Fiigichaa fi Waamicha

fiigichaa-fi-waamicha

Seensa

Mata duree fiigichaa fi waamicha jedhu kana jalatti namni fiigicha irra jiru waamicha yookiin kaayyoo qulqulluu fiiguuf yeroo hundumaa itti yaadee fiixan bahuumsaaf akka dhimmu akeekkachiisa. Bara si’anaa kanatti wantoonni dirree fiigichaa irratti nama mudatan baay’ee walxaxoo fi kaayyoo dhokataa waan qabaniif, irra keessaan galma ga’iinsaaf kallattii sirrii namatti fakkaachuu danda’anillee namni waamicha isaa qajeelchee beeku, fiixan ba’uumsa irraa gonkumaa hin mixxiqu.

Mee jalqaba isa fiignuuf sana irraa ija keenya akka hin buqqifanne yaadota nu gargaaran haa ilaallu:

Jireenyi namaa isa isa jiraachisuttii adda banaan miidhamaa dha. Jireenyi akkasii jireenya du’aa fi du’attis adeemaa jiru dha. Sababni du’ichaa garuu sababa namni kun cubbuu qabuuf qofa utuu hin taane, sababa qalbii hin diddiiranneefi! Sababa balleessaa ofii amanee irraa deebi’uuf karaa fi kallattii hin barbaannefidha. Dhugaa dha, cubbuun summii du’aati. Jireenyi cubbuu dhaan summaa’e immoo yoo gola araaraatti ol gale malee iddoo boqonnaa fi nagaa bara baraa gahuu hin danda’u.

Mee asumattuu gaaffiin si gaafadha. Ati araarri Waaqayyoo akka si barbaachisu beektaa? Araaras argachuu ni feetaa? Yoo dhuguma akka si barbaachisu ni hubatta taate, akkas jedhi, “Yaa Waaqayyo araara keen barbaada. Ana nama cubbuu baay’ee qabu kanatti araarami.”

Namni yoo araara Waaqayyoo argate malee gammachuu bara baraa hirmaachuu hin danda’u. Ulaan gola araaraatti galchu immoo garaa gaabbiin guuteen qalbii ofii jijjiirrachuu dha. Macaafni Qulqulluun, “Egaa yaada garaa keessanii geeddaradhaa, inni cubbuu keessan akka isiniif haxaa’utti gara Waaqayyootti deebi’aa. Waaqayyo yeroo itti hafuurri keessan haareffamu akka isiniif fiduuf,… deebi’aa!” jedha. (Hojii Ergamootaa 3:19-20)

Yaa obboleessa/obboleettii koo, Waaqayyo, “…Lubbuun cubbuu hojjettu haa duutu!” jedhee kanaan dura dubbateera (Hisqeel 18:4,20). Itti dabalees Macaafni Qulqulluun, “hundinuu [siinis dabalatee] yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos itti hir’ateera.… Beenyaan nama cubbuu hojjetuu immoo du’a [Waaqayyottii gargar bahuu dha]; Kennaan Waaqayyoo inni Kiristos Yesus Gooftaa keenyaa Wajjin tola [naaf ta’aa yookiin hojii ofii malee] kennamu garuu jireenya bara baraati!” jedha (Rom. 3:23 fi 6:23).

Jireenyi namaaf kennamu Waaqayyo biraa qophaa’aa dha; garuu Yesuusii Wajjini! Namni Yesusiin simatu jireenya fudhata! Isa diduun garuu du’a ofitti murteessuu dha.

Yaa michuu koo, ati du’a moo jireenya feetaa? Gammachuu moo gadda? Yookiin isa si jaallatuu wajjin jiraachuu moo isa si jibbu harkatti yeroo hundaa dhiphachuu? Seexanni si jibba. Waaqayyo immoo si jaalata! Ammuma har’aatti iyyuu Waaqayyo harka isaa bal’isee jaalala isaa isa dinqisiisaa sitti argisiisuuf si eega. Maaloo ariifadhu. Maaloo isa hin didin! Garaa kees isatti hin jabeessin! Waaqayyo siif in oo’a. Inni badiisa kee gonkumaa hin fedhu! Abbaa fi michuu bara baraa siif ta’uu barbaada.

Dubbiin isaa, “Namni ilma Waaqayyoo qabaatu jireenya qaba; namni ilma Waaqayyoo hin qabaanne jireenya hin qabu” nuun jedha. (1Yoh. 5:12).

Waamicha Waaqayyoo Ofitti fudhachuu fi Kabaja Kennuu

Yaa obboleessa/obboleettii koo tarii ati, “Ani nama hojii gaarii fi amala gaarii qabaachuun beekamu; nama namootni jaalatanii fi kabajan…” jettee cubbuu of irraa dhabda ta’a. Hojii fi amalli gaariin ba’eessa. Haa ta’u iyyuu malee dubbiin Waaqayyoo waan siin jedhu dhaga’i! “Cubbuu hin qabnu yoo jenne of in sossobna; dhugaanis nu keessa hin jiru. Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.” (1Yoh.1: 8-9)

Tarii immoo, “Ani cubbuun koo baay’ee dha; hammina baay’ees ija jabinaan godheera… Kanaafuu Waaqayyo anaan cubbuu koo waan naaf dhiisuu danda’u natti hin fakkaatu” jetta ta’a. Kana irraa kan ka’es, jireenya keessa turtee fi ammuma iyyuu keessa jirtu ilaaltee, abdii kutatta ta’a. Siinis Waaqayyo akkas siin jedha, ”Ani du’a namaatti hin gammadu, kanaaf Yaada garaa keessanii geddaradhaatii jiraadhaa!” (Hisq. 18:32). Itti dabalees, Macaafni qulqulluun, “Dhiigni ilma isaa [Ilma Waaqayyoo] cubbuu hundumaattii nu qulleessa!” (1Yoh. 1:7)”

Dhiigni Kristoos isa hafuura bara baraatiin, aarsaa mudaa hin qabne godhee, ofii isaa Waaqayyoof dhiyeessee immoo, isin hojii isa du’atti geessu dhiiftanii, Waaqayyo isa jiraataa dhaaf hojjettoota akka taataniif, hammam guddaa caalchisee yaada garaa keessanii haa qulleessu ree?” jedha. (Ibr. 9:14).

Egaa, yaa michuu koo, wanti sirraa eegamu Gooftaa Yesus isa si jaallatutti amanuu fi fayyisaa jireenya kee gootee fudhachuu dha. Inni immoo yeroo sanaa jalqabee burqaa nagaa fi gammachuu ta’ee si keessa jiraachuu fi si gaggeessuu jalqaba. Mee egaa amma yoo, ‘Araara Waaqayyoo argadhee jiraachuun barbaada’ jetteef, garaa guutuu amantii dhaan akkas jedhii kadhadhu:

“Yaa Gooftaa Yesus, sagalee fayyinaa isa ani dhaga’aa jiru kanaaf siif haa galatu. Atis anaaf dhimmitee guyyaa har’aa carraa jireenya filachuu waan anaaf laatteef ulfinni siif haa ta’u. Cubbuu ani ammaan dura godhe hundumaatiif dhiigni kee inni waa’ee koof dhangala’e qoricha ta’ee waan na fayisuuf sin galateeffadha. Kunoo ani yeroo ammaa kanaa jalqabee jireenya koo sitti kennadheera. Cubbuu koo hundaattii qulleessitee eebba gammachuu bara baraa akka na hirmaachiftun barbaada. Ana irratti mootee gaggeessaa yeroo hundaa akka anaaf taatu nan fedha. Har’aa jalqabee anaaf gooftaan koo si’i. Maqaa koo galmee jiraattotaa keessatti anaaf barreessi. Waan na simachuun sitti toleef galatoomi. Ameen!” Waamicha Waaqayyootiif ulfina laattee, Kadhata kana garaa guutuun kadhatte taanaan, ati ammaa jalqabdee mucaa Waaqayyoo taateetta. Abdii fi eebba warri Gooftaatti amanan qaban irraas hirmaattuu dha. Kanaaf Jireenya haaraa argatte kana yeroo hundaa Waaqayyoon kadhachuu, Macaafa Qulqulluu dubbisuu fi amantootaa wajjin tokkummaa godhachuu dhaan eeggadhu!

Waaqayyo si haa eebbisu!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

One thought on “Fiigichaa fi Waamicha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading