Seensa
Barnoonni “fiigichi kee maal si argachiisa?” jedhu, barnoota baay’ee bal’aa ta’ee fi bara si’anaa kanatti baay’ee barbaachisaa kan ta’e akkasumas barnoota hafuura namaa boqochiisu dha. Akka seensaatti ibsa kennuudhaan itti fufnee mata duree adda addaa tuquudhaan waliin barachaa itti fufna.
(Mata dureen kun bu’aa dhamaatii keenyaa akka xiinxalluuf kan nu gargaaru dha. Walitti fufiinsaan isiniif dhiyaata. Fiigichi adeemsa ariitii dhaan of fuulduratti godhamuu dha. Fiigichi fakkeenya adeemsa jireenyaa, tajaajilaa, hojii, dubbii, yaadaa fi mul’ataa ti. Fiigicha jennee inni nuti ilaallu dhamaatii waan dheebonnu bira gahuuf goonu jechuu dha. Saffisni fiigicha namaa yeroo baay’ee dheebuu waan bira gahuu barbaadu yookiin immoo jibba/sodaa waan jalaa bahuu barbaadu irratti qabuun murteeffama. Namni yeroo waan tokko jalaa baqatu humnaa fi dandeettii qabu maratti fayyadamee fiiga. Akkasumas immoo namni yeroo dheebuun waan tokkoo isa keessa guutu, akkuma kana humna qabu hin qusatu.
Egaa mata dureen “Fiigichi kee maal si argachiisa?” jedhu kan inni of keessaa qabu “inni ati
- Yeroo,
- Humna,
- Qalbii,
- Yaada garaa kee,
- Qabeenya kee,
- Bara kee, kan kana fakkaatan laatteef kun maal biraan si gaha isa jedhu itti yaadameeti. Mata duree kana jalatti waa’ee dhamaatii goonuu qofa utuu hin ta’in, wanti dhamaanuuf maal biraan akka nu gahuu danda’u kan keessatti xiinxallee of ilaallu ta’a.
Gosa Fiigichaa fi Kaayyoo Isaa
Gosa fiigichaa bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya:
🔵 Fiigicha mul’ataa fi
🔵 Fiigicha dhokataa.
Yeroo baay’ee fiigicha fiignu namoonni beekuu hin danda’an. Yeroo biraas namni waan tokkoof utuu fiiguu garuu namoota biraatti immoo waan kan biraa mul’isuuf carraaqa. Fiigichi kee maal si argachiisa laata? Namoonni baay’een waan fiiganiif dagachuudhaan
Fakkeenyaaf, Gihaaz na’oo nama Waaqayyoo Elsaa’i ture. Yeroo isaa guutuu kennee nama Waaqayyoo kana tajaajila. Kanaafuu gaafa namoota duratti ilaalamuu fi gaafa Elsaa’i isa ilaalu Gihaaz nama muratee hojii Waaqayyoof bahe fakkaata. Haa ta’u iyyuu malee garuu, fiigichi isaa horii wajjin, qabeenyaa wajjin, badhaadhummaa wajjin, maqaa wajjin, hiyyuma jalaa bahuu wajjin wal hidhataa fakkaata. (2Mot. 5:15-27).
Dheebuu garaa isaa keessa jiru guuttachuuf maal godhe:
- Yaada nama Waaqayyoo irratti ka’e (‘sirrii miti’ jedhe); (20)
- Soba dhugaa fakkeessee dhiyaate (21)
- Waan hojjete immoo in dhokse (25)
- Elsaa’iin kan dhibu waamicha isaa akka ta’utti fiixaan baasee Isiraa’el keessa Waaqayyo akka jiru mul’isuu yoo ta’u Gihaaz keessa immoo carraa waamicha Elsaa’i qabuutti fayyadamee qabeenya kuufachuu dha. Haa ta’u iyyuu malee, inni kun fiigicha garaa isaa keessatti moo’ee jiru malee isa namni alaan irratti beeku miti. Hamma gaafa Waaqayyo isa saaxilutti, Gihaaz dhoksaatti waan inni adeemuu fi wanti inni mul’inatti hojjetu wal hin fakkaatu ture.
Yihuudaanis akkasuma garuu guyyaan gaafa dhufu wanti inni dhoksaatti fiiguuf waltajjii irratti isa salphise. Kana irraa kan ka’es waamicha itti waamame kabajuu hin dandeenye. Yaa obboloota koo, namni waamichas yoo qabaate, ayyaannis yoo kennameef, dibatnis yoo irra jiraate, yoo kaayyoon fiigicha isaa hin qajeelfamne lafa gahee dhaabatu qaba.
Gi’aaz, Yihuudaan, Saa’ol akkasumas namoonni waamicha qaban garuu wanti isaan jireenya isaanii kennaniif immoo isaan galaafate baay’ee argina. Namoonni ayyaanni Waaqayyoo baay’ateef akka Saa’ol, akka Yihuudaa garuu kaayyoon jireenya isaanii inni hin sirreefamin isaan miidhes jiru.
Saa’ol irratti dibatas ni argina. Saamsoon irratti humnas ni argina. Kanaafuu, galma ga’uu keenyaaf ayyaana, waamichaa fi dibata argachuun keenya qofti gahaa miti. Haa ta’u iyyuu malee KAAYYOO FIIGNUUF SIRRIITTI BEEKUUN barbaachisaa dha.
Kaayyoo Fiignuuf Adda Baafnee Beekuu
Maaliif fiigaa jirraa? Maal inni nu bite? Maal inni nu fudhatee deemaa jiru. Inni nuti isaaf jennee, ayyaana Waaqayyoo, waamicha isaa fi dibata isaatti dhimma bahaa jirru maali? Isa Waaqayyo barbaadu moo isa ofii barbaannu? Isa itti waamamne moo isa ofii dheebonnuu? Yeroo baay’ee fedhiin keessa namaa yaada Waaqayyootiin yoo hin qajeelfamu ta’e, faallaa waamicha keenyaa akka jiraannu nu godha. Isa kana mo’achuuf wal’aansoo jabaa fi itti fufaatu nu barbaachisa. [Yesuus xoofoon dhiphinaa akka isa irra darbu utuma barbaaduu garuu fedha Abbaa isaatiif of laate.]
Discover more from GAGGEESSUMMAA
Subscribe to get the latest posts sent to your email.
Adeemsa ofii akkamiin sirreeffatu isa jedhuuf pagen kun baay’ee barbaachisaadha
Barnonnii kun baay’ee bareedadha utuu itti fufamee
Adeemsa ofii akkamiin sirreeffatu isa jedhuuf pagen kun baay’ee barbaachisaadha