Saalqunnamtii Gaa’ela Duraa

Saalqunnamtii Gaa’ela Duraa Maaliif Dhorkame? 🚻🚹🚺

1. Saalqunnamtii gaaʼela duraa raawwachuun dogoggoraa?
2. Saalqunnamtii gaa’ela duraa gochuu dhiisuun jireenya nuffisiisaa akka jiraannu nu taasisaa?
3. Isin kiristaanonni saalqunnamtii madda gammachuu, taphaa fi bashannanaa ta’e maaliif dogoggora jettu? Waan Waaqayyo gaariidha jedhe maaliif itti hin gammaddan?

Deebii Keenya:
Mee fakkeenya tokko fudhannee ifa haa goonu; Konkolaataa oofuun dogoggoraa? Tasumaa dogoggora miti. Mucaa waggaa kudha sadii konkolaataa akka oofu heeyyamuun dogoggoraa? Eeyyee, dogoggora. Mucaa sanaaf sochii qaamaa nama gammachiisu fi madda gammachuu, taphaa fi bashannanaa yoo ta’ellee lubbuu isaa fi lubbuu namoota kaanii balaadhaaf saaxiluu waan taʼeef gonkumaa dogoggora.

Saalqunnamtii gaa’ela duraa abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti akka madda gammachuu, taphaa fi bashannanaatti raawwachuun dogoggoraa? Tasumaa dogoggora miti. Yoo gaa’ela hin qabne ta’e, madda gammachuu, tapha yookiin bashannana ta’ee nama biraa wajjin saalqunnamtii raawwachuun dogoggoraa? Eeyyee, dogoggora. Taphichi bashannansiisaa fi gammachiisaa ta’uu danda’a. Haa ta’u malee, yeroo baay’ee namoota gocha kana keessa darban biratti muuxannoo garaa nama nyaatuu fi nama rifachiisu fida.

❤️ Waaqni keenya inni jaalalaan guutame ogummaa ajaa’ibaa waa’ee jireenyaa nuuf mul’isee jira. Cubbuun yeroodhaaf gammachiisaa fi mi’aawaa akka ta’e nutti himeera. Cubbuun kamiyyuu yommuu raawwatamu yeroo sanatti kan namatti hin tolle hin jiru. Garuu gammachuun sun murtoo keenyaaf galma (galtee) jalqabaa yookiin isa xumuraa ta’uu hin danda’u.
Obboloota keenya quxisuu yeroo rukunnu, yaaddoon keenya inni guddaan gammachuu yeroof akka taphaatti isaan waliin dabarsuuf isaanitti dheekkamna miti. Waaqayyo balaa fi rakkoo baay’ee suukkaneessaa mata jabinaa fi diddaa keenyaan nutti dhufu irraa nu eeguu barbaada. Jaalalli isaa mudaa kan hin qabnee fi qulqulluu waan ta’eef, murtoo gadhee gochuu fi jireenya keenya fi jireenya namoota biroo balleessuu irraa nu eeguu barbaada.

🔸 Waaqayyo inni walqunnamtii saalaa uume, kakuu gaa’ela qofa keessatti ta’uu akka qabu maaliif murteesse?
“Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.”
— Ibr. 13:4

Fuudhaa fi heeruma dura saalqunnamtiin barbaachisaa akka hin taane ajajni Seera Keessa Deebii 22:28 keessatti barreeffame ibsa ni kenna. Yeroo itti aanu gaaffilee kaasudhaan bal’inaan ni ilaalla!

❓ Waaqayyo saalqunnamtii gaa’ela duraa raawwachuun dhorkaa akka ta’e yommuu dubbatu gammachuu fi bashannanna keenya waan hin barbaanneefii? Moo hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela godhatan qofti tokkummaa walii isaanii wajjin taʼuudhaan gammachuu gadi fagoo argachuu kan qaban warra wal fuudhan qofaadha? Waaqayyo qajeelfama yeroo nuuf kennu jaalalaa fi gara laafina isaa isa mudaa hin qabnetu nu kakaasa.

Namoonni saalqunnamtii yeroodhaaf gammachuu fi bashannanaaf itti fayyadamuu barbaadu; Gammachuu yeroodhaaf argachuu caalaa wantoonni gatii guddaa qaban yoo jiraatan hoo? Ofitti amanamummaa. Ofiif gatii kennuu akkuma barbaannu nama biraatiifillee akka kenninu beekuu jechuu kooti.

Tarii Waaqayyo hariiroon tokko saalqunnamtii caalaa waan tokko irratti yeroo ijaaramu caalaatti nageenyaa fi cimaa ta’a jedhee yaade ta’a. Waan fedhe haa ta’u beekumsii fi ogummaan Waaqayyoo kan keenya caalaa akka ta’ee fi amanamaa ta’uu isaa beekuu qabna. Sana booda, hammuma dhugaa kana fudhannee hordofnu, dhugaan nutti mul’ata.

🌷 Gammachuu fi fedhiin Waaqayyoo inni guutuun qulqullummaadhaan isa gammachiisuu keenya waan ta’eef, fedhii foon keenyaa gammachiisuun gooftaa gaddisiisaa jirra utuu hin taane, fedhii foonii keenya to’annee isa gammachiisuun, fuudhaa fi heeruma dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuu haa filannu!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

3 thoughts on “Saalqunnamtii Gaa’ela Duraa

  1. Namoonnii kanan dura walqunnamtii saala rawaacha turan
    Yeroon hiriyyaan suni immoo Isa Duran wajjiin turani dhisani kabiraa yeroo jalqaban .
    feedhii saalqumantii sana immoo rawaachuu dhisuun akka sagalee waqayyoottii jiraachuudhan deemsaa itti fufna jedhee yaada kasuu. akkasiittii itti infufnuu jedhee yoo dide isaan keessa tokko.
    Namni Kun immoo dhisuu inni barbannee ta ‘u danda’aa ammuuma fudhuu qabamoo dhisuu qaba moo akkka innii /isheen jedheeti jiraachuu qabu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading