Kun bulchiinsa magaalaa Hoolotaa Ganda Kuyyuutti kan ta’e, Harreen Farda Dhalte!
Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Galgal Kuyyuutti kanaan dura Harreen kan dhalattu abbaan Harree haatiis Harree irraa ta’uutu beekama. Garuu bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Galgal Kuyyuutti, Harreen Farda dhaluu isheetu dhaga’ame. Maddi BMH!
Taatee Addaa
Waxabajjii 7, 2017 Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Galgal Kuyyuutti kanaan dura Harreen kan dhalattu abbaan Harree haatiis Harree irraa ta’uutu beekama, Garuu Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Galgal Kuyyuutti Harreen Farda dhaluu isheetu dhaga’ame.
Giddu-gala Qorannoo Qonna Hoolotaa
Giddu-gala Qorannoo Qonna Hoolataatti Qindeessaa Fayyaa Beellada Biyyaalessaa kan ta’an Dr. Beeksisaa Urgee dhimma kana irratti yaada kennaniin sanyiin Farda kormaafi Haadhoo Harree yoo wal argate ilmoon fardaa dhalachuu akka danda’u saayinsiidhaan kan mirkaana’edha. Kunis kan uumamu kiroomoozoomii fardaa fi harree walitti dhiyeenya qabaachuu isaatiini.
Sanyiin isaanis dhukkuba dandamachuun beekamus jedhan. Taateen akkanaa biyya kana keessatti dhaga’amee akka hin beekne eeruun dhimma kana irratti qorannoon qoratamuu akka qabu Dr. Beeksisaan dubbataniiru. WKBMH
Gabaabbadhus Anumatu Abbaa Keedha
‘OBN Cyber Media’ Waxabajjii 07, 2017- “Gabaabbadhus anumatu Abbaa keedhaan’’ mammaaksa Harreen Gaangeen qoccoluuf mammaakamedha.
Raajii Magaalaa Hoolataatti ta’een akkuma Gaangeen jette Fardaanis jechuuf waan qophoofte fakkaata. Seeraa uumamaa hanga ammaatti jiruun Fardi Farda irraa dhalata, haa ta’u garuu waan kanaan faallaa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Galgal Kuyyuutti Harreen Farda dhalte odeeffannoo jedhutu dhaga’ame.
Bulchiinsa Magaalaa Hoolotaa
Jiraataa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Ganda Galgal Kuyyuu abbaan qabeenyaa Harrittii kan ta’an Obbo Birhaanuu Goodaa, Harree kana gabaa Ejereedha waggaa kudhan dura bituun tajaajila fe’isaaf itti fayyadamaa jiraachuu isaanii fi harreen isaa rimaa qabachuu ishee quba qabu turan, garuu Farda naaf dhalti jedhee tasumaayyu hin yaadne.
Waxabajjii 5, 2017 ganama sa’aatii 3:30’tti Harreen Harree dhalaa turte kanaan hanga ammaa dhale na ga’a jechuun fakkaata Harree dhiistee Farda dhalte.
Obbo Biraanuunis waan argan kanatti baayyee ajaa’ibsifachuufi rifaatuun akka isaaniitti dhaga’ame ibsuun yeroo ammaa Ilmoon Harritti fayyummaa gaariirra jiraachuufi haadha ishee hodhaa jirachuus himaniiru.
Itti dabaluunis, harreen kun hanga ammaatti ilmoo harree jahaa kan dhalteefi, baran immoo farda dhaluu ishee Obbo Birhaanuun ibsaniiru.
Saayinsiin Maal jedha?
Giddu-gala Qorannoo Qonna Hoolataatti Qindeessaa Fayyaa Beellada Biyyaalessaa kan ta’an Dr. Beeksisaa Urgee dhimma kanarratti yaada kennaniin sanyiin Farda kormaa fi Haadhoo Harree yoo wal argate ilmoon fardaa dhalachuu akka danda’u saayinsiidhaan kan mirkaana’edha. Kunis kan uumamu kiroomoozoomiifi fardaafi harree walitti dhiyeenya qabaachuusaatiini.
Sanyiin isaanis dhukkuba dandamachuun beekamus jedhan. Taateen akkanaa biyya kana keessatti dhaga’amee akka hinbeekne eeruun dhimma kanarartti qorannoon qoratamuu akka qabu
Dr. Beeksisaan dubbataniiru. Waajjira Kominikeeshiii Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa irraa odeeffanne
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.