Dukkana Koo Ibsita!

dukkana-koo-ibsita

Dukkana Koo Ibsita!

📖 “Yaa Waaqayyo, ibsaan koo haleelee akka ifu in goota, yaa Waaqayyo gooftaa ko, dukkana koo in ibsita.”
— Far. 18:28

Addunyaan keenya faallaa lamaan guutamtee jirti. Jireenyi namaa wantoota adda addaa lamaan kanaan daawwatama. Gaddaa fi gammachuu, kisaaraa fi bu’aan, gammachuu fi kolfa, yaaddoo fi boqonnaa, salphinaa fi ulfina kunneen karaa jireenyaa ilmi namaa keessa darbudha.

Daawit faarfannaa kana yommuu barreessu jireenyi isaa sodaa fi dukkanaan kan guutame ture. Garuu dukkanni hamaan isa marsee jiru kun bara baraan akka isa qabatu hin jaalanne. Kana malees, dukkana kana ofumaan balleessee ifaan bakka buusuuf carraaquu isaa hin arginu. Kan inni godhe garuu dukkana fudhatee waaqa isaatti dhiyaate. “Yaa Waaqayyo, ibsaan koo haleelee akka ifu in goota, yaa Waaqayyo gooftaa ko, dukkana koo in ibsita.” (Far 18:28) Dukkanni ifaan akka bakka bu’uuf tarkaanfii amantii irra deeme.

Har’a jireenya keenya of duuba deebinee yeroo ilaallu dukkana adda addaatiin kan guutame ta’uu danda’a. Muraasa maqaa dhahuu qofaaf: dukkana cubbuu keessatti cuuphamuu, dukkana of too’achuu dhabuu, dukkana tuffiitti deebi’uu, dukkana akka sagalee Waaqayyootti jiraachuu dhabuu, dukkana cubbuu gammachuu koo jedhee waamuu, dukkana kan milkaa’ina dhabuu, dukkana nagaa dhabuu, dukkana gantummaa, dukkana hinaaffaa, dukkana gaa’ela dhabuu fi kan kana fakkaatan… Hiriyyoota koo, dukkana kanaa fi kan kana fakkaatan keessaa yoo of arganne, wantoota lamaan kana hojjechuun jireenya keenyatti jijjiirama fiduu dandeenya.

Dura, Amani! 🙏

Dukkana keessa akka jirru amanuu. Kun tarkaanfii keenya isa jalqabaa ta’uu qaba. Rakkoo sanaaf itti gaafatamummaa guutuu fudhachuu, barachuu fi dogoggora keenyaaf namoota biroo komachuu irraa of qusachuu qabna. Kana yommuu goonu, keessa keenyatti “jijjiiramuu dhabuun yookiin yakki” waan nutti dhaga’amuuf fayyisaa akka nu barbaachisu ni hubanna.

Lammaffaa, itti dhiyaachuu

Dukkana keessa akka jirru amannee itti gaafatamummaa erga fudhannee booda tarkaanfiin keenya inni itti aanu garaa cabee dukkana keenya ibsuu danda’uun gara Waaqayyootti dhiyaachuu ta’uu qaba.

“… isa gara koo dhufu ani of irraa hin ari’u;” (Yoh. 6:37) Waaqayyo keenya inni jiraataan dukkana nu marsee jiru buqqisee iddoo ifaa nuuf godha. Dukkana keenya ibsa!

Kanaaf, dukkana baay’ee suukkanneessaa fi dukkanaa’aa keessatti yeroo of arginu, abdii kutachuu dhiisnee, dukkana keessa akka jirru amannee itti gaafatamummaa fudhachuun, tarkaanfii jijjiiramuuf fudhachuun barbaachisaadha. Imalli jijjiiramaa kun kan xumuramu Waaqayyo isa dukkana gara ifaatti jijjiiru amantiidhaan itti dhiyaachuudhaani.

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqa koo ati dukkana koo ibsita! Lafa rakkinaa keessatti akkan hin hafne waan na taasiftuuf sin galateeffadha. Dukkana keessa akkan jirus amanee sitti dhihaadha. Abbaa dukkana na marsee jiru naaf ibsi🙏 jedheen si kadhadha.
Ameen.🙏

Sitti Nan Amana

“Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!”
— Far. 16:1

📖 “አቤቱ፥ በአንተ ታምኛለሁና ጠብቀኝ።”
— መዝሙር 16፥1

Ijoolleen warra isaanii irratti amantii hammam akka qaban nama ajaa’ibsiisa. Keessumaa ijoolleen guutummaatti warra isaanii irratti hirkatanii jiru. Mucaa tokkoof warri abbaan isaa akka ilaalcha mucichaatti wanti hin danda’amne akka hin jirreetti yaada. Abbaan utuu jiruu eenyullee ija jabaatee dhufee kan isa miidhu akka hin jirre mirkanaa’aadha. Barreeffama “Abbaan tokko dura bu’oota mana barnootaa kuma irra caala” jedhu kanan dubbise nan yaadadha.

Ijoollummaa kootti abbaan koo harka lamaan na qabee samiitti ol na kaasuu isaa nan yaadadha. Yeroon ol bahee gadi deebi’u kufuun danda’a jedhee sodaadhee hin beeku. Harka abbaa koo isa jabeessee na qabate ilaalaa qilleensaa fi harka abbaa koo irratti of arga. Kun yaadannoo baay’ee keenyaa ta’a jedheen amana.

Daawit nama lubbuu isaa eeguu danda’u Waaqayyo malee namni biraa fi wanti biraa akka hin jirre hubatee ture. Kanaafidha Waaqa isaatiin “Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!” Kan jedhuuf. (Far. 16:1)

Amantii Guutuu Qabaadhu!

Har’a wanti nuti itti amantii dhabne maalidha laata? Wanta foonii har’a mul’atee boru akka fixeensaa badu irratti moo Waaqayyo isa bara baraa irratti?

Obbolootaa, imaanaa keessan nama irra kaa’uun dhuma irratti qisaasa’ummaa (kisaaraadha). Deeggarsi keenya nama irratti yoo ta’e, namni akka ulee shanbooqqoo waan ta’eef guyyaa tokko cabuun isaa hin oolu. Gaafa cabus nama waraana. Nu miidha. Waaqayyo garuu abbaa gaarii fi amanamaadha.” (Isa. 42:3). Inni dhagaa jabaa itti amanuu qabnudha. Gaafa obomboleettiin boba’uu fi taatee hamaan uumamu, yoomiyyuu nu hin dhiisu. Harka nu qabee nu oolcha.

🛐 Kadhannaa: Yaa Waaqayyoo sitti nan amana, ati abbaa gaarii yoo si amanan amanamuu danda’u waan taateef siif galanni haa ta’u. “Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera, ati na eegi!” Ameen.
Daily devotional


Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe to get the latest posts sent to your email.

One thought on “Dukkana Koo Ibsita!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Discover more from GAGGEESSUMMAA

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading