Raayyaa Ittisaa Israa’el

Raayyaa Ittisaa Israa’el (IDF) halkan darbes xiyyaarota waraanaa Israa’el 60 ol ta’aniin eddoowwan Teehraan keessatti argaman irratti xiyyeeffachuun haleellaa hedduu raawwachuu hime.

Israa’elii fi Iraan halkan darbes dabalataan walitti dhukaasan

Israel vs Iran war

Raayyaa Ittisaa Israa’el haleellaa kana raawwachuuf meeshaaleen waraanaa gara 120 ta’anitti fayyadaman, bakkeewwan oomisha misaa’ela waraanaa fi wiirtuu qorannoo nikularaa kanneen waraanni Israa’el meeshaa nikulaaraa Iraan qopheessuu keessatti hirmaata jedhe irratti ta’uu hime.

Akkasumas Iraanis halkan darbe Israa’el irratti haleellaa raawwachuu ishee waraanni Israa’el ibsuun, kibba biyyattii keessatti haleellaan raawwatamuun gabaafameera.

Haa ta’u malee hanga ammaatti Iraan haleellaa kana ilaalchisee yaada hin kennine.

Ministirri Dhimma Alaa UK fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa gitasaanii Iraan waliin dubbachuufi

Ministirri Dhimma Alaa UK Daaviid Laamiiy Jenevaatti imaluun michootasanii Faransaayiifi Jarman waliin ta’uun Ministira Haajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii waliin mariyachuufi.

Ministeera Dhimma Alaa UK

Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kajaa Kalaasis maricharratti ni hirmaatu.

Yoo marichi akka qabametti kan gaggeeffamu ta’e Israa’el torban tokko dura Iraaniin haleeluu booda biyyattiifi biyyoota lixaa gidduu marii godhmu isa jalqabaa ta’a.

Marichi Iraan yaada warra Lixaa akka fudhatu gochuurratti xiyyeeffata.

Ministirri Haajaa Alaa Faransaay Jo’ee No’eel Baroot Iraan sagantaa nikuleeraafi misaayela baalestikiisheerra haala waaraa ta’een akka boodatti jettu irratti xiyyeeffanna” jedhan.

Laamiin X gubbaa ibsa maxxansaniin ”Baha Gidduugalaatti ta’ii yaaddessaa adeemeefi waraana naannichatti hammaatee eenyuunuu hin fayyadne dhaabuuf yeroonsaa amma” jedhan.

Ejjennoon warra Lixaa Iraan waraana nikuleera qabaachuu hin qabdu kan jedhudha.

US torbee lamatti hirmaannaa waraanaa murteessuufi, UK fi EUn Iran waliin dubbachuufi

US torbee lamatti hirmaannaa waraanaa murteessuufi, UK fi EUn Iran waliin dubbachuufi

US torbee lamatti hirmaannaa waraanaa murteessuufi, UK fi EUn Iran waliin dubbachuufi. Ministiroonni Haaja Alaa UK, Farnsaayfi Jarmanii haala warana Israa’eliifi Iraan itti xumuran irratti gita isaanii kan Iraan waliin har’a Jeneevaatti mriyachuufi. Pirezidant Tiraamp ammoo waraana kanatti kallattiin hirmaachuufi dhiisuu torban lama keessatti akka murteessan Waayit Haawus beeksise.

Yeroo darbe akkuma yaadatamu misaa’eliin Iraan Hospitaala Israael yommuu haleeletti, Hogganaan olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa gochaa kana balaallefatan.

”Gabaasni haleellaa hospitaalaa bahaa jiru kan rifaasisudha,” jedhan Teedroos Adaanoom ergaa X irratti barreessaniin.

Hoggantichi haleellaa hospitaala Sorookaa fi hojjettoonni Hawaasa Addeessa Diimaa Iraan ajjeefamuu eeran.

”Qaamoti hundi bu’uuraalee fayyaa, hojjettoota fayyaafi dhukkubsattoota tiksuu qabu. Qorichi gaariin nagaa dha,” jedhan. Odeeffannoo haaraa kanneen biroo hordofnee irraa jalaan kan isin biraan geenyu ta’a. Ergaalee dabalataa dubbisaa!

 


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading