Pornogiraafiin Maali?

pornogiraafin-maali?

Hiika Pornogiraafii

Pornogiraafii jechuun suura, video fi agarsiisa fiilmiiwwanii gocha saalqunnamtii agarsiisu akkasumas kitaabotaaf barreeffama miira saalqunnamtii cimaa kakaasuuf yaadamee qophaa’e kan dabalatuudha. Kanas gabaabinaan bifa armaan gadiitiin keenya:

  1. Amala fedhii saalqunnamtii kakaasu (Suura, video yookiin barreeffama) kan miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame agarsiisu.
  2. Meeshaa (Kitaabota, barreeffama yookiin text, asoosama) fedhii saalqunnamtii uumuu fi miira saalqunnamtii kakaasuuf yaadame.
  3. Gochoota haala miira namaa kakaasuun argisiisuudhaan miira cimaa akka kakaasuuf yaadame.

Yeroo tokko addunyaa “Google” irratti baay’inaan qunnamtii saalaa (sex) na barbaadi “search” godhi jecha jedhu biyyoota 5 keessaa isin Itoophiyaanonni tokkoffaa dha jedhamnee turre. Kuni kan argisiisu biyya keenya keessatti namoonni araada pornogiraafii ilaaluun qabaman baay’ee ta’uu isaa ti. Araadni kunis akkuma araada biroo ifaan ifatti nama araadichaan qabame irratti kan hin mul’anne ta’ee akkasumas saba keessatti odeeffannoo gahaa waan hin qabaanneef lakkoofsi warra araadichaan qabamanii olaanaa akka ta’eetti tilmaamama.

Ka’umsi Pornogiraafii maali dha?

Pornogiraafiin kan argame jecha pornographi ‘ˌpȯr-nə-ˈgra-fik’ jedhu irraa yoo ta’u yeroo durii hiika jecha “setanya adaarii” jedhu ibsuuf fayyada ture. Yeroo ammaa garuu gaaffii ‘Pornogiraafiin Maali?’ jedhuuf jechaa fi suuraa irraa gara agarsiisa viidiyootti guddachuu isaa ni argina. Suuraaleen, Viidiyoon kamiyyuu, fiilmiin, barreeffamni akkasumas wal jijjiirran jechaa walqunnamtii saalaaf fedhii namaa kakaasan pornogiraafii jedhamu. Yeroo ammaa kanatti pornogiraafii ilaaluuf kanaaf kan qophaa’an fuula baay’een jiraatanis isaan irra darbee kaayyoo kanaaf kan hin qopheeffamne miidiyaa hawaasaa jechuunis kan akka telegram, twitter, facebook, fi kan kana fakkaatan fayyadamuun araada pornograafiif saaxilamu. Bara keenya kanatti pornogiraafiin haala salphaan argamuu waan danda’uuf araadaaf saaxilamuun baay’ee yaaddessaa akka ta’u taasiseera. Pornogiraafiin namoonni akka araadichaan qabaman taasisuuf dandeettii kan qabu yoo ta’u tamboo, jimaa fi qorichoota adda addaa kanneen biraa caalaatti miidhaan geessisuu akka danda’u ifaan ifatti bira gahameera. Siif hoo pornogiraafiin maali?

Waa’ee Pornogiraafii Qorannooleen maal jedhu?

  1. Akka qorannoo waa’ee pornogiraafii hojjetame argisiisutti namoonni pornogiraafiif saaxila kan bahan umurii waggaa 11 irraa jalqabeeti.
  2. Interneetii irratti odeeffannoo argaman keessaa walakkaan isaanii odeeffannoo pornogiraafii fi pornogiraafii waliin kan wal qabatanii dha. Guyyaa guyyaan fayyadamtoonni interneetaa 25% ta’an pornogiraafii warra ilaalanii dha.
  3. Interneeta irraa kan buufaman, ‘download’ ta’an 35% waa’ee pornogiraafiin walqabatu.
  4. 34% kanneen ta’an fayyadamtoonni interneetaa immoo utuu hin jaalatin sababa odeeffannoo fi beeksisa garaagaraaf gadhiifamaniin pornogiraafiif saaxilamu.
  5. Fuula addunyaa irra jiran keessaa 12% kan ta’an fuula pornogiraafii ti.
  6. Addunyaa keenya kana irra namoota jiran keessaa maallaqa hedduu kan argatan warshaa pornogiraafii keessa kanneen jiran ni argamu.
  7. Kooriyaa kaabaa keessatti pornogiraafii fi wantoota pornogiraafiin walqabatan tamsaasuu akkasumas ilaaluun murtii du’aan adabsiisa. Fakkeenyaaf kanan isiniif kaa’e tuqaaleen haqa ta’an kunniin xiyyeeffannoo akkamii fudhachuun akka barbaachisu kan argisiisanii dha. Kuni biyya keenyatti mata-duree baay’ee itti hin bu’amne ta’us dhaloota, ofii keenyas baraaruudhaaf jennee irratti dubbachuuf murteessinee jirra.

Dhimmoota kanaa kanneen walqabatoo ta’an gadi fageenyaan waliin ilaalla. Miidhaa Pornogiraafii dubbisaa


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

2 thoughts on “Pornogiraafiin Maali?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading