Premarital Relationship
Waa’ee gaa’elaa ilaalchisee gaaffiin dargaggoota baay’ee, “hiriyaa gaaelaa adda baafachuu akkamittan danda’a?” kan jedhu dha.
Gaa’elli maalii? Eenyutu dhaabe, maalif hariiroon yookiin [gaa’elli] akka dhaabbate sirriitti yaadanii hubachuun barbaachisaa dha.
Yoo kana hin taane akeeka gaa’elli uumameef dhiifnee fedha mataa keenyaa qofa gara dhaga’uutti deemna. (2Xim. 4:3-4)
Waaqayyo fedhii mataa keenyaatti dabarsee yoo nu kenne immoo baay’ee ulfaataa dha. Kanaaf dargaggoonni “eenyun fuudha/eenyuttin heeruma?” kan jedhu yaaduun dursa, fedha Waaqayyoo waa’ee hariiroo gaa’elaa irratti qabuu fi hariiroo mataa isaanii Waaqayyo wajjin qaban maal akka fakkaatu ilaallachuutu ta’a.
Namni fayya-buleessi kamuu gaa’ela naga-qabeessa barbaada. Kanaafis yeroo, qabeenya, waan hundumaa isaa… aarsaa (invest) godha. Duudhaa (value) geeddaruun yoo barbaachises kana gochuu irraa duubatti hin deebi’u. Mee dursinee yaada Waaqayyo gaa’ela irratti qabu haa ilaallu.
Waa’ee Gaa’elaa irratti Yaadni Waaqayyoo maali?
Hiriyaa gaaelaa adda baafachuu barbaadda taanan jalqaba akeekni gaa’elli hundaa’eef maal akka ta’e beekuun barbaachisaadha.
- Gaa’elli yaada Waaqayyooti.
- Gaa’elli mucaa Waaqayyooti (Abbaan Gaa’elaa Waaqayyoo dha)
- Gaa’elli abjuu Waaqayyoof dhugoome dha.
- Boca (Design) gaa’elaa kan hojjete Waaqayyoo dha. (Mar. 10:7)
- Waaqayyo gaafa gaa’ela uume bifa eenyummaa isaa (trinity) calaqqisiisuuni dha.
- Namni gaaf gidduu seenu, boca (Design) isaa kanatti bu’u Waaqayyo ni dheekkama. (Mar. 10:9)
Jalqabbii Gaa’elaa
Addaamiin alatti uumamni hunduu “ta’aa” jedhamanii uumaman. Addaam (namni) garuu eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaa dhaan uumame. Innoo bifaa fi fakkaattii Waaqayyootiin biyyoo lafaa irraa tolfame (Uma. 1:26). Lubbuu akka qabaatuufis Waaqayyo hafuura jireenya itti godhu itti baafate. (Uma. 2:7)
Uumamuu (tuttuqqaa Waaqayyoo) kana keessa namni (Addaam) hariiroo Waaqayyoon wajjin qaba ture. Jechuun, osoo Hewwaanin hin beekin dura Waaqayyoon beeka.
Addaam qofa miti, Hewwaanis eeggannaa guddaadhaan harka Waaqayyootiin bifa dinqisiisaadhaan lafee cinaachaa Addaam keessaa fuudhame irra tolfamte. (Uma. 2:21-22) Isheenis akkasuma uumamuu ishee keessa Waaqayyo wajjin hariiroo qabdi turte. Addaamiin osoo hin beekin dura Waaqayyoon beekti turte.
Egaa Addaamii fi Hewaan hariiroo walii isaanii waliin qabaachuun dura, dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti Waaqayyo wajjin hariiroo qabu turan jechuu dha.
- Kuni hariiroo gaa’elaa dura hariiroon Waaqayyo wajjin qabnu murteessaa ta’uu isaa argisiisa.
- Jaalalli jalqaba Waaqayyo wajjin shaakalamuu danda’uu qaba.
- Kanaaf waan hundumaa dursa ulaagaan jalqabaa turtii fi hariiroo namni gooftaa isaa wajjin qabu ta’uu qaba.
- Namni kun hammam na jaallata utuu hin jedhin dura hammam gooftaa jaallata isa jedhu gaafachun ba’eessa taha.
Ga’ee Waaqayyoo gaa’ela keessatti
Waaqayyo abbaa gaa’elaati erga jennee, ga’een akka abbaatti dalage isaan armaan gadiiti:
- Dhiyeessuu (Providing)
- Uma. 1:29
- Qajeelfama laachuu/barsiisuu (Giving guideline)
- Uma. 2:16
- Eeggachiisuu (Warning) Uma. 2:17
- Karoora baasuu (Planning) Uma. 2:18
- Karoora baasanii hojjechuun amala Waaqayyooti. Egaa namnis amala kana Waaqayyo irraa barachuu qaba.
Walumaagalatti, namni hariiroo gaa’elaa uummachuun dura, hariiroo Waaqayyo wajjin qabu jabeeffachuu qaba. Amala Waaqayyo irraa baratee nama hojii ta’uutu irra jiraata. Maqaan Waaqayyo bara baraan haa eebbifamu! Ameen!
Gaaffilee Marii
1) Karoora Waaqayyo gaa’ela keef qabu ilaalchisee akkamitti sagalee isaa dhaggeefachuuf barbaadaa jirta? Mala isa kamitti fayyadamta?
2) Akkamitti Waaqayyo wajjin walitti hidhataa jirta? Kutaa jireenya kee isa kamiin hidhati kee cimaa miti. Barumsa kana keessatti bifa Waaqayyo isa kamiin fakkaachuu akka qabdu barattee?
Mata duree walqabatoo dubbisaa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.