GOSOOTA HARIIROO

Gosoota hariiroo guyyaa guyyaan namoota waliin goonu bakka afuritti (4) qooduun ni danda’ama

1. Aggressive – (Aariin/mata-jabina): Gosoota hariiroo namoonni waliin qaban keessaa tokko aggressive kan jedhamudha. Tarree kana keessatti namoonni mul’atan yaada isaanii jechaa fi miira cimaadhaan ibsuun beekamu. Yommuu dubbatan minjaala rukutuun, hiddi qaama isaanii kaka’ee aarii guddaadhaan miira keessa ta’uudhaan dubbatu. Yaada ofii haala nama miidhuun ibsuun rakkoo uuma. Haasaa hogganaa duraanii Koloneel Mengistuu Haayilamaariyaam eeruun ni danda’amaa? 😊

2. Passive: Hundumaa akka kennaatti kan fudhatan, yaada isaanii ibsachuu kan sodaatanidha. Namoonni gosa kanaa rakkinni uumamee, dhiisee kan hin dinqisiifanne, miira isaanii irraa fagoo kan ta’an, wantoota fagootti kan dheessaniidha. Faayidaa isaanii namoota biroof dabarsuun qisaasa’amaaf saaxilamuu danda’u.

3. Passive – Aggressive: Gareen kunii immoo yaada isaanii ifatti ibsachuu sodaatanis, aarii isaanii maqaa balleessuun, hojii namaa gadi buusuu fi kanneen biroon ibsachuuf carraaqu. Isaan kun ofii isaaniitiif akkasumas namoota biroofillee balaadha.

4. Assertive: Yaada isaanii haala madaalawaa ta’een ibsuu irratti ga’umsa kan qabaniidha. Yommuu namoota waliin haasa’an, mari’atan yookiin falman ogummaadhaan furmaata kan barbaadanidha.

Ati gosoota hariiroo armaan olii keessaa isa kam fayyadamta? Dr. Isteefanoos Alalamaw – Ogeessa fayyaa sammuu

WANTOONNI AMALAA FI HARIIROO NAMAA SUMMEESSUU DANDA’AN MAAL FA’A?

Dhiphachuu yookiin jeeqamuu (stress)

Dhiphinni dandeettii hanga namni yaaduu danda’uu ni hir’isa. Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka:
1. Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu!
2. Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu!
3. Kophaa ta’uu!
4. Hirriiba nagaa dhabuu!

Yaadoleen Dhiphina Namatti Fidan Kanneen akka:
⁃ Bakka yaadan hanqachuu,
⁃ Dhiibbaa hiriyaa,
⁃ Qusannaa dhabuu,
⁃ Odeeffannoo sobaa,
⁃ Ofitti amanuu dhabuu,

Dabalataanis:
⁃ Iftooma dhabuu yookiin iftooma garmalee guddisuu!
⁃ Yeroo mara miidhamtummaa dubbachuu!
⁃ Mudaa maleessummaa of irraas ta’e jaallee ofii irraa eeguu; namni mudaa maleessa (perfect) ta’e hin jiru!
⁃ Yeroo mara negative (hir’ataa) ta’uu!
⁃ Jaallee ofii irratti hirkataa ta’uu (yaadaan, qarshiin fi kan kana fakkaatan)

Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin akkasumas hamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu’aa adeema. Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul’ata. Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda’u irraan miidhaa geessisa!

Dhiphina Ooluudhaaf Maal Gochuu Barbaachisa?

⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu!
⁃ Waan keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu!
⁃ Ofitti amanamummaa qabaachuu!
⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily)
⁃ Faaruu, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!

Wantootni kun guddina hariiroo keenyaaf hudhaa ta’uu beekuun irratti hojjechuun barbaachisaadha. Gaafa hammaatu ogeessa mariisisuun barbaachisaadha.


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

4 thoughts on “GOSOOTA HARIIROO

  1. Baay’ee galatoomi, beekumsa nama hundumaa fayyadu nuuf hortee,ammayyu hojji gaarii jalqabde kana itti fufi, Waaqayyoo inni ogummaa kana siif kenne ammayyu itti siif ha dabalu,Eebbifame eebbaaf ta’i jabaa keenya.

    1. Barnoota kana barachuu barbaadaa akkaata barnoota keessan akkam akka baratanuu hin beekuu karaa ittiin baradhuu natti himaa
      Ani dargaggeessadha barnoonni isin barsiisaa jirtanu Kun barnoota na fayyaduudha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading