Meeshaalee waraanaa nukilaraa – Anniisaan nukilaraa addunyaa fayyaduus balleessuus danda’u akkamiin hojjetama?
Gameessi saayinsii ammayyaa abbaan fiiziksii Albart Eyinistaayin anniisaan waan xiqqoorraa argamu addunyaa jijjiiruu akka danda’u irratti wayita oguma isaa addunyaaf gumaachu har’a balaa kana addunyaatti fida hin seene.
Har’a sodaa addunyaa kan ta’e meeshaan waraanaa nukilaraa maddi isaa foormulaa Eyinistaayin anniisaa fi hanga wantootaa saffisa ifaan walqabsiisee uume irraa madda.
Wanti xsiqqoon tokko hangi isaa saffisa ifaa dachaan baayyifameen (iskuweerii ta’een) yoo baayyifamu anniisaa guddaa ta’e akka kennu argate.
Kanaan E=mc2 jechuun moggaase. Har’a anniisaan atoomiirraa argamu kan addunyaa balleessuus misoomsuus danda’u maddi isaa foormulaa kana.
Atoomiin bu’uura uumama addunyaa kanaa hundaati. Hangi atoomii akkaan xiqqoo taatee saffisa ifaan baayyifamee iskuweer gaafa ta’u anniisaan argamu salphaa miti.
Kun tiyoorii gameessa fiiziksii Albart Eyinstaayin.
Wiirtuu atoomii hundaa keessatti nukilasiitu argama. Kunneen humna cimaadhaan walitti maxxananii jiraatu. Kanaan anniisaa nukilaraa (nuclear energy) jennaan.
Boombiin nukilaraa maali? Akkamiin hojjeta?
Taatee Iraan sadarkaa meeshaalee waraanaa nukilaraa oomishuuf ishee dandeessisutti dhihaachaa jirti jechuun addunyaan irratti kaate.
Jaarmiyaan dhimma nukilaraa hordofu – International Atomic Energy Agency (IAEA) jedhamu sadarkaan gabbisa yuraaniyemii Iraan dhibbeentaa 60 irra ga’e jechuun yaaddoo qabu ibsee ture.
Nukilara irraa anniisaa oomishuuf ammoo yuraaniyemiin dhibbeentaa 3.67tti gabbate ga’aadha. Dhibbeentaa 20 dabarraan hammi yuraaniyemii gabbatee olaanaadha.
Dhibbeentaa 60, akka kan Iraan, irra geenyaan boombii atoomawaa oomishuutti dhihaachuu agarsiisa. Biyyi gabbisa yuraaniyemii dhibbeentaa 90 irraan geesse meeshaalee waraanaa nukilaraa ga’aa ta’e hidhatte jechuudha.

Addunyaa kanarratti biyyoonni sagal kaan seeraan, kaan ammoo seeraan ala meeshaalee waraanaa nukilaraa hidhataniiru.
Biyyoonni kunneen walumaagalatti nukilara 12,331 qabu. Biyyoonni seeraan meeshaalee waraanaa nukilaraa hidhachuunsaanii mirkanaa’e shan: Raashiyaa, Ameerikaa, Chaayinaa, Biriteen fi Faransaay nukilarri akka hin babal’anne waliigaltee mallatteessaniiru.
Biyyoonni afur meeshaalee waraanaa nukilaraa seeraan ala hidhatan ammoo Hindii, Paakistaan, Israa’el fi Kooriyaa Kaabaati.
Lakkoofsi meeshaalee waraanaa nukilaraa yeroo Waraanaa Hololaa kuma 60 ture. Lakkoofsi kun amma akkaan hir’atus garuu sodaa fi yaaddoon nukilaraa daran dabaleera.
Lakkoofsi meeshaalee niiwkulaara icciitii mootummaa waan ta’eef ragaa qulqulluu argachuun rakkisaa ta’ullee Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa akka tilmaametti Raashiyaan nikulara gara 5,977 qabaachuun addunyaa irraa sadarkaa jalqabaa irratti argamti.
Ameerikaan ammoo nikulara gara 5,428 qabaachuun itti aanti. Kan itti aanan Chaayinaan 350, Faransaay 290, Biriteen 225, Paakistaan 165, Hindiin 160, Israa’el 90 fi Kooriyaan Kaabaa 20 qabu.
Akka Federeeshiniin Saayintistoota Ameerikaa jedhutti, niwukilara guutuu addunyaa keessaa tilmaamaan harka 88 kan ta’u Raashiyaa fi Ameerikaa keessatti argama.
Anniisaa Nukilaraa Akkamiin Faayidaa Kenna?
Wantoonni hedduun kanneen akka yuraaniyemii tasgabbii hin qaban. Kana jechuun atoomiin isaanii salphaatti gargar caccabuu danda’u jechuudha.
Buufata nukilaraa keessatti yuraaniyemiin akka madda anniisaatti gargaara.
Atoomii keessatti kan argamu niwutirooniin yuraaniyemiitti gadhiifama yookiin dhukaafama. Kun ammoo atoomiiwwan yuraaniyemii keessaa tokko gargar babaasa.
Atoomiin gara atoomiiwwan xixiqqoo hedduutti diddiigamuun niwutirooniiwwan hedduu dhukaasa.
Niwutirooniiwwan kunneen ammas atoomiiwwan biroo rukutuun bakka hedduutti qoqqoodu.
Kanaafuu atoomiin wayita gargar qoqqoodamu ammas inni qoqqoodames hunduu gargar qoqqoodamaa anniisaa heddummeessaa deema. Qoqqoodamuun atoomii walqabatee deemu kun – Fuuncaa wal nyaatiinsaa (Chain reaction) jedhama.
Atoomonni wayita qoqqoodaman yeroo hunda anniisaa gadhiisu, anniisaan kun bifa ho’aan ba’a.
Ho’i ba’u bishaan gara hurkaatti geeddara. Hurki ba’u kun tarbaayinoota sochoosa. Kun ammoo jenereetara kaasuun anniisaa elektirkii maddisiisa.
Faayidaa anniisaa nukilaraa keessaa inni ijoon osoo aara gubataa qilleensa naannootti gadhiisuun hin faalin anniisaa elektirikii maddisiisuu isaati.
Aniisaan nukilaraa yeroo fi waqtiidhaan yookiin haalota qilleensaa gegeeddaramaniin hin daangeffamu. Yeroo hunda elektirikii maddisiisuu danda’a. Yoomuu kan abdatamuudha.
Buufati anniisaa nukilaraa al tokko hojii eegallaan anniisaa ga’aa fi gatiinsaa salphaa ta’e kennuu danda’a.
Ammoo anniisaan nukilaraa anniisaa haaromfamu miti, kun hanqina anniisaa nukilaraati.
Yuraaniyemiin albuuda lafa jalaa baafamudha, Kanaafuu dhumuu danda’a.
Buufata anniisaa nukilaraa ijaaruun baay’ee qaaliidha. Sababni isaa eeggannoo cimaadhaan hojjetama.
Carallaan yuraaniyemii keessaa ba’u baay’ee balaafamaa waan ta’eef adeemsi oomisha anniisaa nukilaraa of eeggannoo olaanaadhaan qabamuu qaba, to’annoo fi hordoffiif xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba.
Balfi buufata nukilaraa keessaa gadhiifamu baayyee summaawaadha, miidhaansaa waggoota kuma hedduuf turuu danda’a.
Miidhaa Anniisaa Nukilaraa
Atoomota yuraaniyemii gargar diddiiguun carallaa nukilaraa (nuclear radiation) uuma.
Carallaa nukilaraa jechuun anniisaa fi qaamolee erga nukilasiin atoomii yuraaniyemii qoqqoodamee booda gara alaatti ba’an jechuudha.
Carallaan nukilaraa hunda keenya marsee jira. Hawaa keessaa, dhagaa irraa, biqiloota irraa akkasumas bineensota irraa carallaan nu qaqqabuu danda’a.
Nutis carallaa kana gadhiisuu dandeenya.
Carallaan nukilaraa hammi isaa akkaan guddaa ta’e dhala namaa dabalatee lubbu qabeeyyii hundaaf baayyee balaafamaadha.
Kanaan dura taateen iddoowwan buufata nukilaraatti mudatan rakkoo hamaa uumanii darbaniiru.
Bara 1986 buufati anniisaa nukilaraa Yukireen, Chernobyl jedhamu keessatti rakkoon humna ibsaan walqabatu mudachuun fuuncaan wal nyaatiinsa atoomii (chain of reaction) to’annoodhaan ala ta’e, duuba dhohiinsa uumuun balaa qaqqabsiise.
Bara 2011 balaan kirkira lafaa fi dambalii galaanaa hamaan (sunaamii) buufata nukilaraa Jaappaan, Fukushimaa irratti miidhaa guddaa uume.
Dhohiinsaa fi carallaa nukilaraa balaafamaa uumuun naannoon baay’ee jeeqamee ture.
Iddoowwan lameenittuu carallaan naannootti gadhiifamuun jiraattota naannoo fi hojjettoota bakka kanatti dhihoo jiran guddoo miidhe.
Carallaan Chernobyl irraa gadhiifame fageenya dheeraa imale, hanga Iskootlaanditti miidhaansaa mul’ateera.
Balfi iddoo oomisha nukilaraa irraa gadhiifamus carallaa waan uumuuf balaa qaba.
Buufataaleen anniisaa nukilaraa akkuma elektirikii maddisiisan, balfi isaan gadhiisan ammoo carallaa balaafamaa uuma.
Kun dhala namaa fi naannoof balaa guddaadha. Akkasumas bineensota, bishaan fi biqiloota guddoo huba.
Carallaan gariin humna cimaa qabaachuurraa kan ka’e lafa jala gadi seenuun riphee turuu danda’a. Dhagaa jalattifaa kuufamuu danda’a.
Miidhaan isaa waggoota kumaatamaaf turuu waan danda’uuf balfi nukilara irraa gadhiifamu xiyyeeffannaa guddaan hordofamuu qaba. Mata duree walqabatan itti fufuun dubbisaa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.