yeroo keemikaalota miidhaa geessisan hundaaf saaxilamtaniitti, kuufamudhaan miidhaa kan qaqabsiisu akka ta’e amanna, hundi isaa walitti dabalama.”
Haa ta’u malee qorannoon dabalataa akka barbaachisu cimsanii ibsuun, “Kun sadarkaa dambii qofa osoo hin taane, hawaasa keenya gidduuttis waa’ee odeeffannoo sirrii qooduu irratti mata duree marii jalqabaa akka ta’u abdii qabna.”
Gara baafata jalqabaatti deebi’aa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.