Madda Fedhichaa Balleessi!

Amma gochaalee ejjummaan walqabatan keessaa bahuu akka dandeessuuf sadarkaa jalqabaarraatti madda fedhichaa balleessi! Kana booda mala kana erga argattee; masturbation rakkina ulfaataa sitti ta’uu hin danda’u.

Gochaalee Ejjaa fi Masturbation Irraa Fagaachuuf Qabxiilee si Gargaaran Muraasa

1. Madda Fedhichaa Balleessi!

Wantoonni yookiin yaadoleen gocha kanaaf kakaasan naannoo keenya jiran, kan gochaa ejjummaa kanatti geessan maalidha? Tarkaanfii jalqabaa irratti madda fedhichaa balleessi!

• Ibr. 12:1 irratti akkas jedha, “Egaa nuyi dhuga baatota akka duumessaa lafa uwwisan naannoo keenyaa qabna; kanaafis koottaa wanta ba’aa nutti ta’u hundumaa, cubbuu isa nutti qabates of irraa fuunee dorgommee isa nu dura jiru obsaan dandeenyee in fiigna!”

2. Ilaalcha kee Qajeelfadhu! 

Yeroo baay’ee ija kee qajeelchitee gara saala faallaa yoo ilaalte, sammuun kee carraa fakkii baay’ee kaasuu of keessatti kuusaa adeema; fakkiileen kunniin muraasni fayyummaa hafuuraatiif sirrii miti. Wanta ilaaluu qabdu hunda ilaaluu dhiisuu miti; wanti jalqaba irratti ati ilaaltu fayyummaa hafuura keetiif sirrii ta’uu yoo baate, ilaalcha lammaffaa hanga dandeessu sirreessuu yaali!
Ilaalcha lammaffaa kee sirreessuu yoo hin dandeenye, ilaalcha sadaffaa kee sirreessuu ni dandeessa; hanga garaa kee keessatti ejjuu jalqabdutti ammas, ammas, ammas gara saala faallaa hin ilaalin!

• Fak. 4:25 “Ijji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu, wanta ija kee dura jiru duwwaa ilaali!”

3. Wantoota gara ejjaatti si oofuu danda’an irraa hatattamaan of qabi!

Ofii keetti baay’ee dhiyoo ta’uu akkasumas Waaqayyotti dhiyoo ta’uu qabda; deebii deebisuufiirra haalicha to’achuu danda’uu qabda. Namni yommuu ejjitu si arguu dhiisuu danda’a; garuu Waaqayyoo fi si qofatu arga.
Kanaafuu sagalee ayyaanichaa, barsiisa inni akka ati gocha ejjummaa mormitu siif kennu dhaga’uun OF GARGAARI! Hafuurri qulqulluun yeroo hundumaa yaadolee kamiyyuu irratti maal gochuu akka qabdu (of eeggannoo) siif kenna; wanti barbaachisaan ofiif gochuu qabdu sagalee hafuura qulqulluu dhaggeeffachuu dha.
Kana qalbifannaan yommuu ejjuu jalqabdu, wanta gochuuf turte hatattamaan Waaqayyotti himachuun dhiigni Yesus cubbuu kamirraayyuu akka si qulqulleessu of kennita.

• Yaq. 1:15 “Kajeellaan hamaan erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala.” (Duuni asitti Waaqayyo irraa adda bahuu dha; hanga cubbuu kee himattutti carraa fayyinaa qabda (temporary die) yookiin cubbuudhaan yoo duute immoo siif dhumateera (permanent die).

4. Fayyummaatti Ofeegi!

Yih.1:21 akkas jedha, “Jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa;” jedha. Wantoota jireenya hafuuraa kee fayyummaatti eegan raawwachuu fi wantoota jireenya hafuuraa kee gadi buusan irraa fagaachuu qabda. Haasa’a saalqunnamtii gurra keetiin dhaggeeffachuu fi haasa’a mi’aa hin qabne dubbachuun yookiin sirba saalqunnamtii arraba keetiin sirbuun gocha ejjummaa garaa keetti akka raawwattu si taasisa. Fayyummaatti of eegi!
Wal tuttuqqiin qaamaa fedhii saalqunnamtiif godhamu, dhungoon, wal hammachuun, fedhii saalqunnamtii kakaasa. Fayyummaatti of eegi! Walitti dhufeenyi garmalee saala faallaa waliin jiraatu fedhii cimaa nama sana waliin akka qabaattu taasisa. Namni sun haadha manaa/abbaa manaa seera qabeessaa kee ta’uu yoo baate yaada ejjummaa isa/ishee waliin qabaachuuf dirqamta. Fayyummaatti of eegi!

Ilaalcha ija keetii eeggadhu!

Saala faallaa akka kitaaba qayyabattutti qorachuun yookiin yeroo hunda ija kee dura olkaa’uun fayyummaa hafuuraa ta’uu hin danda’u. Yeroo ilaalchaa fi gochaa ejjummaatiin wal’aansoo qabdu, wanti hundi rakkoo hin qabu hin jedhin! Fayyummaatti of eegi!


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading