Gochi masturbation hidhata cimaa sammuu waliin akka walqabatu; sammuun yaadolee saalqunnamtii (sexual thoughts) kamiyyuu salphumatti gara raawwiitti jijjiiruuf ciminaan akka kaka’u dhugaalee tokko tokko ilaallee jirra. Gaaffiin daandii bilisummaa hordofuuf qophooftee jirtaa? jedhu jireenya kee gochaa kana irraa bilisa baasuuf karaa kan si buusudha. Daandii bilisummaa hordofuuf maal gochuu akka qabnu kanatti fufnee ilaalla.
Qophii Ta’uu
Mee ariifadheen sitti hima, masturbation irraa bilisa bahuun kan danda’amu gargaarsa hafuura qulqulluu Waaqayyo nuuf kennuuni! Hafuura qulqulluu waliin adeemuuf dirqama qophaa’uu qabda.
Qabxiilee si gargaaran
Qabxiilee cubbuutti akka hin kufne si gargaaran tokko tokko siif nan kenna, garuu qabxiileen kunniin gargaarsa hafuura qulqulluu malee gatii hin qaban. Abdiin qaba akka na hubatte!
Dhugaalee ifa ta’an beekuu qabdu tokko tokko itti dabalee siif nan kaasa:
- Barreeffamaa fi gaazexaa fedhichaaf nama kakaasan dubbisuu yoo itti fufte masturbation irraa bilisa ba’uu hin dandeessu;
- Viidiyoo pornogiraafii (blue films) ilaaluu yoo itti fufte masturbation irraa bilisa ba’uu hin dandeessu;
- Hiriyoonni baay’ee sitti siqan warra saala faallaa yoo ta’an, masturbation waliin wal’aansoo yeroo dheeraa sitti fudhata.
- Yeroo hundumaa waa’ee dubara naannoo keetii yookiin si cina darban hunda irratti xiyyeeffachuu jaalatta taatan masturbation irraa bilisa ba’uu hin dandeessu.
Mallattoon jalqabaa daandii bilisummaa hordofuuf qophaa’uu kee argisiisu tokko maddoota gochaa masturbation ta’an balleessuu dha
Maddoonni gochaa masturbation kee maali dha? Kan koo, garmalee dubartootatti dhiyaachuu, pornogiraafii ilaaluu, yaadolee ejjaan walqabatanii fi yeroo baay’ee kophaa ta’uu dha.
Sababni Kan Kee Maali Dha?
Cubbuun dhukkuba hamaa lafa kana irraati. Hafuura namaa, lubbuu fi qaama namaa hammeenyaa fi to’annoo jal’inaa jalatti kuffisuu danda’a. Eenyullee yoo taate; beekumsas yoo qabaatte rakkoo hin qabu, cubbuun jireenya kee seennan, miira kee si dhabsiisuun wanta hin jaalanne akka gootu si taasisa.
Gargaarsa Hafuura Qulqulluu
Hafuurri qulqulluun si gargaaruuf qophii dha; garuu ofii isaa dirqamaan gonkumaa si irratti hin hojjetu. Hafuurri qulqulluun hafuura gaarummaa (gentle spirit) Waaqayyooti. Jireenya kee keessatti dirqama wanta inni hin jaalanne irraa fagaachuu qabda.
Hafuurichi yaadolee cubbuu ejjaan walqabatan kanneenii fi jeequmsa jireenya kee irraa bilisa si baasuu barbaada. Haa ta’u malee, maddoota gochaa masturbation balleessuu qabda. Sababni isaa hanguma gochichi itti fufu, hanga fedhe yoo kadhatte, waadaa yoo galte yookiin furmaata fiduuf, bilisa ba’uu hin dandeessu.
Mukaa fi Hidda
Hawwiin kuni akka firii muka irraa ti; mukti hidda isaa irraa hin citu taanan firii buusuu yookiin summii nama miidhu maddisiisuu itti fufa. Hanguma mukichi akka turu heeyyamtu, miidhaa cimaa geessisaa deema. Kanaafuu, maddoota gochaa masturbation balleessuun si irra jiraata
Maddoota Masturbation beekuu
Maddoota masturbation kanneen akka barreeffamaa fi gaazexaa fedhichaaf nama kakaasan dubbisuu, fakkii fi viidiyoo pornogiraafii ilaaluu, fi kan kana fakkaatan erga balleessitee booda daandii bilisummaa hordofuuf qophoofta.
Wal’aansoo Qabuu
Rakkoo hin qabu yaaltee irra deebitee kuftee? Seexanni tarii yaada kee irratti moo’icha argachuu barbaadee? Abdii hin kutin; wal’aansoo keetti gammachuu qabaadhu! Kuni daandii ati ittiin gara bilisummaatti ceetudha; sababni isaa Waaqayyo gara kee jira. Waaqayyo gara faallaa kee miti; inni humna siif kennuuf, bilisa si baasuuf si waliin jira.
Mata duree walqabatoo dubbisi!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.