Qorannooleen Maal Jedhu? (What the research says)
Haala jireenya ammayyaa kana keessatti dhimmi jaalallee barbaaddachuu dubbii ijoo haasa’amu ta’eera. Qorannoon Ameerikaatti gaggeeffame tokko akka agarsiisuutti, lammileen Ameerikaa umrii ganna 18 olii keessaa harki walakkaa ol jaalallee barbaaddachuun waggoota kurna darban caalaa rakkisaa ta’eera jedhan. Hazaal Siriin, dubartii umuriin ishee ganna 34 ta’ee fi Istaanbulitti kan dhalatte yoo taatu, jaalallee adamsuun akkaan sodaachisaadha jette. ”Yeroo jaalallee barbaacha eegaltu wanti ati nan argadha jettee eegdu gammachuu kee ni dabala, gara boodaa immoo ni mufatta, akkasumas dhimmi kun wanta namoota kamiyyuu mudatu,’’ jette. Hazaal akka himtetti, waggoota afuriif hiriyaa jaalalaa utuu hin argatin jirti. Garuu hiriyaa garaa kee dhimmitee dammaqiinsaan barbaadaa turte. Tattaaffiin cimaan goote milkii dhabe, sana booda ni mufatte. Hazaal akka himtetti, hiriyoonni isheellee muuxannoo kana kan isheen walfakkaatu qabu.
Namoonni baay’een erga Hazaal waliin haasoftee booda hiriyaa ishee godhachuuf ishee hin feene. Hazaal garuu yeroo baay’ee xiyyeeffannoo utuu hin argatin hafuu yookiin nama ishee hubatu dhabuu himte. Akkasumas yeroo baay’ee namoonni isheen waliin waa’ee hiriyumma jaalalaa haasa’uu eegalte akka tasaa walitti dhufeenya ishee waliin jalqaban guutummaatti addaan kutuun sababa isaa utuu hin ibsin achumaan badu.
Jaalallee barbaaduu irratti muuxannoo mufachiisaa kan qabdu Hazaal, namoota muraasa qofatu hiriyummaa jaalala qajeelaa barbaada jette. Kanaaf, jiruu ammayyaa kana keessatti miidiyaalee hawaasaa irrattis ta’ee kaafteeriyaatti muffiin hiriyaa garaa ofii barbaaduu ilaallatu ijoo dubbii ta’aa jira.
Sababiileen Jaalallee Barbaaduu Ulfaataa Taasisan Maali?
Bara 2019 qorannoo giddugalessi Pew jedhamu gaggeesse akka agarsiisutti, lammiileen Ameerikaa ganna 18 olii harka walakkaa ol jaalallee barbaaduun waggoota kurna darban caala ulfaataa ta’eera jedhan. Sababiilee ijoon jaalallee barbaaduu ulfaataa taasisan jedhamee tarreeffaman:
- Itti fayyadama teeknoloojii fi toora jaalallee ittiin barbaaddatan dabalaa adeemuun miidhaa qaamaa fi xinsammuurratti qabu sodaachuu,
- Yaadni jaalalaa miira namummaa dhabaa adeemuu,
- Wanta hawaasni nama tokko irraa eegu geeddaramuu fa’aatu eerame.
Firiin qorannoo akka akeekutti, namoonni hedduun akkaataa hiriyaa garaa ofii barbaaddattan irratti hin gammadne, akkasuma nama jaalallee isaaniif ta’uu malu argachuun itti cimeera.
Aappiin Jaalallee Ittiin Barbaaddatan Quubsadhaa?
Aappiiwwaan jaalallee waliin ittiin wal baran gadi adeemaa jira. Aappiin jaalalleewwan ittiin barbaaddan kanneen dur namoota haaraan wal baruuf karaa salphaa mijeessinee jirra jechaa turan kabajaa duraan argatan kan dhaban fakkaatu. Fakkeenyaaf, aappiin ‘Tinder’ bara 2014 yeroo namoonni hedduun buufataa turan yoo ta’u, amma lakkoofsi maammilootaa harka sadiin hir’ateera. Aappiin hiriyaa garaa ofii ittiin barbaaddatan kan biraan ‘Bumble’ jedhamu maammiltoonni isaa hiriyummaa baay’ee dhiibbaan itti hin hammaanne barbaadaa jiraachuu ibse. Qorannoowwan gaggeeffaman akka agarsiisanitti, dargaggoonni aappiiwwan hiriyaa garaa ofii ittiin barbaadan kana irraa abdii baay’ee hin qaban.
Namoonni bara 1997 fi 2012 gidduutti dhalatan appilikeeshinii kanatti mufataniiru jedhe dhaabbanni qorannoo Savantaa jedhamu. Barreessituun Katiriin Lindisay akka jedhanitti, weerarri Koovid dargaggoonni kunneen hariiroo hawaasummaa akka hin gabbifanne dhiibbaa uumera jedhan. Jaalalleewwan wal hammatanii taa’anii Santa Katarina Paark, Porchugaalitti Elba 2024 suura kaafaman karaan salphaatti hiriyaa garaa ofii barbaadan jiraa? Karaan salphaatti jaalallee argatan akka hin jirre ogeettiin saayikolojii Keetii Gillis kan ibsitu. ”Jaalalaaf algorizimiin mudaa hin qabne tokko utuu jiraatee natti tola. Namoonni akka waan jirutti itti dhaga’amuu barbaadu jedheen yaada, sababiin isaas abdii isaaniif kenna” jetti Keetiin. Jaalallee barbaaduun waan nama dhiphisuuf, namoonni gorsa dhimma kanaan walqabatu kan toora interneetii irratti qoodaman barbaadu jetti Keetii Gillis.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Jabaadha