Haleellaa misaa’elaa Iraan Israa’el hospitaalli ishee haleelamuu ibsite
Haleellaa misaa’elaa Iraan Israa’el hospitaalli ishee haleelamuu ibsite. Misaa’elli Iraan dhukaaste hospitaala magaalaa kibba Israa’el, Beershebaa keessatti argamu rukutuun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 32 miidhamaniiru.
Misaa’elli Iraan dhukaaste kallattiidhaan hospitaala kana rukute jedhan qondaalonni Israa’el.

Haleellaan misaa’elaa Iraan iddoowwan jireenya uummataa sadi ta’anis miidhamuu qondaalli waraanaa Israa’el ibsaniiru.
Erga Iraan misaa’eloota hedduu gara Israa’elitti dhukaastee booda dhohiinsa gurguddaan magaalaa Teel Aviiv keessatti heddumminaan dhagahamaa jira.
Dubbi himaan hospitaala Soroka miidhaa guddaan qaqqabuu ibsan. Meeshaaleen balaafamoo ta’an uummata miidhuu danda’u sodaa jedhuun namoonni naannawa hospitaalichaarraa akka fagaatan akeekkachiifamaniiru.
Haleellaa mudate booda suuraaleen ba’aa jiran hospitaalli kun baayyee manca’uu mul’isu.
Ministira dhimma alaa itti aanaa Israa’el kan ta’an Sharren Haskel tarkaanfii Iraan kanaan ”itti yaadamee kan raawwatamee” fi ”yakka” jechuun ibsan.
Iraan wiirtuu humna waraanaa osoo hin taane ”hospitaala haleelte,” jedhan.
Yeroo ammaa wayita Ameerikaan Israa’el maddii dhaabbachuun Iraan irratti haleellaa raawwachu dandeessi jedhamee odeeffamu kanatti, US jeettiiwwan waraanaa buufataalee waraanaashee garaa garaatti argaman dabalatee meeshaalee waraanaa gara Baha Gidduugalaatti sochoosuun ibsameera.

Aanga’oonni Ameerikaa qaxanicha keessaa loltoota gara kuma 40 ta’an akka qabdu dubbatanii ture.
Guyyoota muraasa darban keessatti yoo xinnaate xiyyaaroonni 30 buufataalee waraanaa Ameerikaa keessatti argaman gara Awurooppaatti socha’aniiru.
Taankarii waraanaa Ameerikaa jeettiiwwan waraanaa fi jeettiiwwan boombii darban boba’aa guutuudhaaf tajaajilan hundi ta’u himameera.
Dooniin Ameerikaa xiyyaara baattuu Niimiitiz jedhamtu barbadeessitoota misaa’elaa hedduu waliin qarqara galaana Kibba Chaayinaa irraa ka’uun gara Baha Gidduugalaatti imalaa adeemaa jirti jedhameera.
Dooniiwwan waraanaa kaan ammoo Galoo Galaanaa fi Galoo Faarsiitti kan argaman yoo ta’u, Israa’el miisaa’eloota Iraan akka haleeltuuf gargaaraniiru.
Jaattiiwwaan waraanaa F-16, F-22 akkasumas F-35gara buufataalee waraanaa Baha Gidduugalaatti socha’aa jiraachu maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.
Raashiyaan US dhimma Iraan keessa akka hin seenne akeekkachiifte
Dubbi-himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskov ejensii oduu Raashiyaa TASS jedhamuuf yaada kennaniin, giddu seentummaan US balaa guddaa qaba jedhan. Ameerikaan dhimma walitti bu’iinsa Israa’el fi Iraan keessa seenuun ”rakkoo biraa kanarra hamaa ta’e uuma,” jechuun akeekkachiisan qondaalli Raashiyaa kun.
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.