Dargaggoonni Hundi Wanta Dhaggeeffachuu Qaban
Yaa Dargaggootaa, ija keessan eegaa, gurra keessan eeggadhaa, onnee keessanis cubbuu irraa eegaa!
Kaayyoon seexanaa yeroo hundaa jireenya keessan guyyaa tokkotti balleessuu miti. Sammuu keessan suuta suutaan balleessuu, waan Waaqayyo irraa isin fageessu akka barattan gochuu, cubbuus akka waan salphaatti ilaaltan gochuudha.
Waan ilaaltan Irraa Of Eegaa
Waan ilaaltan irraa of eegaa! Waan dhaggeeffattanis maal akka ta’e mirkaneessaa! Waan icciitiin ilaaltanii fi hojjettanis sirriitti beekaa!
Wanti fedha foon keessan gammachiisu hundi lubbuu keessaniif bu’aa hin qabu!
Sa’aatii hedduuf sammuu keessan wantoota addunyaa irraa guutuudhaan jireenyi hafuuraa keessan hin miidhamu jettanii hin eeginaa! Qormaata irra deddeebi’anii fudhachaa onneen keessan hin tuqamu jechuun hin yaadinaa. Wanti irra deddeebitanii eeyyamtan yaada keessan, fedhii keessanii fi murtii keessan jijjiiruu danda’a.
Macaafni Qulqulluun maal jedha?
“Wanta gadhee ija koo dura kaa’ee hin taa’u, irra-daddarbaa nan jibba, akka maxxannee anatti hin qabatu.” — Far. 101:3
Addunyaan waan tokko “normal dha” jedhee fudhachuu isaatiin qofa fuula Waaqayyoo duratti sirrii hin ta’u. Michoonni keessan deeggaraniif qofa Waaqayyoon hin gammachiisu. Hundi hojjetaa jiraatus, filannoo keessaniif fuula Waaqayyoo duratti itti gaafatamoo dha.
Yaa Dargaggoota, kanneen kana yaadadhaa!
- Ija keessan eegadhaa: Fakkii saalqunnamtii, cubbuu kakaasu, muuziqaa fi viidiyoo saalaa (pornography) irraa fagaadhaa. Cubbuu dhoksaa dhaabaa! Nama jalaa dhokachuu dandeessa; Ofii kee fi Waaqayyo jalaa garuu dhokachuu hin dandeessu.
- Gurra keessan eegadhaa: Waan jireenya hafuuraa keessan miidhu dhaggeeffachuu irraa of qusadhaa.
- Onnee keessan eegaa: Yaadni sammuu keessatti galchitan (keessummeessitan) jireenya keessan irratti dhiibbaa akka qabu hin irraanfatinaa.
- Kadhannaatti cichaa: Yeroo qormaataa gargaarsa Waaqayyoo barbaadaa.
- Dubbicha dubbisaa: Sammuu keessan beekumsa dubbii Waaqayyoo, dhugaa fi gaarummaadhaan guutaa.
“Wanti jireenyaaf barbaachisu yaada garaa keessaa waan ba’uuf, yaada kee ba’eessa godhii eeggadhu!”
— Fak. 4:23
Balaan caalu qormaanni nu mudachuu qofa miti; qormaata morkachuu dhiisnee fudhachuu fi cubbuuf sababa barbaaduu yeroo jalqabnuudha.
Gammachuu addunyaa yeroo gabaabaaf jettanii hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdan hin jijjiirinaa!
Isin gatii qabdu. Jireenyi hafuuraa keessan gatii qaba. Kaayyoon fuula duraa keessan gatii qaba. Hundumaa caalaa hariiroon Gooftaa wajjin qabdan gatii guddaa qaba!
Dabalataan dubbisi: Kiyyoo AI Bara Kanaa
Yesus Kiristoos irratti ijaaramaa jiraadhaa! Waan ilaaltan irraa of eegaa, onnee keessan eegaa, qulqullummaattis jabaadhaa! Hafuuraan guutamaa.
Sababni kufaatii keessanii inni guddaan jireenya hafuuraa keessatti dadhabuudha. Gara pornography fi of-qabuu dadhabuu (masturbation) keessatti kan si kuffisee, cubbuu keessa si galche, dadhabina hafuuraa fi salphiftee ilaaluu akkasumas iddoo gahaa hafuuraaf kennuu dhabuu keeti! Michoota amala gaarii qaban filadhu! Hariiroo miidiyaa hawaasaa wajjin qabdan hir’isaa.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Barruu Beektotaa