Gaaffii Obboleettii Tokkoo fi Kununsa Gaa’elaaf Godhamuu Qabu
Kunuunsa gaa’elaaf godhamuu qabu fi gaaffii obboleettii tokkoo waliin haa ilaallu:- Obboleettiin keenya akkas jettee yaada ishee nuuf qoodde, “Osoo wal hin fuudhin dura abbaan manaa koo jaalala naaf qabu jechoota jaalalaa adda addaatiin ibsa ture. Amma garuu jechoonni jaalala ittiin anaaf ibsu hin jiru. Yeroo natti haasa’ullee waa’ee hojii qofa dubbata. Erga kokkolfaa na haasofsiisee bubbuleera. Kolfa, gammachuu, jecha jaalalaa nan barbaada. Garuu sana naaf kennuu hin dandeenye. Hiriyoonni koo kaan jaalala waan qabaniif yeroo natti haasa’an natti tola. Jaalala isaa akka abbaa manaa kootti yoo naaf hin ibsine, namoonni kaan garuu jaalala isaanii yoo natti ibsan maal naaf godha? Yoon gadhiise (hiike) cubbuu dhaa? Jaalalli ani isaaf qabu badeera. Maal na gorsitu?”
Jalqaba irratti Obboleettii keenya gaaffii nuuf qooddeef baay’ee galatoomi.
Akkuma beektan gaa’elli dhaabbata Waaqayyoon hundeeffame, kan seensa malee daandii ba’iinsaa hin qabnedha. Dhaabbata kana keessatti itti gaafatamtoonni itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahuu qaban lamatu jiru. Itti gaafatamummaan abbaa manaa, haadha manaa isaa garaa guutuudhaan jaallachuu yoo ta’u, itti gaafatamummaan haadha manaas, abbaan manaa ishee kan ishee ta’uu amanuudha. Hiriyoonni gaa’elaa itti gaafatamummaa kana sirnaan ba’uu yommuu dadhaban gaa’elli isaanii balaadhaaf saaxilama.
Dirqamni abbaan manaa jaalalaaf qabu haadha manaa isaa kunuunsuu, gammachuu fi milkaa’ina ishee barbaaduu fi hamma danda’ametti akka hin rakkanne gochuu dabalata. Kanneen yoo mo’ate waan barbaade haadha manaa isaa irraa argachuu danda’a.
Obboleettii keenya! Gaaffiin kee abbaan manaa koo jechoota jaalalaatiin jaalala anaaf hin ibsu, jaalala jechootaan ibsuu qaba. Sin jaaladha, sin mararfadha jechoota jedhan fayyadamuun sanayyuu haadha manaa isaa keessatti gammachuu uuma. Atis obboleettii akkuma nutti himte utuu wal hin fuudhiin dura jechoota jaalalaa akka fayyadamuu fi amma immoo jechoota jaalalaa sana fayyadamuu dhiisuun isaa, kunimmoo sodaa fi qaama biraa akka ilaaltu si taasiseera.
Waan Sadii Gochuu Qabda!
Kunuunsa gaa’elaaf godhamuu qabu ilaalchisee wantoota gurguddoo sadan kana raawwachuun fayyummaa gaa’elaaf adda dureedha.
- Gaa’ela keessan gara Gooftaa duratti fidaa!
- Gaa’ela keessatti itti gaafatamummaa akka haadha manaatti qabdu ba’uu!
- Hiriyaa gaa’elaa keetiin alatti jechoota jaalalaa fayyadamuu dhiisuu!
1. Gaa’ela Keessan gara Gooftaa Duratti Fidaa
Akka dhaabbata hafuuraatti gaa’elli qormaata hedduutu isa mudata. Rakkooleen kun gaaʼelli akka addaan baʼus gochuu dandaʼu. Kanaaf abbaa dhaabbatichaa kan ta’e Waaqayyoo wajjin haasa’uudhaan gaa’ela kee Gooftaaf dabarsitee kennuun sirrii dha. Akkasumas, hiriyaan kee qorumsa adda addaa keessa darbuu waan danda’uuf, jechuunis diinni haala adda addaa keessatti karaa badiisaa keessa isa kaa’uu waan danda’uuf garaa isaa si irraa garagalchuu waan danda’uuf, ati ofii keetif abbaa warraa keetiif gooftaa duratti of dhiheessuu qabda.
2. Gaa’ela keessatti itti gaafatamummaa akka haadha manaatti qabdu ba’uu
Obboleettii koo itti gaafatamummaan kee maali?? Gaa’elli kee mi’aawaa akka ta’uu fi balaa irraa bilisa taasisuuf itti gaafatamummaa kee ba’uuf kan si gargaaru macaafa qulqulluu dha. Abbaa manaa kee kabajuu, gammachuu fi kolfaan yommuu hojii irraa deebi’e simachuu, rakkoo isaa qooddachuu, miira isaa hubachuu fi kan kana fakkaatan gochuu.
3. Hiriyaa Gaa’elaa Keetiin Alatti Jechoota Jaalalaa Fayyadamuu Dhiisuu
Abbaan manaa kee jaalala isaa jechoota jaalalaatiin akka siif ibsu barbaadda. Akkas gochuu hin dandeenye. Kanaaf jechoota jaalalaa abbaa manaa kee irraa hin arganne sana fayyadamuun namoonni kaan waan sitti dubbataniif garaan kee ni cabe. Kunis balaa qaba.
Tarii nama abbaa manaa keetiin alatti jechoota jaalalaa fayyadamee si haasofsiisu yoo fuute, abbaan manaa kee akka ammaatti yoo callise hoo? Argitee imala sana dhiistee abbaa manaa kee waliin ifatti marii gochuun dubbii isaa akka fayyadamu gochuun gaariidha, garuu dhiira biraa waliin hariiroo jalqabuun kufaatiidhaan xumurama.
Kanaaf:
- Abbaa manaa kee waliin ifatti wanta barbaaddu haasa’i! ♥️
- Isaaf obsi! ♥️
- Waan abbaa manaa keetiif ta’u hojjedhu, waan siif ta’u haa godhu. Sana booda lamaan keessan iyyuu gara alaa hin ilaaltan. ♥️
“Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu.” — 1Qorontos. 7:3
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Jabadha
Great idea🙏
Bekkumsa guddaa irraan argadhee
Jabadha
Gelena Dojii
Can you tell us more about this? I’d like to find out some additional information.
Isin hordofnaa itti nuuf dabalaa