Haadha Manaa Cimtuu fi Gaarii

Haadha Manaa Cimtuu fi Gaarii Jechuun Ishee Kami?

📖 “Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda’a ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti; abbaan manaa ishee ishee in amanata; qabeenyis isatti hin hir’atu. Bara jireenya ishee hundumaatti, wanta gaarii gootiif malee, wanta hamaa isa irratti hin hojjettu; ³⁰ Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti.” (Fak. 31:10-31)

Haadha manaa cimtuu fi gaarii jechuun maal jechuudha?

Akkaataa itti mul’attu, akkaataa itti uffattu yookiin akkaataa itti dibattuu? Akkaataa itti sochootu yookiin akkaataa itti dubbattuu? Waan hojjettu, waan qabdu yookiin waan galmaan geessudha moo? Waan warri kaan sirratti yaadan, wanta warri kaan sirraa eegan yookiin wanta warri kaan sirraa barbaadaniidha?

Hiriyummaan kennaadha!

Dabalataan Dubbisaa: Hiriyummaan Kennaadha

Gaarummaa fi ciminni haadha manaa wantoota kanaan kan madaalamuu fi tilmaamamu miti. Lakkii yaa hiriyoota koo dubartii gaarii fi cimtuu ta’uun wantoota kanaan gonkumaa wal hin qabatu.

Dubartii gaarii ta’uun eenyu akka taate, maaliif akka iddoo guddaa kennituu fi akkamitti akka jiraattu kan ilaallatuudha. Haadha manaa gaarii fi cimtuu ta’uun waa’ee amala kee, qulqullummaa kee fi kaayyoo kee ti. Dubartii gaarii ta’uun hariiroo ofii keetii, namoota biroo wajjin, akkasumas Waaqayyoo wajjin qabdudha. Haadhamanaa gaariin nama of jaallattu, of kabajjuu fi of fudhattudha. Gatii ishee, cimina ishee fi dadhabina ishee kan beektu dha. Ofitti amanamummaa kan qabdu, garuu of tuultuu miti.

Haati manaa gaariin garaa dhiifama kan qabdudha

Dabalataan Dubbisi: Gaa’ela milkaa’ina qabuuf haalduree barbaachisan 21

Haati manaa gaariin amala namaaf yaaduu, nama gargaaruu fi nama deeggaruu kan qabdudha. Gara laaftuu, nama nama kabajjuu fi arjaa dha. Isheen amanamtuudha, garaa qulqulluu fi dhuga-qabeettidha. Michuu dhugaa, gara laaftuu fi nama safuu qabdudha. Hunda Kabajuu, hunda dandeessuu fi hunda hammattuudha. Dubartiin gaariin nama abjuun ishee, dandeettii ishee hordoftu dha. Kalaqaa fi dandeettii kan qabduu fi kaayyoo ishee galmaan gahuudhaaf quuqamaa fi tattaaffii cimaa kan qabdudha. Hunduma caalatti cimtuu fi bu’a qabeettii namaati. Haala jireenyaa kamiyyuu dandamachuu, waa madaaluu fi hubachuuf ija jabina kan qabdudha. Milkaa’inaa fi of fooyyessuuf nama abdii guddaa fi kutannoo qabdudha. Akkasumas yaadaa fi nama ilaalcha gaarii ofii fi nama biroof qabdudha.

Amaloota Haadha Manaa Gaarii

Haati manaa gaariin uumaa ishee kan sodaattudha.

Dabalataan Dubbisi: Gaa’ela Gaarii ijaaruuf Gorsa Barbaachisoo

Dubartittiin gaariin kun nama Waaqayyoon jaalattuudha, Waaqayyoof kan abboomamtuu fi Waaqayyoon kan tajaajiltudha. Isheen nama hafuuraa, naamusaa fi qulqullummaa kan qabdudha. Isheen kadhattuu, waaqeffattuu dha. Akkasumallee Waaqayyoo isheef amanamtuu, abboomamtuu, bitamtuu, qajeeltuu, qulqulleettii dha. Haadha manaa gaarii ta’uun waan namoota birootiin ibsamuu fi Waan ulaagaa qaama alaatiin madaalamu utuu hin taane, gatii keessa keetiin kan madaalamudha. Waan haalaan daangeffame utuu hin taane, filannoodhaan.

Ija Jabina Qabaachuu

Walumaa galatti haadha manaa gaarii ta’uu jechuun ofii keetii, abjuu keetii fi fedhii keetiif dhugaa ta’uu jechuudha. Kaayyoo kee galmaan gahuuf ija jabina, waa dandamachuu fi cimina qabaachuu jechuudha. Qormaataa fi gufuu karaa irratti si mudachuu malu irra aanuu jechuudha. Dogoggora kee irraa barachuu fi muuxannoo kee guddifachuu jechuudha. Eenyu akka taatee fi waan galmaan geesseen boonuu jechuudha.

Jaalala, hoo’aa fi ofkennuu qabaachuu

Haadha manaa gaarii fi cimtuu ta’uun namoota biroo, ofii keetii fi hawaasa keetiif gaarummaa qabaachuu jechuudha. Namoota kana barbaadaniif gara laafina, jaalalaa fi kabaja argisiisuu jechuudha. Hawaasa waan baay’ee siif kenneef deebistee waan qabdu kennuu jechuudha. Jijjiiramaa fi fooyya’iinsaaf humna gaarii qabaachuu jechuudha. Dhaloota dhufuuf fakkeenya ta’uu fi gaggeessaa ta’uu jechuudha.

Ofitti Amanamummaa

Dubartii gaarii ta’uun salphaa miti. Garuu ni danda’ama. Hojii cimaa, of kennuu, Of beekuu, ofitti amanamummaa, of jaallachuu gaafata. Mul’ata, kalaqa, dandeettii, madaallii, waa danda’uu fi nagaa gaafata. Garuu hunda caalaa dubartii gaarii ta’uun ofii fi dandeettii keetti amanuu si gaafata. Hiree ofii bocuu fi addunyaa kana irratti jijjiirama fiduuf humna qabaachuu gaafata. Ogummaa, beekumsaa fi hubannoo namoota biroo qajeelchuu fi gorsuu qabaachuu gaafata. Ati dubartii gaarii dha. Kana caalaas cimtuu ta’uu dandeessa.

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

5 thoughts on “Haadha Manaa Cimtuu fi Gaarii

  1. Barnootan baayee jaaladheef barbaadu ture. Galatoomaa jechuun jaaladha. Ammas kan akkasii itti haa fufu! Yoo isiniif danda’ame Barnoota Gaa’elaa bifa Pdf tiin yoo nuuf qooddan Download goonee akka irraa barannuuf kun Yaadaaf gaaffii kooti.

  2. Waaqayyo Gaariidha. Bara kana keessa Haadha manaa gaarii qofaa osoo hin taane haadha manaa abbaa manaa isheef amanamtu baay’ee nu barbaachisa. Gaa’ela keesaatti Wal amanuun hin jiru yoo ta’e gaa’elli sun turtii dheeraa turuu hin danda’u.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading