Gatii Kee Beeki
Bishaan qaruura tokko suuqii guddaa keessa jiru gatiin isaa 10ETB dha. Bishaan qaruura wal fakkaatu mana dhugaatii tokko keessatti gatiin isaa 15ETB dha. Mana nyaataa yookiin hoteela keessatti hanga 20ETB ta’a. Buufata xiyyaaraa yookiin xiyyaara keessatti kaffaltiin isaa 50ETB ta’a. Qaruuraa fi maqaan isaa tokko dha, wanti jijjiirama fide iddoo argama bishaanichaati. Tokkoon tokkoon iddoo argama bishaanichaa gatii adda addaa bishaan qaruura walfakkaataaf kenna.
Bakka jirtutti gatii akka qabdu sitti dhaga’amuu yoo baate, akkasumas namni naannoo kee jiru hundi gatii kee xiqqeessu yoo ta’e, naannoo sana hin turin! Adeemi! Jijjiiramuuf hamilee qabaadhu! Bakkeewwan gatiin siif malu itti siif kennamu dhaqi! Gatii kee beeki! Of dinqisiifadhu! Gatii xiqqaadhaan of hin sharafin!
Know Your Value!
A bottle of water in the supermarket costs 10ETB. The same bottle of water in a bar costs 15ETB. It is up to 20ETB in a restaurant or hotel. The fare at the airport or in the plane is 50ETB. The bottle and the name are the same, what made the difference was the location of the water. Each location provides a different price for the same bottled water.
If you don’t feel valued where you are, and everyone around you undervalues you, don’t stay around! Go ahead! Have the courage to change! Go to places where you are valued! Know your worth! Appreciate yourself! Don’t cheat yourself! Know your value!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Baay’ee nama barsiisa