Seensa
Macaafni Qulqulluun Waa’ee Pornogiraafii Dubbateeraa? – Kutaa Macaafa Qulqulluu Mat. 5:27-29 irratti hundaa’udhaan gabaabinaan Waa’ee pornogiraafii yaada Macaafa Qulqulluu keessa jiru waliin haa ilaallu, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” (Mat. 5:27-29) Kanuma irraa ka’uudhaan yaadolee kanaan walqabatan ni ilaalla.
Pornogiraafiin Hawwii ejjummaaf karaa banudha
Macaafa qulqulluu keessatti waa’ee walqunnamtii saalaa kutaa baay’ee keessatti barreeffamee kan jiru yoo ta’es waa’een pornogiraafii kallattiidhaan kana jedhamee ifaan ifatti kan kaa’ame hin argannu. Haa ta’u malee cubbuu kiristaanummaa irraan miidhaa geessisan irraa of eeguun qulqullummaa sammuu eeggachuu akka ta’e nuuf ni mirkaneessa. Seera Ba’uu 20:17 irratti “Haadha manaa namaa hin hawwin!” jechuun Kiristoos Matewos. 5:27-29 “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” jechuun akkasumas kutaalee kakuu haaraa adda addaa keessatti fedhiin foonii, cubbuu lubbuudhaan lolu” (1Phexros. 2:11) jedhamee yoo caqafamu kutaalee kanneen pornogiraafii waliin wal bira qabnee barachuu ni dandeenya. Fedhiin foonii cubbuu akkuma dhalu, cubbuunis du’a akka dhalu ni dubbata. (Yaaqob. 1:14-15) kaayyoon pornogiraafii inni jalqabaa fedhii foonii uumuu yoo ta’u, kunis cubbuu dhala. Cubbuun immoo du’a! Pornogiraafiin yaada diina hamaa sanaan kan qopheeffame bu’aa yaada namaa ti. Yaada macaafni qulqulluun waa’ee pornogiraafii dubbateeraa? jedhu irratti dabalataan waliin haa ilaallu:
Yaada Xuraa’ummaati
Diinni seexanni yeroo hundumaa meeshaan lolaaf inni itti fayyadamu yaada. Dur Hewaan fi Addaam jannata keessaa kan isaan baase yaada hamaa qopheeffamee dha. Bofichis dubartittiidhaan akkana jedheen, “Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan Waaqayyo ni beeka” jedheen. Dubartittiinis iji mukichaa nyaataaf gaarii ta’uu isaa, ija namaatti kan tolu ogeessa nama gochuufis hawwisiisaa ta’uu isaa argitee ija isaa irraa kutattee ni nyaatte; abbaa manaa isa ishee wajjin tureefis immoo ni laatte, innis immoo ni nyaate. (Uumama. 3:4-5) Seexanni amma illee nu rukutaa, nu kuffisaa kan jiru, meeshaan ittiin Hewaaniin kuffise yaada isa hamaa kanaanidha.
Hawwii fooniiti
Yeroon amma keessa jirru immoo interneetaan, sirbaan, fiilmiin, taphachiisa (Game) fi kan kana fakkaataniin yaada nuuf dhiheessaa jira. Obboleessi koo Raajii Tesfaa Indaalew, “Bara kanatti kaayyoon seexanaa inni jalqabaa cubbuu facaasee geessisuu dha”. Macaafni qulqulluun wantoota sammuu keenyaan ol ta’an irratti akka hojjennu nu abbooma. (Qolosaayis. 3:2) Wanta fooniin jiru yaaduu caalatti wanta hafuuraa akka yaannu nu hubachiisa. (Roomaa. 8:8) Namni pornogiraafii ilaalu sammuun isaa hawwii fedha foonii irratti malee yaada Waaqayyoo irratti miti. Nama kiristaana tokko irraa kan barbaachisuu fi ta’uu qabu sammuun haaromuu fi
jijjiiramuu dha. (Roomaa. 12:2)
Firii cubbuuti
Namummaan kiristaanaa bakka hafuurri qulqulluun buufatu, mana qulqullummaa akka ta’e cubbuu fooniin hojjetamu kamiyyuu balleessuun irra jiraata. (1Qorontos. 5:9-11, Galaatiyaa. 5:19-21, Efesoon. 5:1-5, Qolosaayis. 3:5-6, Ibroota. 12:15-17) kanaafuu kutaalee adda addaa macaafa qulqulluu akkuma ilaallutti araada pornogiraafiin namni qabame, dhiifama kadhatee yoo deebi’een alatti Waaqayyo irraa kan gargar bahee fi mootummaa Waaqayyoo kan hin dhaalle ta’uu isaa arguu ni dandeenya. Kiristaanaa fi Pornogiraafii Kiristaanni kamiyyuu Waaqayyo cubbuu dabalatee wantoota kamiyyuu moo’achuu akka danda’u, hunduma danda’aa akka ta’ee fi Kiristoos qormaata hundumaa darbuudhaaf ayyaana akka nuuf kenne yoo amanne illee araada pornogiraafiin mormaa kiristaanni jiru garuu dhugaa kana shakkuu jalqaba.
Wal’aansoo foon hafuura waliin godhudha
Kadhannaa baay’ee fi wal’aansoo hedduu booda, ofii isaa araada keessatti deebi’ee kufee arguu danda’a. Dhugaadhumatti Waaqayyo ni jira. Dhuguma Waaqayyo hundumaa ni danda’a. Haa ta’u malee, nuti qulqullaa’uu kan barbaannu yeroo tokkotti ta’uu dhiisuu danda’a. Kiristaanonni araada kana keessa jiranis kana irraa ka’uudhaan waldhiibdee fi saalfii waldaa kiristaanaa keessa jiru irraa kan ka’e furmaata barbaaduu irraa ni kaatu. Kutaan kuni tajaajila Waldaa Kiristaanaa keessatti yoo qabaatanii fi gaggeessummaa irra kan jiran yoo ta’an caalaatti akka sodaachisu taasisu. Namni rakkinicha amanee wanti dhufe haa dhufu jedhee gargaarsa gaafatu garuu araadaan itti fufee miidhaan dhufu itti hin hammaatu. Booda murtii Waaqayyootti dhiyaachuun duratti murtii namaa keessa darbuun barbaachisaa dha.
Galatoomaa🙏
Baafata | Mata-duree walqabatu | Ergaa Ganamaa
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
I absolutely love your site.. Very nice colors & theme.
Did you develop this website yourself? Please reply back as I’m attempting to create my
own personal blog and want to learn where you got this from or exactly what
the theme is called. Thank you!