Gaa’elli Diigamuu hin Dandeenye Isa Kamidha?
Mat. 19:6 – “…dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u. Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baas in!” jedhe.
Kakuu Haaraa keessatti gaa’ela diigamuu hin dandeenye tokko ni argina. Gaa’elli diigamuu hin dandeenye kun isa kamidha yoo jenne, waan Yesuus dubbate tokko nu yaadachiisa.
“… sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta’u’. Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” jedhe. (Mat. 19:5-6)
- As irraa waan tokko akka hubattan nan amana. “Kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!” Isa jedhudha. Iddoo kanatti wanti nuyi hubannu yaada Waaqayyoo yookiin fedha isaa namni dura dhaabbachuu akka hin qabnedha. Gaa’elli diigamuu hin dandeenyee fi warri addaan ba’uu hin dandeenye jalqabuma warra Waaqayyo walitti qabsiise yoo ta’aniidha. Jalqabuma Waaqayyotu walitti isaan fideera taanaan yoom iyyuu adda ba’uun isaaniif hin eeyyamamu. Kana jechuun garuu yoo akka fedhe balleessanii fi ejja hamaa keessas galanis calluma jedhanii waliin rakkachaa hafuun gaariidha jechuu koo miti.
Aboo Waldaa Jala ofgalchuu
Kakuu haaraa keessatti namoota lamaan waljaalatan akka Waaqayyo walitti hidhe akkamiin beekuun danda’ama isa jedhuuf, “jalqaba dhiirri tokkoof durbi tokko erga wal jaalatanii booda Kiristiyaanota taanaan aboo waldaa jala of galchuu qabu, waldaan jaalala obboloota kanaa qortee ilaaluu fi irratti kadhachuun, hafuura qulqulluus mariisisuun dirqama isheeti malee mirga ishee miti. Dabalataan ijoolleen maatii isaanii fi maanguddoota hubatoo ta’an waliin haasa’uudhaan gorsa bal’aa fi hubannaa gaa’elaa argachuu qabu. Jaalalli isaanii waldaadhaan ilaalamee, maatii fi maanguddootaan ilaalamee, laphee isaanii keessattis hidda gadi fageeffannaan hidhaan kun Waaqayyo biraati jechuudha.
Kanaafuu inni akkasii kun fedha Waaqayyoo ta’uu isaa itti dabalee waan gaa’elli Kiristiyaanotaa fakkaachuu qabu kan nu hubachiisudha.
Kajeellaa Biyya Lafaa irraa Fagaachuu
Kuni akkas ta’ee utuu jiruu, warri kajeellaan biyya lafaa kanaa walitti isaan hidhe immoo hedduutu jiru. Isaan kun walitti hidhaminni isaanii Waaqayyo biraa miti. “Kan Waaqayyo walitti hidhe namni addaan hin baasin!” Inni jedhu ergaa isaaniis miti, isaaniinis hin ilaallatu. Hedduun qabeenyaan walitti hidhamani, hedduun kajeellaa fooniin walitti hidhamani, kaawwan isaanii immoo maalummaaf akka walitti hidhamanii waliin manatti galaniiyyuu hin beekani.
Warreen akkasii kun amma illee waldaa fi biyya rakkisaa jiru. Gaa’elli isaanii waldaa fi biyyaaf mitiitii isaaniifuu kan hiika kennuu dide hedduun amma lafa keenya irra jiru. Isin yoo dandeessan gara kakuu keessan haareffattanii waliin jiraachuutti koottaa! Yoo dadhabdan immoo ariifadhaa adda ba’aa! Wal gubaa jiraattanii gara ibidda caalu sanaatti akka hin nam’ineef of eeggadhaa! Walumaa galatti kakuu haaraa keessatti namoonni kakuun gaa’ela isaanii Waaqayyoon walitti hin hidhamnee fi warreen immoo gaa’ela isaanii kana ejjaan goolan addaan ba’uu ni danda’u.
Mata duree walqabatoo dubbisaa!
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.