Seensa
❏ Fiigicha kaayyoo sirrii yommuu jedhamu – karooraa fi kaayyoo qajeelaa galma qulqulluu qabuuf dhimmanii fiigan jechuudha. Fiigichi kaayyoo sirriif karaa sirrii irra godhamu baay’ee kan nama dadhabsiisu ta’ullee fiixan ba’uumsa gammachiisaa qaba. Faallaa baay’oliis yeroo itti nama fiigsisu qaba. Gonfoo moo’ichaas qaba. Mee kutaa macaafa qulqulluun walqabsiifnee haa ilaallu!
⁃ Heenok bara isaa keessa akkasitti jiraate. (Um. 5:25) “Henok karaa isaa irra deddeebi’uu dhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; Waaqayyo waan isa fudhateef deebi’ee achitti hin argamne”.
⁃ Heenok lallaba baay’ee hin lallabne, raajii baay’ee hin raajne, faarfannaa gumaaches Macaafa Qulqulluu keessatti hin arginu, hojii inni hojjete kan namoota duratti beekamu tokko illee hin jiru.
⁃ Haa ta’u iyyuu malee waa’ee isaa Macaafni Qulqullun, deemsa (fiigicha jireenyaa) isaa Waaqayyoo wajjin godhate jedha. Deemsa deemu hundumaa keessatti Waaqayyoon of fuula duratti ilaalee, isa dhaggeeffataa, isaaf of bichisiisaa jiraate jechuu dha. Heenokiif karaan sirriin karaa Waaqayyoo ture.
Yeroo tokko tokko karaan namootaa, karaan warra ‘baratan’, ‘qabu’, ‘beekamoo dha’, ‘tajaajiltoota’ jedhamanii karaa Waaqayyoo nu harkatti rakasiisa. Isaantu nu dura dheeratee dhaabata. Sababni isaa immoo nutu caalchisee isaaniin ofitti dhiyeesse. Kana irraa kan ka’es, karaan Waaqayyoo wallaalummaa, gowwummaa, boodatti hafummaas nutti fakkaata.
Nohis jireenya faallaa jiraate. Kun immoo bara badiisaatti jireenya isa argachiise. Kaayyoon fiigicha keenyaa bara badiisaa nu oolchaa laata?
Deemaas Phawuloosii wajjin Wangeela fudhatee bahe (Qol. 4:14). Tarii carraa hojii kan biraa dhabee laata? Tasaloonqeetti bakka hojiin qarshii baay’ee nama argachiisutu argame. Attam godhee bira haa darbu ree? (2Xim. 4:9-10) Waan barbaadutti bahe waan ta’eef nama mul’ataa biraa achumatti hafe.
⁃ Yoo kaayyoon adeemsa keenyaa mul’ata qabannee deemnuun wal hin fakkaatu ta’e, wanti warra mul’ataa fi mul’aticha biraa nu hambisu dafee in dhufa.
Baadiyyaa keessatti yeroo baay’ee sareen namaa wajjin karaa adeemti. Yoo lafa maasii dhaqan, yoo adamoo dhaqan, yoo horii tika dhaqan sareen wajjin deemti. Sarettiin garuu otuma deemanii lafa raqaa yoo gahan bira darbuu hin dandeessu. Siluma iyyuu sareen dhimma midhaan qotuu yookiin aramuu, dhimma loon eeguu yookiin dheechisuu hin qabdu. Kanaafuu, raqa biratti hafti.
⁃ Nuun maaltu Gooftaa nu waamee fi waamicha itti waamamne biraa nu hambisa laata? Uffee, amma bira gahe siluma iyyuu kanan barbaada kan nuti jennu maali inni laata?
Bu’aalee Fiigicha Kaayyoo Sirrii
❍ Warri kaayyoon waamicha isaanii fi inni isaan waame isaaniif gale akka Daawit jireenya dinqisiisaa jiraatu.
Dawit:
⁃ “Borofni…lubbuun koo akkasuma si yaaddi, Yaa Waaqayyo!…Yooman dhufa, Waaqayyo koo durattis yooman argama?” jedhe (Far. 42:2). Kan isaa dheebuun mootii ta’uu, beekamaa ta’uu, qabeessa ta’uu, kan kana fakkaatan miti; inni Waaqayyo biraa waan murameef in ta’a–warrumti kaanuu mootii kan ta’an jiru waan ta’eef Daawwitiif kun homaa miti. Garuu fiigichi Daawiti Waaqayyo bira gahuuf.
⁃ Bakka biraattis, “Gara mana Waaqayyoo dhaqna!’ yeroo anaan jedhanitti, ani nan gammade” jedha. (Far. 122:1).
⁃ Iddoo biraatti immoo, “Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra,oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya- godoota jal’inaa keessa taa’uu koo irra, balbala mana Waaqayyoo koo dura ijaajjuu nan fo’adha.” jedha. (Far. 84:10).
⁃ Kana qofa miti. “Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha,isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu” jedha. (Far. 27:4).
➛ Anaa fi isiniin wanti qalbii keenya dhuunfatee jiru maal laata? Wanta goonuu fi yaadnu, waan dhamaanuuf keessatti Waaqayyo iddoo attamii qaba laata? Yesuus in dhufa. Isa nuti hojjenne hundumaa in madaala. [Asirratti na hubadhaa, gaarii hojii keessaniitiin fayyina, jedheen ayyaana Waaqayyoo salphisaa jira miti.] Garuu amantootaaf badhaasi jira.
⁃ Akka Phawuloos jedhutti, hojiin nama hundumaa abiddaan qoramee ilaalama. (1Qor. 3:11-15) “…Namni warqee dhaan, meetii dhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiin mukaan, citaa dhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara…” yoo ta’e kan qoru abiddicha. “Hojiin namichaa yoo duraa gubate garuu inni gatii isaa in dhaba; haa ta’u iyyuu malee ofii isaatii akka nama ibidda keessaa ba’eetti in oola” Yoo hojiin keenya abiddicha keessa nuuf darbe itti badhaafamna. Yoo kanaa achii immoo akka nama qullaa isaa mana gubate keessaa bahee baqatuuti.
Kutaa walqabataa dubbisaa
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Thanks