Galma Geessa
Kufaatidhaan eegala
Jalqabni milkaa’inaa
“Gufadheera” jettanii
Bakka sana hin taa’inaa
Hurufa heddummatti
Jireenyi biyya lafaa
Jabaan kufus ni ka’a
Dadhabaan achitti hafa
Kaayyoo kamuu qabaadhu
Nama hojjetu yoo taate
Aarsaa malee hin geessu
Galma qabattee kaate
Kanaaf seenaan hayyootaa
Waan baay’ee nu barsiisa
Kufanii ka’uu beekuuf~Albert Enistaayintu
Daandii nutti agarsiisa
Abdii kutachuu dhiisee
Al torba kufee ka’ee
Xurree qaroominaarra
Kutannoo cimaan ga’e
Fakkeenya ati fudhattee
Ittiin galaana ceetu
Thomas Edson ilaali
Obsaaf kutannoo feetu
Ji’a sadii barate
Mana barumsaa galee
Waan gadadoos rakkinni
Lakkuu isarratti dhale
Gidiraa biyya lafaa
Obsee garaatti baatee
Balbii har’a ibsannu
Tiriikaa addunyaaf laate
Galma isaa hin hanqifne
Rakkinni isa hudhanii
Irra deddeebiin yaalee
Yeroo kuma kudhanii
Obsaan yaadee kalaqee
Dukkana ibsuuf maloota
Gumaacha guddaa kana
Kaa’ee darbe dhalootaa
Abdii akkan kutanne
Gaafa kutatte abdii
Rakkoon si kuffisuutti
Ofumaaf kuftee cabdi
Miti gaafa maramtee
Carqiin awwaala buutu
Gaafa hamileen kee du’e
Dhugaan kan ati duutu
Kanaafuu…
Karri tokko cufamu
Lamatu siif banama
Hireen abaarin ciiftee
Galgalaa fi ganama
Jiruu biyya lafaatu
Qorumsadha obbolee
Hedduunis obsa dhabee
Abdii kutuun okkole
Bakka kuftee ka’i
Laali bitaaf mirga
Daandiin biraa jira
Siif baadhatee silga
Ati abdii akka hin kunne
Dursii abdii kutadhu
Bakka har’a jirturraa
Fuulduratti butadhu!
Kuftee achitti hin hafin
Ol ka’i ni dandeessaa
Hin dhaabbatin tiradhu
Gaaf-tokko galma geessa
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Baayyee isinirraa baranna
Nama jabbesa abidi ‘namafi Kenna
Bay’ee namattii tolaa gajatomaa