Of ta’uu (Being Yourself)

Of ta’uu yommuu jedhamu, eenyummaa dhugaa ofii beekuun dandeettii fi kennaa akkasumas ayyaana qabanitti fayyadamuudhaan milkaa’ina barbaadan bira gahuuf tattaaffii adda hin cinne taasisuu jechuudha. “Jireenyi kee lafa kana irratti kan daangeffamee fi gabaabaa waan ta’eef, jireenya nama biraa jiraattee hin qisaasessin” (Steve Jobs) Eenyummaa Waaqayyo kee siif kenne guutummaatti fudhadhu‼️ Mul’ataa fi kaayyoo mataa keetii beeki! Yaada fi ejjennoo mataa keetii qabaadhu. Falaasama guyyaa guyyaan dhufuuf deeggaraa hin ta’in! Bilisummaan akka ofta’uu hin jiru. Dhiibbaa uumuun of ta’uu irraa eegala. Beekamaa, qaroomaa yookiin ogeessa ta’uun dirqama miti! Wanti ati jalqaba irratti gochuu qabdu of ta’uu qofa!

Of ta’uudhaaf maal gochuu qabda?

  • Qophaa’aa ta’uu,
  • Hafuura dadammaqiinsaa qabaachuu,
  • Abdii horachuu,
  • Of kakaasuu,
  • Akeeka uumamaa hubachuu

Qophaa’aa Ta’i! (Ready YourSelf)

Jireenya jettee ati addunyaa kana irratti jiraattu kun yeroo hundaa akka ati feete siif hin taatu. Wanti ati har’a of harkaa qabdu guyyaa tokko akka dhabdu beekuu qabda. Jireenya gaafa jiraattu dhiphinaaf, dhabaaf, gaddaaf, rakkinaaf qophaa’aa ta’uu qabda. Sababni isaas yeroo hundaa gammachuun hin jiru gaddi ni jiraata, jaalalli akkuma jiru jibbis ni jiraata, wal arguun akkuma jiru gargar bahuunis ni jiraata. Nama jaalatturraa gargar bahuu yaaduun ulfaataa ta’us guyyaa tokko dirqama nama sanarraa adda ni baata kun seera uumamaati! Kanaaf gammachuun yeroo hundaa waan hin jirreef gaddaaf ofillee qopheessi!

Hafuura Dadammaqiinsaa Qabaadhu (Having Inspire Spirit)

Gaafa rakkinni sitti dhufu jabaadhu, jireenyi rakkina kanaa booda akka waan hin jirreetti fudhattee mataa hin cabin of cimsi. Bor guyyaa addaa ta’uusaa bari. Jireenya addunyaa kanaa salphisuus ulfeessuus kan danda’u suma mataa keedha. Al tokko tokko rakkinoota nu quunnamanirra rakkinichaaf deebiin nuti kenninu hedduu nu miidhuu danda’u. Kanaaf jireenya kee salphistee jiraachuu yoo feete wanta har’a argite boru akka hin jirre, akkasumas adda bahuu namni ati hin feene guyyaa tokko akka irraa adda baatu beektee yeroo hundumaa qophaa’aa ta’uu qabda

Abdii Qabaadhu (Hope)

Halkan akkuma jiru bariin illee dhufee halkanicha akka seenaatti ni haasofta, hin darbu wanti ati jette darbee boqonnaa haaraatti ni ceeta, guyyichas seenaa jettee dubbatatta. Kan jaalatte si jibbus kan abdatte si ganus godoon ati ijaarratte si jalaa diigamus guyyaa tokko hunduu darbee galmee seenaa kee irratti ni galmaa’a.

Of Kakaasi! (Motivate Yourself)

Ati yoo of kakaakfte malee eenyullee si hin kakaasu. Yeroo hundumaa ati nama jabaa akka taatee fi rakkinni si moo’uu akka hin dandeenye ofiiti dubbadhu! Gochi ati gootu firii yaada kee waan ta’eef waan gaarii yaaduu shaakali yeroos waan gaarii hojjetta jireenya kees salphistee jiraatta.

Akeeka Uumamteef Bari! (Understanding the Purpose of Life)

Sababa malee namni kamuu addunyaa kana irratti hin uumamu, atis akkasuma sababa dhalatteef qabda; kanaaf gaafa rakkinni sitti dhufu guyyaa uumama kee hin abaarin! Dukkana booda ifni ni jira dukkanni har’aas darbee kaleessa ni ta’a isas borirra dhaabattee ni haasofta. Ati uumama kaleessaa fi boru walitti araarsitee har’a gammachuudhaan jiraachuu danda’uudha; kanaaf ati yeroo hundaa nama addaati!! Jabaadhu jireenya moo’i malee jireenyi sin moo’in!

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

3 thoughts on “Of ta’uu (Being Yourself)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading