Filannoo Ofii Beekuu

Filannoo Ofii Beekuu

Namoonni hedduun jireenya keessatti bu’aa guddaa argachuu barbaadu; garuu bu’aa sana argachuuf waan isaan irraa barbaadamu kaffaluuf hin fedhan.

Mee bal’inaan haa ilaallu.

1. Filannoon hundi gatii qaba

Jireenya keessatti wanti tokkoyyuu gatii malee hin argamu.

  • Yoo barataa cimaa ta’uu barbaadde, yeroo bashannanaa kee keessaa muraasa aarsaa gochuu qabda.
  • Yoo daldalaa milkaa’aa ta’uu barbaadde, yeroo, yaada, beekumsaafi carraaqqii kee irratti invast gochuu qabda.
  • Milkaa’ina yoo filatte, hojii cimaa filatteetta.
  • Beekumsa yoo filatte, dubbisuufi barachuu filatteetta.
  • Soorummaa yoo filatte, qabiinsa maallaqaafi obsa filatteetta.
  • Fayyaa gaarii yoo filatte, of eeggannoo fi naamusa filatteetta.
  • Gaggeessaa gaarii ta’uu yoo barbaadde, itti gaafatamummaa fudhachuu filatteetta.

Wanti ati har’a filattu, jireenya kee borii murteessuu danda’a.

Dabalataan dubbisi: Gorsa 6 Kufaatiin erga mudatee booda

2. Waan barbaaddu qofa osoo hin taane, waan kaffaluu qabdus beekuu qabda

Namni tokko milkaa’ina barbaada, garuu ganama dammaquu hin barbaadu. Kitaaba dubbisuun beekumsa argachuu barbaada, garuu yeroo isaa miidiyaa hawaasummaa irratti fixuu filata.

Namni tokko daldalaa guddaa ta’uu hawwa, garuu balaa fudhachuu, dogoggora irraa barachuu fi obsaan hojjechuu hin barbaadu.

Kunis akka nama muuzii filatee qarshii ittiin bitu hin qabneeti.

Gaaffiin guddaan: Waan barbaaddu argachuuf maal kaffaluuf qophooftee jirta? Kan jedhu itti yaadudha!

3. Aarsaan har’aa bu’aa borii uuma

Yeroo tokko tokko waan har’a jaallannu dhiisuun waan borii caalaatti barbaannu argachuuf nu gargaara.

Fakkeenyaaf:

Dargaggeessi yeroo isaa barumsaaf oolchu, boru carraa hojii gaarii argachuu danda’a.

Namni daldala jalqabu, jalqaba bu’aa xiqqaa argatus obsaan itti fufuu qaba.

Maallaqa isaa qusachuu kan barbaadu, fedhii yeroo gabaabaa tokko tokko of irraa ittisuu qaba.

Akkasumas ogummaa haaraa namni baratu tokko yeroo fi humna isaa irratti invast gochuu qaba.

Garuu yaadadhu: Aarsaan hundi bu’aa mirkanaa’aa hin qabu. Kanaaf aarsaa kee beekumsa, karooraafi murtii sirrii irratti hundeessi.

4. Filannoo kee irratti itti gaafatamummaa fudhadhu

Yeroo baay’ee namoonni bu’aa jireenya isaanii jijjiiruu barbaadu, garuu filannoo isaanii jijjiiruu hin barbaadan.

Milkaa’ina barbaadanii amala isaanii jijjiiruu didu. Maallaqa barbaadanii ogummaa horachuu didu. Kabaja barbaadanii namoota kabajuu didu.

Dhugaan jiru garuu, jireenyi keenya yeroo baay’ee filannoo xixiqqoo guyyaa guyyaatiin ijaarama.

Filannoo kee jijjiiri; amala kee fooyyessi; bu’aan kee ni jijjiirama.

5. Waan barbaadduuf har’a kaffali

  • Yoo boru jireenya gaarii jiraachuu barbaadde, har’a bu’uura isaa ijaaruu jalqabi.
  • Boru bilisummaa maallaqaa yoo barbaadde, har’a qabiinsa maallaqaa baradhu.
  • Beekaa ta’uu barbaadde taanan, har’a dubbisi.
  • Nama kabajamaa ta’uu barbaadda yoo ta’e, har’a amala gaarii horadhu.
  • Milkooftee of arguu barbaadda taanan, har’a hojii kee jalqabi.

Dabalataan dubbisi: How to develop your mindset


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading