Hariiroo Waaqayyo wajjin
Namni utuu walii isaa faana hariiroo hin jalqabin dura dhuunfaatti Hariiroo Waaqayyo Wajjin qaba ture. Kunis boca (design) Waaqayyooti. Kanaafis namni hariiroo Waaqayyo wajjin qabu kana irraa kan ka’e, amala Waaqayyoo fudhachaa deema.
Amalli Waaqayyoo (God’s Character) Namni Irraa Dhaalaa Deemuu Qabu Maali?
1. Jaalala
Akka jecha kanaa karaa malee hiikamee, karaa malee kan hubatame hin jiru. Yeroo baay’ee hawwa foonii (lust) faana hiikni isaa wal rukutee mul’ata; Fakkeenyaaf seexanni hariiroo saal-qunnamtii (sexual relation) akka hariiroo jaalala (making love) ta’etti akka hubatamu godheera. Kanaanis Waaqayyo isa jaalala (1Yohannis 4:8) ta’e arrabsa. Jaalalli in kenna (gifts), kajeellaan foonii garuu in qabata (grasps).
Kajeellaan Foonii maali?
Kajeellaan foonii fedhii ofii isaa qofa waan dhaggeeffatuuf in kajeela. (Rom. 1:26-27), dubbiin Waaqayyoo akka jireenya namaa keessatti ija hin godhanneef hudha. (Mar. 4:18-19)
Jaalalaa fi kajeellaa foonii (Love & lust) maaltu wal fakkeessa?
Garaa namaa keessa jiraatu. Fak. 4:23
• Lapheen namaaf akkuma mariin konkolaataaf taheeti. Yoo dallaan itti ijaaramee, eegame malee karaa hin taanetti nama oofa.
Dhuma namaa murteessu.
• Jaalalli gara jireenya bara baraatti, Kajeellaan foonii du’a bara baraatti geessa.
Baay’een humna qabeessoodha.
• Amala nama dhuunfachuu cimaa qabu.
Lamaan isaanii du’atti nama geessu
• Jaalalli gara namaaf du’uutti, kajeellaan foonii gara ajjeesutti nama geessu,
Garaagarummaa jaalalaa fi kajeellaa foonii
- Jaalalli maaddi isaa Waaqayyo biraa yoo ta’u, kajeellaan foonii garuu miira irratti kan hundaa’eedha.
- Jaalalli dabarsanii of kennuu, aarsaa baasudha, kajeellaan foonii garuu ofittoodha.
- Jaalalli kan bara baraati, kajeellaan foonii garuu ammaa asitti jedha/turtii hin qabu.
- Jaalalli in obsa, kajeellaan foonii humnaan ukkaamsa.
- Jaalalli kennaa (potential) ijaara, kajeellaan foonii garuu kennaa (potential) ajjeesa.
- Jaalalli araaraan guutuudha, kajeellaan foonii garuu dhiifama hin qabu.
Seenaa Macaafa Qulqulluu keessaa
2Sam. 13:2,4,11, 14-15 Amnoon jaalalli hin qabne, kajeellaa fooniitu qabe. Utuu nama angafa ta’ee dhalate ta’e jiruu seexanni yaaduu isa dhoowwe. Amnoon qaroomina yaaduu hin dandeenye, akkamitti akka obboleettii isaa xureessu yaada. Innoo mucaa mootii tahee utuu jiruu dhukkubsatee mana keessa gangalata.
Jaalalli dhugaan Waaqayyo irraa baratama. Waaqayyo jaalala isaa kennuudhaan muldhise. Waaqayyo abbaan mucaa isaa nama gaariitti laate miti, diinota isaatti jechuun cubbamaa isa Waaqayyo irratti finciluutti laate. Akka kajeellaa foonii haala mijataa hin barbaaddanne. Jaalallis tole jedhee abboomamee. Yoh. 3:16
“Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti*!”
Rom. 5:8
Waaqayyo garuu, utuma nuyi cubbamoota taanee jirruu, Kristos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate in argisiisa.
Waliigalatti, jaalallii fi kajeellaan foonii (love & lust) wantoota baay’ee waliif faallaa ta’an, garuu bara keenya kana hiikni isaanii wal rukuteedha. Haa ta’u malee, kajeellaan foonii dubbii Waaqayyoo keessattis kan hin deeggaramne yoo ta’u, jaalalli garuu amala Waaqayyooti.
Ijaarsi manaa akkuma hundee (basement) irraa jalqabu, ijaarsi hariiroo (gaa’elaa) hariiroo Waaqayyo wajjin qabnu irratti hundee godhata. Kanaa achitti jabaachuu hin danda’u.
JAALALA EENYUMMAA WAAQAYYOO
Jaalala Waaqayyoo 1Yoh. 4:16
“Nuyis jaalala Waaqayyo nuuf qabu hubanneerra, amananneerras. Waaqayyo jaalala; namni jaalalatti qabamee jiraatus Waaqayyo keessa in jiraata, Waaqayyos isa keessa in jiraata” 1Yoh. 4:16
⁃ Namni Waaqayyo wajjin hariiroo yoo qabaatu Amala Waaqayyoo dhaalaa deema jenne, amalli Waaqayyoo inni namni dhaaluun irra jiraatu tokko jaalala dha jennee turre.
⁃ Namni yoo jaalalatti qabamee hin jiraanne aboo ilmummaa isaatu sarbama. Sababni isaa Mucaa Waaqayyo jaalalatti qabamee jiraata waan taheef (1Yoh. 4:7 ilaali)
⁃ Yeroo Qaayin obboleessa isaa Abeelin ajjeese, Waaqayyo Qaayiniin “Abeel obboleessi kee eessa jira?” jedhee yoo gaafatu, Qaayin immoo deebisee, “Ani hin beeku, obboleessa koo natu eegaa?” jechuudhaan deebise.
⁃ Waa’ee nama tokkoo hin beeku jechuun yookiin dhimma dhabuun jibba argisiisa. Jibbi yoo garaa nama seene dafanii qalbii jijjiirrachuutu namarra jiraata.
Jaalalli isaa maaliin of muldhisa?
➊. Jaalalli Kennuudhaan Of Beeksisa.
⁃ Kennuudhaan alatti jaalalli muldhatu hin jiru.
Yoh. 3:16 – “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate;…”
⁃ Haa ta’u malee jaalalaan alattis kennuun ni jira.
1Qor. 13:3 – “Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree, ittiin of jajuudhaafis dhagna koo iyyuu dabarse kennee, jaalala yoon qabaachuu dhabaadhe garuu, homaa waa’ee anaaf hin baasu”
⁃ Jaalalli waan hin deebine laata (fakkeenyaaf lubbuu) kennees immoo hin gaabbuu.
➋. Jaalalli Aarsaa Gaafata
Nuyi obboleessa keenya jaallachuutu rakkoo nutti ta’a, Waaqayyo garuu diinota isaa warra turaniif tokkicha ilma isaa dabarsee kenne.
1Yoh. 4:9 – “Waaqayyo akka nuyi isaan jireenya argannuuf, tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti erge; kanaan jaalalli Waaqayyoo nu gidduutti in mul’ate”
⁃ Jaalalli Waaqayyo saba Israa’elif qabu isaan duukaa akka jooru godhe, utuma isaan gaaffii keessa galchanii isa nuffanii jaallate.
➌. Jaalala jechuun abboommidhaa
Yoh. 13:34-35 – “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera. Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku’ jedhe”
⁃ Jaalala dhabuun waa’ee walii dhimma dhabanii waliif dhaabbachu dadhabuu dha.
➍. Jaalala Abbaa Manaa fi Haadha Manaa
Efe. 5:25-26 – “Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu*! Waldaan kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa*”
✦ Macaafni Abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallachuu qabu, haati manaa immoo abbaa manaa isheetiif abboomamuu akka qabdu kaa’a
✦ Abboomamuu caala jaallachuutu ulfaata.
Kristos akkamitti Waldaa Kristiyaanaa jaallate?
I. Ulfina Isaa Dhiisuudhaan
⁃ Ulfina keessa mirgatu jira, inni garuu sana hundumaa dhiisuudhaan Waldaa Kristiyaanaa jaallate.
Yoh. 17:5 – “Ammas yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!”
II. Aboo Isaa Dhiisuudhaan
Qol. 1:16 – “Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa’anii fi warri mootummaa qaban, warri bantii waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman isaan uumaman; wanti hundinuu karaa isaa uumame, isaafis uumame”
Isa. 53:7 yoo ilaallee mootiin ulfinaa kun akka hoolaa qalmaaf adeemtutti akka callisee argina. Callisuudhaanis yaada Waaqayyoo fiixan baase.
Mataduree walqabatan dubbisaa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.