Dhungoo (Kissing)

Dhungoo (Kissing) Gaa’elaan Dura Cubbuudhaa?

Jaalalleewwan Waljaalatanii Boru Gaa’elaaf Wal abdataniif Dhungoo (Kissing) Maaliif  Heeyyamamuu Dhabe?

Bara keenya kanatti dargaggoonni baay’een dhaga’uu yookiin gorfamuu kan hin barbaanne gaa’elaan dura waa’ee dhungoo (kissing), waltuttuquu (warming), saalqunnamtii (sex) ti.

Hidhiin saala faallaa lamaanii yommuu wal argatan hormooniin gadhiifamu kan walqunnamtii saalaaf nama qopheessudha.

“Walqunnamtii saalaa irraa of eegnee dhungachuun (kissing) cubbuudhaa?” Yaada dargaggoonni irra deddeebi’anii fidaniidha. Gochi ejjaa kan jalqabamu kajeellaa sammuu keessatti eegaluunidha.

🔴 Lakki, ijaan yoo argite iyyuu hidhiin utuu bira hin gahin, miirri sitti dhaga’ama! Carraan yeroo uumamu immoo kallattiin gara saalqunnamtiitti nama geessa. Kunis gosa dhungannaa, (dhungannaa gadi fageenyaa fi dhungannaa irra keessaa) jennee yaaduun waan waldhungannuuf sirriidha jedhamee fudhachuun hin danda’amu.

😭 Warra hariiroo wal-dhungannaa (kissing), ejja raawwatan keessaa parsantiin 79% nama dhungatan, yookiin ejja raawwatan sanaan ala nama biroo wajjin akka ta’anii fi ta’uu barbaadan shakkiin itti dhaga’ama.

♥️ Dhungachuun, wal-harkisuun fi tuttuqqiin wal-hammachuun gochaalee wal-qunnamtii saalaa kakaasaniidha.

💋 Hidhii kee tuqsiisuu dhiisuun walqunnamtii saalaaf of kakaasuu dhiisuu qabda.

❗️ “Halalummaa baqadhaa! Cubbuun namni hojjetu keessaa warri kaan hundinuu dhagna namaa hin tuqan; namni halaleen garuu dhagna isaatti cubbuu hojjeta.” — 1Qor. 6:18

Dhungachuun namoota walfuudhan qofaaf heeyyamama. Kanaaf kaadhima kee ishee jaalattuu fi boru gaa’elaaf abdattu, mana tokko keessas waliin jiraachuuf karoorfattu gaa’elaan dura dhungachuun ejjaaf hin qopheessin! Har’a ejjennoo qabaattee kaadhimaa keetiin “Ani qulqulluudha si waliin addaan ba’uuf utuu hin taane, Waaqayyoof jedhee, ani kan kee miti, qabeenya Waaqayyooti malee. Kanaaf hanga wal fuunutti si hin dhungadhu!” jechuun “Ejjennoo nama jaallatamaa fudhadhu!”

Dhungoo (Kissing) Gaa’elaan Duraa fi Akkamitti Cubbuu ta’uu Danda’a?

Gaaffiin kuni gaaffii sirrii gaafachuu qabnudha. Keessattuu warra jaalallee qabanii fi hariiroo keessa jiraniif.

Yeroo baayʼee wantoota tarreessuun lakki jechuun gaarii akka hin taane beekamaadha. Sababni isaas, malli kun namni kamiyyuu nama hafuuraa akka ta’u hin gargaaru. Wantin ani barreessu mul’ataa fi xumura isa gaafateef dhiisudha. Dhungannaan nuti dubbannu kun gosa dhungannaa maatiin yookiin hiriyyoonni nagaa walgaafachuuf godhan miti.

Waa’ee dhungannaa jaalalleewwan hin fuudhin lama gidduutti taasifamuu dubbanna, sababni isaas dhungannaa nagaa yookiin nagaa walitti dhaamuuf utuu hin taane, miira gammachiisuuf godhamuudha.

Kutaan qaamaa gosa dhungannaa kana keessatti hirmaatu hidhii 💋 qofa utuu hin taane onnee ❤, marsaa dhiigaa fi irra caalatti sammuudha.

Qaamni keenya akka waliin hojjechuu danda’uuf kutaan qaama keenyaa hundi narviin haguugamee jira. Yeroo garaan keenya guutu sammuun keenya nyaata 🍔⛔ akka dhiifnu nutti hima, sababni isaas narviin marfamee jiru garaa keenya irraa gara sammuu keenyaatti dhaamsa waan dabarsuudhaaf.

Haaluma wal fakkaatuun namni tokko yommuu nu tuqe narviileen gogaa keenya irra jiran ergaa sammuu keenyaaf dabarsu.

Narviin kun bakka jiru irratti hundaa’uun ergaa adda addaa gara sammuutti dabarsa.

🔴 Kanaaf jaalalleewwan hin heerumne lama yommuu wal dhungatan 💏 narviin hidhii isaanii irra jiru tuttuqqaa kanaan ergaa sammuutti erguu jalqabu.
By the way, narviin kun narvii qaama walhormaataa keessa jiruun tokko.

Sammuun hormooniin walqunnamtii saalaa qaama keessatti akka gadi lakkifamus ni ajaja. ⛔

Hormooniin walqunnamtii saalaa kan kakaasu meeshaalee walqunnamtii saalaa tuquu, urgaa’uu fi arguudhaani.

Narviin kun dhungannaa nagaadhaaf haala kanaan deebii hin kennan. Narvoonni kun hojii isaaniif saffisaa fi amanamoo waan ta’aniif erga hojii jalqabanii booda karaa isaanii “dhaabbachuu hin dandeenyu.” ⛔❌ jedhu.

Sammuun erga dhaamsa kana fudhatee booda sochii walqunnamtii saalaa itti aanu eegamuuf qaama qopheessa.

Akkasumas namoonni lamaan wal dhungatan kun walqunnamtii saalaa akka hin raawwanne yoo murteessan (tarii kiristaana waan ta’aniif) gara mana isaanii yoo deeman illee qaamni isaanii walqunnamtii saalaa raawwachuu barbaaduu hin dhiisu.

Hormooniin qaamni isaanii gadi lakkifamu kun “Oo, walqunnamtii saalaa raawwachuuf jennee yaadne, dogoggora ture, duubatti haa deebinu” hin jedhan. Sababni isaas kaayyoon isaanii akkasiif waan hin uumamneef.

Hanga kaayyoo itti dhufan galmaan gahanitti ni turu. Hojiin isaanii yoo hin hojjetamne hin deebi’an. Hojii isaanii keessatti baay’ee amanamoo fi milkaa’oo dha. Erga gadi lakkifamanii booda qaamni keenya karaa itti ajajamuuf ni argata.

Hiriyoonni gaa’ela hin qabne kun lamaan hariiroo kana dhaabuu yoo barbaadanillee, kana gochuun isaaniif rakkisaa ta’a, Sababiin isaas isaan duraanuu dhungachuu fi wal hammachuudhaan, tuttuqqiidhaan walitti dhufeenya uumaniiru.

Gaa’ela godhachuuf yoo murteessan illee, tasuma haaraa isaaniif hin ta’u. Kana qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya saalqunnamtii isaaniitiin walitti dhufeenya gammachiisaa fi quubsaa uumuu akka hin dandeenye ni hubatu.

Sababni isaas dhimmi kun dhungachuu qofa utuu hin taane gama hundaan tokkummaa yookiin ida’amuu waan barbaaduuf. Kanaafiyyuu ammuma murteessaa. Gaa’elaan dura waldhungachuun cubbuudha moo miti? Kana akka murteessitaniif isiniifan dhiisa.


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

One thought on “Dhungoo (Kissing)

  1. Pingback: Hariiroo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading