Miidhaa Pornogiraafii Ilaaluu Jireenya Hafuuraa Irratti Qabu Maali?
1. Waaqayyo irraa adda baasa.
Wanti dhoksaatti hojjetamu cubbuun kamiyyuu jireenya hafuuraatiin akka dadhabnu taasisa. Araada pornogiraafiin qabamee namni jiru kadhachuu, sagalee waaqayyoo dubbifachuu fi amantoota biroo wajjin tokkummaa qabaachuun itti ulfaata. Obboloota araada kanaan tuqaman keessaa irra deddeebidhaan kan dhagahamu keessaa hangafni, “kadhachuun dadhabe, waldaa kiristaanaa adeemuun natti ulfaata, sababni isaa fuula koo dura kan dhufu pornogiraafii ani ilaale dha.” kan jedhuu dha. Pornogiraafiii ilaaluun cubbuu akka ta’e ifa dha. Gooftaan Yesuus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Matewos. 5:28) akka jedhu haa yaadannu. Ani pornogiraafii ilaalee gonkumaa hin hawwu kan jedhu jiraachuu danda‟aa?
Namni tokko pornogiraafii ilaalaa guutumaa guututti waaqayyoof of kenne jechuu hin danda‟u. sababni isaa Maatewos 6:24 irratti eenyullee gooftolii lamaaf hojjachuu hin danda’u. Fedhii foonii raawwachaa kiristos waaqessuuf yaaluun gatiin isaa kophummaa, abdii kutachuu, fi kufaatii dha. Pornogiraafii jireenya hafuura ni dhabamsiisa. Namni hafuura qulqulluu dhabe waan barbaade yoo argate illee itti boqochuu hin danda’u. Pornogiraafiin wantoota hangafa ta’an nu dhabsiisa.
2. Jeeqamuu (Dhiphina) Fida
Pornogiraafii keessa namni gale jireenyi isaa bakka sirrii hin taane akka jiru ni beeka. Kanaafuu, dhiphina guddaa ta’etu itti dhagahama. Namoonni baay’een sababa kanaan saalfachuun waan itti dhaga’amuuf ofitti amanamummaa dhabu. Kanaafuu jeeqama guddaa ta’e keessa taa’anii ofii isaanii nama irraa addaan baasu.
3. Humna Ajjeesa
Araada kanaan namni qabame guyyaatti yoo xiqqaate sa’aatii 3 pornogiraafii ilaalee balleessuu danda’a. Yeroo hammam qaalii ta’e akka balleessu hubadhaa! Kanuma irratti dabalee gara itti gaafatamummaa hir’isuutti geessa. Dandeettii uumamaa ni hir’isa. Sababa pornogiraafiitiin dandeettiin raawwii isaanii gadi bu’ee hojii fi barnoota irraa kan ari’aman namoota xiqqaa miti. Dandettii dinqisiisaa fi gadi fagoo kan qaban baay’ee isaanii sababa pornogiraafiitiin dhabnee jirra.
4. Waan hin taaneef Saaxila
Qorannooleen akka mulisutti yoo ta’e daa’imman dirqamsiisuun kan gudeedan baay’een isaanii araada pornogiraafiin namoota tuqamanii dha. Dabalataan miidhaa pornogiraafii namoonni gocha kana keessatti hirmaatan kan hin hirmaanne waliin walbira yoo qabnu 40% kanneen ta’an warra dubartoota ejjan bira deemanidha. Saala walfakkaataa pornogiraafii ilaaluun qofa gara jireenya sodoomiitti kan galan illee akka jiran hubachuu danda’eera.
5. Ilaalcha Dogoggoraa
Araadichaan namoonni qabaman ofii isaaniitiif ilaalcha dogoggoraa qabu. “Ani hin fayyadu, ani nama akkasumaan, ana waaqayyo na jibba, ani namaa gadi dha. Yoomiyyuu jireenya kana keessaa bahuu waanan hin dandeenyeef gaa’ela milkaa’aa qabaachuu hin danda’u.” kan jedhan ilaalcha abdii nama kutachiisu isaan dhuunfata. Tilmaamni ofiif kennamu gadi bu’aan akkanaa ariitiin yoo dhaabachuu baate guddachaa dhufuun gara dhibee sammuu fi ilaalcha xinsammuun miidhamuutti geessa. Ofii isaatiif ilaalcha sirrii hin taane namni qabu namoota kan biraatiif ilaalcha sirrii qabaachuu hin danda’u.
Inni kan biraa immoo ilaalcha sirrii hin taane kan qabaatu saala faallaa ta’eef dha. Hanga har’aatti dhimma kana irratti obboloota dhiiraa fi shamarran gorse hunduma jechuun haala danda’amuun saala faallaa ta’aniif ilaalcha gadaanaa akka qaban naaf ibsaniiru. Yeroo baay‟ee suuraa pornogiraafii irratti dubartoonni tajaajila fedhii qunnamtii saalaa dhiiraa taasifamanii yoo kaafaman pornogiraafii kan ilaalan dhiironnis akkasuma dubartoota akkuma ilaalan himaniiru. Dubartoonni immoo dhiironni hundinuu gara jabeessotaa fi fedhii isaaniif qofa kan jiraatan akka ta’an, akka yaadanis kan isaan irratti raawwatan ta‟uu na haasofsiisaniiru. Sababa ilaalcha dogoggoraa kanaan jaalala dhugaa ta‟e jalqabuuf kan rakkatan namoota muraasa miti.
6. Miidhaa Pornogiraafii – Gaa’ela Diiga
Biyya alaa namni jiru tokko bilbilee akkas naan jedhe, “Ani araada pornogiraafiin ergan qabamee waggaa tokko ta’eera. Yeroo kana keessatti rakkooleen baay’een na mudataniiru. Yeroo hojii koo irratti yeroo bal’aa kanan balleessu pornogiraafii ilaaluu fi mataa koo wajjin fedhii raawwachuu ta’ee mana yeroon galu haadha manaa koo waliin walitti dhufeenya gochuuf fedhii hin qabu.” Rakkooleen nama kanaa baay’ee dha. “Pornogiraafii” namoonni ilaalan gammachuu gaa’ela irraa argatan ni dhabu. Walitti dhufeenya miidhaa irra buusuu (Sexual Dysfunction) mudachuu danda’a. Kuni immoo gara gaa’ela hiikuu fi gargar tamsa’uu maatiif saaxila baasa.
Miidhaa Pornogiraafii jireenya hafuuraa irratti qabu ammaaf asuma irratti dhaabna. Yeroo itti aanutti bal’inaan yaada furmaataa waliin walitti deebina. Hanga sanatti sagantaalee barsiisoo keenya kanneen biroo waliin turtii gaarii!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Barsiisa Keessan hedduu jaalladheera ulfaadhaa
𝗕𝗮𝗿𝗻𝗼𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗶𝘀𝗶𝗻 𝗸𝗲𝗻𝗻𝗮𝗮 𝗷𝗶𝗿𝘁𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗮𝘆’𝗲𝗲 𝗸𝗮𝗻 𝗻𝗮𝗺𝗮𝘁𝘁𝗶 𝘁𝗼𝗹𝘂𝗱𝗵𝗮.𝗛𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗮 𝗸𝗮𝗻𝗮𝗮𝗻 𝗶𝘁𝘁𝘂𝗺𝗮 𝗳𝘂𝗳𝗮𝗮; 𝗷𝗮𝗯𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮!!!