Qophii Gaa’elaaf Barbaachisu

Seensa

Dhiirri tokko qophii gaa’elaaf barbaachisu taasisuu isaa yookiin gaa’ela utuu hin godhatin akka turu yaadoleen isa taasisan ni jiraatu. Hiriyaan jaalalaa gaa’ela dhaabbachuuf yaadu kamiyyuu yaadolee kanneen adda baasee beekuu barbaachisa. Yeroo baay’ee gaa’elli dhiibbaa alaatiin utuu hin taane karooraa fi dhiibbaa jaalala keessaan dhufuun kan ijaaramu yoo ta’e caalaatti bu’a qabeessa ta’ee argama. Dhiirri tokko gaa’elaaf gahaa erga ta’ee booda sababoota muraasaaf gaa’elatti galuu dhiisee turuu danda’a.

Sababiilee Gaa’ela Malee Tursiisuu Danda’an:

1. Rakkoo dinagdee; yoo waan gaa’ela ittiin gaggeeffatu dhabe.

2. Karoora hin xumuraminiif of harkaa yoo qabaate.

3. Filannoon isaa bitaa itti galee irra deebi’ee filannoo biraa kan barbaadu yoo ta’e.

4. Murtoo dhabuu fi kutannoo gaa’elaa yoo dhabe.

5. Sirna gaa’ela ittiin raawwatu cidha humna isaa olitti karoorsee raawwii isaaf haalan mijeessuun qaba jedhee kan yaadu yoo ta’e gaa’ela malee turuu danda’a.

Gaa’ela dhaabbachuuf murteessinaan jaalalleen kee qophii gaa’elaaf barbaachisu keessaa isa kamtu akka itti ulfaate yaadolee armaan olitti tarreeffaman kanneen keessaa kam keessa akka jiru hubachuu qabda.

Qophiin Inni Irra Jiru Murteessa dha

Hiriyaan kee gaa’elaaf fedhii dhabuu utuu hin taane haalli inni keessa jiru isa danqeera ta’uu danda’a. Yeroo kana atis gara gaa’elaatti seenuu qabna jettee rakkisuu qofa utuu hin taane, haala inni keessa jiru hubachuun gaaridha. Yoo haala inni keessa jiru hubatte rakkoo inni keessa jiru kan sitti himuu sodaatee callisu bira gahuu dandeessa. Haala inni keessa jiruuf furmaata barbaaduutti dabaltee kanneen armaan gadii kanaan gargaartee humna gara gaa’elaatti isa dhiibuu danda’u itti hidhuu ni dandeessa.

Maal Gochuu Akka Qabdu

1. Fedhaa fi gaa’ela kee qarshiidhaan hin ulaagessin!

Gaa’ela qarshiitiin yoo ulaagessite, hamma qarshii gahaan argamutti turuu waan danda’uuf yeroon gaa’elaa turuu danda’a.

2. Gaa’elaan dura qabeenya waliin qooddachuun hin gorfamu

Hamma gaa’elaan walitti dabalamtanitti yoo jaalalaan ta’e malee, waan wal kaadhimattaniif qofa deeggarsa naaf gochuu qabda, kaffaltii hundumaa naaf kaffaluu qabda, uffataa fi kophee brand ta’e naaf bituu qabda, maatiin koo kana booddee natti dadhabuu hin qaban jechuun hiriyaa keetti ba’aa hin ta’in! Yoo siif danda’ame maatiin kee si gargaaranii jireenya keessan akka isiniif mijeessaniyyuu haala mijeessi!

3. Life (jireenya bashannanaa) hin baay’isinaa!

Yoo kana ta’e qarshii qusachuuf waan dadhabamuuf karoorri gaa’elaa isin jalaa turuu danda’a.

4. Yaada gaa’elaa qabaadhaa

Yeroon qabutti fataa jedhee darbuun barbaada waan ta’eef yeroo ani si barbaadetti bakka ani jedhetti koottu, “fataa” na godhi jettee yookiin yaada akkasii itti argisiiftee hiriyaa kee kan rakkiftu yoo ta’e, ‘kan har’a akkas taate/ta’e boru akkam taati/ta’a jedhee sodaa keessa galuu danda’a’. Yaada keetiin karoora kee fi waa’ee jireenya borii akka yaaddu yoo sirraa hubate garuu sitti gammaduu keessa darbee hanga si waliin mana tokko keessa galee jireenya jalqabutti ariifata.

5. Ejjennoo dhuunfaa keessan qabaadhaa

Gaa’elatti galuudhaaf yaadaa fi ajaja maatii hunduma eegna yoo jettan gaa’ela malee turuu dandeessu. Maatiin fedha keessan giddu galeessa godhachuu qabu malee waan hundumaatiin yaada maatiin kee sirraa eegan jala naqxee ittiin danqita yoo ta’e gaa’ela malee turuu dandeessu. Maatiin gabbara (qaraxa) qarshii fi kennaa guddaa isin irraa eegu yoo ta’e, hanga qabeenya horattutti waa’ee gaa’elaa yaaduu hin dandeessu jechuudha. Qarshii kan qabu yoo ta’eyyuu karoorri isaas ani nama qarshii qabu waanan ta’eef maal jedheen waan xiqqoo hojjedha jedhee waan yaaduuf karoora isaan madaalamee akkuma nama qarshii hin qabneetti ilaalama.

6. Gaa’ela dura saalqunnamtii hin raawwatinaa 🚫

Fedha foonii yookiin walqunnamtii saalaa gaa’ela dura kan raawwatan yoo ta’e, gaa’ela malee turuu dandeessu. Humni wal isin abdachiisu tokko gaa’ela dura isin keessaa ba’eera taanan, walhawwuu fi wal gojomma’uun ni hafa. Humna ittiin waliin jireenyaaf walitti harkifamtan hin jiru jechuudha.

7. Karoora qabatamaa qabaadhaa

Yeroo yerootti karoora qabatamaa qabaachuun gaa’ela keessan haaressa. Karoora qabatamaa hin qabdan taanan akkuma haalli isin godhe taatu jechuudha.

8. Jaalala keessan waliif ibsaa

Akka jaalattuu fi boru jireenya gaa’elaa keessatti gargaartuu dhugaa akka taate itti himi! Akka si amanatuu fi si abdatu yoo goote gaa’ela milkii qabu walfaana jiraachuu dandeessu.

Galatoomaa!

Baafata | Mata-duree walqabatu | Ergaa Ganamaa

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

2 thoughts on “Qophii Gaa’elaaf Barbaachisu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading