Masturbation Cubbuudhaa?

Gochi of waliin saalqunnamtii raawwachuu masturbationi jedhama. Masturbationin qaama saalaa ofii tuttuquudhaan ofii waliin adeemsa walqunnamtii saalaa shaakaluudha. Jireenya keessatti eenyumtiyyuu adeemsa muraasa keessatti gocha gadhee kanaan ni tuqama. Akka gabaasni waa’ee dargaggootaa irratti gaggeeffame himutti dhiironni 98% fi shamarran 70% ta’an gochaa kanaan umurii isaanii waggaa 21 dura raawwatu. Masturbation fedha saalqunnamtii ofii, ofiin of gammachiisuu, kunis utuu haadha manaa/abbaa manaa bira hin gahin ofiin, ofii wajjin shaakala saalqunnamtii taasisuudha.

  1. Masturbation raawwachuun sirriidhaa?
  2. Gochi Masturbation kuni miidhaa qabaa?
  3. Gocha kana irraa bilisa ta’uun ni danda’amaa?

Amala (shaakala) gadhee masturbationi gochuu irraa bilisa ta’uuf dhimmoota ijoo ta’an sadi, dhuga ba’uumsa nama John Seyifunmi Balogun’ jedhamu irraa qabxii sadan armaan gadii bifa gaaffiitiin dhiyaatan irratti hundoofnee kan ilaallu ta’a;

  • Maaliif Masturbation Raawwatta?
  • Masturbation Cubbuudhaa?
  • Daandii Bilisummaa Hordofuuf Qophooftee jirtaa?

John S. Balogun akkas jedhee dubbate, ‘Masturbation akka baargamoo hidda qabuuti. Yoo hiddi isaa goguu baate summii miidhaa si irraan geessisu gadhiisuu hin dhaabu. Hanguma hiddi isaa akka gogu hin taasifnetti miidhaa cimaaf sababa ta’aa adeema. Mee amma gaaffii isa jalqabaatiin sin gargaara;

Maaliif Masturbation Raawwatta?

Amala guddina hafuuraa kee gadi buuse kana irraa bilisa ba’uu yoo barbaadde dhugaa jiru akka ofitti himtu sin jajjabeessa. Ani nan yaadadha yeroon gochaa kanaa waliin wal’aansoo qabaa turetti; yeroodhaaf baay’isee wal’aansoo qabeera; sababni isaa kuni dhugumatti wal’aansoo hafuura keenyaan mormu dha. Keessumaa dargaggoonni wal’aansoo hafuuraa kana keessa jirtan hamma dhumaatti akka na faana turtan isin jajjabeessuudhaan nan eegala.

Akkas jedheen gaaffii walfakkaataa of gaafadhe, “John, maaliif masturbation raawwatta?” Guyyaan gaaffii kanaaf deebii qopheessetti masturbation irraa bilisa ba’uuf carraan argadhe.

Jalqaba irratti, koree dubartootaa (Chritian sisters) keessatti makamuun fedhiin isaan waliin hirmaachuu na keessatti uumame. Dhoksaatti isaan booda fedhiin foonii ana irra ture. Garuu nama hafuuraa of nan fakkeessa. Ilaalchi ejjummaa, yaadni fi hawwiin kun walitti qabamee, utuun hin beekin yommuun kophaa ta’u, sammuun koo irra deebi’ee ilaalcha ejjummaa kana natti fida. Kun waan ajaa’ibaati akkaataan sammuun fakkiilee sekondii tokko keessatti ija fayyadamuun argee olkaa’u.

Kuni argannoo koo isa jalqabaa ti!

Itti fufa…

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

3 thoughts on “Masturbation Cubbuudhaa?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading