Walitti bu’iinsi Israa’eliifi Iraan itti fufee jira

Walitti bu’iinsi Israa’eliifi Iraan itti fufee jira. Waan haaraa jiru jala jalaan isin biraan geenya.

Tiraamp buufata niwukilaraa Iraan haleeluuf akka jedhu maddeen akeekan

Pirezidaantin Ameerikaa Doonald Tiraamp buufata niwukilaraa Iraan haleeluf yaadaa akka jiru maddeen ibsan.

Miidiyaan Ameerikaa CBS akka gabaasetti, Tiraamp buufata niwukilaraa Fordow dabalatee buufataalee gabbisa niwukilaraa Iraan haleeluuf yaada qaba.

Maaddeen keessa beekanirraa odeeffadhe jechuun CBS akka gabaasetti, marii Tiraamp galgala kana Mana Maree Nageenyaa waliin taasiseen, Ameerikaan Israa’elirra goruun Iraan haleeluu qabdi moo hin qabdu kan jedhu ajandaa marii keessaa tokko ture.

Haata’u garuu, gorsitoota Tiraamp gidduutti yaadi wal-fakkaatan hin turre jedhame.

Tiraamp walgahii biyyoota G7 Kanaadatti gaggeeffamu addaan kutuun ture hatattamaan gara biyyaa kan deebi’e.

US xayyaarota waraanaashee gara Baha Giddu-Galeessatti geessaa jirti

US xayyaarota waraanaa dabalataa gara Baha Giddu-Galeessatti geessaa jiraachuun dhagahame.

Xiyyaarota Ameerikaa

Maddi oduu Rooyitars qondaalota US waabeffachuun akka gabaasetti, Peentaagoon dooniwwan xayyaarota waraanaa baatan gara Baha Giddu Galeessatti ergaa jira.

Kunis Israa’elifi Iraan gidduutti lolli hammaataa deemuu hordofeeti.

Qondaalli US tokko Rooyitarsitti akka himanitti, US xayyaarota waraanaashee ammayyaa kanneen akka F-16, F-22, fi F-35 jedhamaniidha.

US waraana Iraanifi Israa’el gidduutti gaggeeffamu kanarratti kallattiin hirmaachuu dandeessi kan jedhu yaaddoon jabaataa dhufeera.

Iraan “misaa’ela ammayyaa” har’a yeroo jalqabaaf Israa’elitti dhukaasuu beeksifte

Iraan misaa’elashee ofii kalaqxeefi ammayyaa ta’e har’a yeroo jalqabaaf ittiin Israa’el haleeluu beeksifte. Walitti bu’iinsi Israa’eliifi Iraan itti fufee jira.

Misaaela haaraa Iraan ofiif oomishte

Gaazexaan Israa’el, Haaretz jedhamu Ministeera Ittisaa Iraan waabeffachuun akka gabaasetti, Iraan misaa’ela ammaayyaa har’a yeroo jalqabaaf Israa’el haleeluuf itti fayyadamte.

Dubbi-himaan Ministeera Ittisaa Iraan TV mootummaa biyyattiitti dubbatan jechuun Haaretz akka gabaasetti, Iraan misaa’ela haaraa yeroo jalqabaaf fayyadamte.

“Diinni [Israa’el] waraana yeroo dheeraa dandamachuu hin danda’u- haleellaa tasaa [misaa’ela haaraa] akkasii caalmatti isa eeggaata,” jedhan qondaalli Iraan.

“Haal-duree tokko malee harka kennadhaa!”- Tiraamp

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waa’ee Iraan har’a dubbii jajjabaa dubbataa jira. Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa “Truth” irratti barreessen “HAAL DUREE TOKKO MALEE HARKA LAADHAA!” jedhu maxxanse.

Ergaawwan walitti aansee maxxansaa jiruun, hedduun US waraana Israa’elifi Iraanitti hirmaatti sodaa jedhu hammeessaa jira.

Tiraamp ergaa jalqa har’a maxxanseen “qilleensa Iraan guutummaan to’annee olaantummaa irratti qabna” jedhee ture.

Ittaansun ammoo, “Gaggeessan Iraan bakka dhokatee jiru beekna, garuu ammaaf hin ajjeefnu!” jechuun maxxanse.

Maxxansa si’a sadaffaa har’a maxxanseen, “haal duree tokko malee harka laadhaa!” jechuun namoota heddu shakkii keessa galcheera.

Gaggeessan Iraan eessa akka dhokatee jiru beekna, garuu ajjeesuu hin barbaannu- Tiraamp

Doonaald Tiraamp gaggeessan Iraan Ayaatolaa Kameenii bakka inni jiru akka beekufi garuu ajjeesuu akka hin barbaanne beeksise.

Tiraamp kana kan jedhe maxxansa miidiyaa hawaasaa isaa “Truth” irratti barreesseni.

“Gaggeessan Iraan ‘Gaggeessaa Olaanaa‘ jedhamu eessa akka dhokatee jiru beekna.”

“Salphaatti qiyyeeffannoo keessa jira, garuummoo homtuu itti hin bu’u. Ammaaf hin ajjeesnu,” jedhe.

Dabaluunis, “Garuummoo misaa’elli lammiilee nagaatti ykn loltoota Ameerikaatti akka dhuka’u hin feenu. Baay’ee obsa fixataa jirra,” jechuun “dhimma kanatti xiyyeeffannoo waan kennitaniif galatoomaa!” jedhe Tiraamp barreeffama isaa kanaan. Mata duree walqabatoo dubbisaa!

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading